Riijiniin daldala Walabaa Ardii Afrikaa walitti hidhamiinsa qilleensaa cimaan yoo deeggaramu ni dagaaga-Ministira Dr. Alamuu Simee

Ebla 16/2017 (TOI)- Riijiniin daldala Walabaa Ardii Afrikaa walitti hidhamiinsa qilleensaa cimaan yoo deeggaramu ni dagaaga jedhan Ministirri Geejjibaa fi Loojistikii Dr. Alemu Sime.

Fooramiin Aviyeeshinii Ityoophiyaa jalqabaa Finfinnee Hoteela Iskaayilaayititti gaggeeffamaa jira.

Ministirri Geejjibaa fi loojistikii Dr Alemuu Simee, Ministirri Turizimii Salaamaawit Kaasaa, Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Siviil Aviyeeshinii Ityoophiyaa Geetachoo Mangiste, hoji gaggeessaa olaanaa Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa Masfin Xaasoo fi qooda fudhattoonni biroo foramicharratti argamaniiru.

Ministirri Geejjibaa fi Loojistikii Dr. Alamuu Simee, wayita kana akka jedhanitti; Itiyoophiyaan Aviyeeshinii Afriikaa amansiisaa,, fulla’aa fi walitti hidhamiinsa qabu uumuuf hojjechaa jirti.

Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa Afrikaa keessatti toora bakkeewwan geejjibaa guddaa fi adda addaa kan qabu ta’uu eeranii,  kunis ardiilee walitti fiduuf kutannoo qabu kan agarsiisudha.

Riijinii Daldala Walabaa Ardii Afriikaa mijeessuuf walitti hidhamiinsa qilleensaa cimsuun murteessaa ta’uus hubachiisaniiru.

Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa gara Loome, Liilongiwee fi Kisanganiitti babal’achuu ibsaii, kanaanis Paan Afriikaan kutannoo agarsiisuu isaa ibsaniiru.

Ministirri Turizimii Salaamaawiit Kaasaa akka jedhanitti, turizimiin dameewwan mootummaan jijjiirama waggoota darban keessatti xiyyeeffannoo itti kenne keessaa isa tokko ta’uu ibsaniiru.

Damee turizimii guddisuuf dameen Aviyeeshinii murteessaa ta’uu ibsuun, walitti hidhamiinsa Afriikaa keessatti cimsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.

Hojii gaggeessaan olaanaa Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa obbo Masfin Xaasoo gamasaaniin waltajjiin kun dhimmoota induustirii aviyeeshinii, tajaajila geejjibaa qilleensaa fi kanneen kana fakkaatan misoomsuuf Itiyoophiyaa fi Afriikaa keessatti mari’atamuu danda’an irratti ni mari’ata jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015