Obbo Ahimad shidee dhaabbata Maallaqaa Idila Addunyaa (IMF) tti itti Aanaa pirezedantii bahaa fi kibba Afriikaa walin marii’atan - ENA Afaan Oromoo
Obbo Ahimad shidee dhaabbata Maallaqaa Idila Addunyaa (IMF) tti itti Aanaa pirezedantii bahaa fi kibba Afriikaa walin marii’atan

Ebla 16/2017(TOI)-Jilli Ministira Maallaqaa Ahimad Shideen durfamu eeggataa itti aanaa piresidaantii bahaa fi kibba Afriikaa Amiit Daar waliin walgahii dhaabbata maallaqaa idil addunyaa fi baankii addunyaa irratti mari’ataniiru.
Marichis riifoormii Dinagdee gooroo Itiyoophiyaa fi tumsa kallattii fulduraa irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsaniiru.
Ministirichi mariisaaniin Itiyoophiyaatti gufuuwwan idil addunyaa hojiilee harka qalleeyyii irratti xiyyeeffatan irratti rakkoowwan mudachaa jiranii fi milkaa’inoota argaman ilaalchisee ibsa kennaniiru.
Guddina tarsiimawaalammiilee hundumaaf badhaadhina mirkaneessuuf, ittifufiinsa maakiroo Faayinaansiin, Invastimantii kallattii Alaa, nageenya Annisaa, Daldala riijinii fi humna namaa irratti xiyyeeffate qooddataniiru.
Itti aanaan ierezedantii Amiit Daar Itiyoophiyaan Dinagdee ishee Ammayyeessuuf , qaala’insa gabaa to’achuuf, invastimantii dhuunfaa babal’isuu fi gama dinagdeen hojiiwwan fooyya’insaa hojjetaman, tarkaanfiiwwan tarsiimoo fudhataman dinqisiifataniiru.
Itiyoophiyaan guddina hunda galeessa fi adeemsa misooma itti fufsiisaaf gootu fi invastimentiiwwan lammiiwwanshee fayyadamoo taassisan, tarsiimoowwan fooyya’an, deeggarsa qaamolee dhuunfaaf baankichi deeggaruuf kutannoo qabu mirkaneesseera.