Fandiin misoomaa Saa’udii deeggarsa Itiyoophiyaaf taasisu akka ittifufu beeksise - ENA Afaan Oromoo
Fandiin misoomaa Saa’udii deeggarsa Itiyoophiyaaf taasisu akka ittifufu beeksise

Ebla16/2017(TO)-Fandiin misoomaa Saa’udii deeggarsa Itiyoophiyaaf taasisu akka ittifufu beeksiseera.
Walgahii baankii addunyaa fi dhaabbata maallaqaa addunyaarraa Ameerikaa Waashiingitanitti taa’amaa jirurratti hiraachaa kan jiran Ministirri maallaqaa Ahimad Shidee hojii raawwachiisaa olaanaa fandii misoomaa Saa’udii Sulxaan Abduraahimaan Almarshaad waliin mari’ataniiru.
Mariin kunis, dhimmoota ijoo riifoormii dinagdee gooroo fi hirmaannaa fandiin misooma Saa’udii Itiyoophiyaa keessatti qabaachuu danda’u irratti kan xiyyeeffatedha.
Ministirri maallaqaa Ahimad Shidee, Hojiirra oolmaa riifoormii dinagdee Gooroo fi bu’aa fide hubachiisanii riifoormichi hirmaannaa damee dhuunfaa kan guddisee fi damee anniisaa fi geejjibaa dabalatee bu’ura misoomaa mootummaan hojjeturratti jijjiirama dhufe kaasaniiru.
Jijjiirama gama turizimii, Albuudaa fi qonnaa dhufes ibsaniiru.
Hojii raawwachiisaan fandii misoomaa Saa’udii Sulxaan Abdulraahimaan Almarshaad gamasaaniin, tarkaanfiin riifoormii dirree mijataa Itiyoophiyaan invastimantii kallattii alaa irratti fudhattee fi bu’aa dhufe dinqisiifataniiru.
Fandiin misoomaa Saa’udii fulla’insaan misooma Itiyoophiyaa deeggaruuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.