Ayyaanni hundeeffama poolisii waggaa 116ffaan Ebla 19 irraa eegalee sagantaawwan garagaraan nikabajama

Ebla 16/2017(TOI)-Ayyaanni hundeeffama poolisii waggaa 116ffaan Ebla 19 amma 26 bara 2017tti sagantaawwan garagaraan akka kabajamu poolisiin federaalaa beeksise.

Dubbi himaan poolisii federaalaa Itiyoophiyaa gargaaraa komishinaraa Mogos Chokkol ibsa kennaniin, guyyaa hundeeffama poolisii sagantaawwan garagaraan kabajuuf qophiin taasifameera.

Ebla 19 amma 25 bara 2017tti dorgommiin Ispoortii dhaabbileen poolisii Baha Afriikaa irratti hirmaatan akka taasifamu dubbataniiru.

Dorgommiin kun akaakuu Ispoortii jahaan akka taasifamu ibsaniiru.

Ebla 23 bara 2017 simpooziyeemiin hayyoonni fi gaggeessitoonni poolisii akkasumas keessummoonni garagaraa bakka argamanitti golambaa saayinsiitti akka adeemsifamu eeraniiru.

Agarsiifni sadarkaa poolisiin irra gahe agarsiisu ni’agarsiifama jedhaniiru.

Gaggeessitoonni mootummaa olaanoon, dhaabbileen poolisii akkasumas gaggeessitoonnii fi bakka bu’oonni biyyoota miseensa BRICS bakka argamanitti Ebla 26 bara 2017 addababayii Masqalaatti akka kabajamu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015