Ambaasaaddaroonni biyyoota garagaraa paarkii biyyaalesaa gaarren Baalee Daawwatan

Ebla 16/2017(TOI)- Ambaasaaddaroonnii fi dippilomaatonni teessoonsaanii Finfinnee ta’e  paarkii biyyaalesaa gaarren Baalee Daawwwachuuf magaalaa Roobee dhaqaniiru.

Itiyoophiyaan dur durii biyya hawattoota namtolchee fi uumamaa qabdudha.

Ambaasaaddaroonnii teessoonsaanii Finfinnee ta’e  hawattoota Itiyoophiyaa addunyaaf akka beeksisan gochuuf sagantaaleen garagaraa qophaa’uun ibsameera.

Haala Kanaan jilli ambaasaaddarootaa fi dippilomaatota miseensota 20 qabu paarkii biyyaalessaa gaarreen Baalee daawwachuuf har’a magaalaa Roobee dhaqeeras.

Jila kanaaf simannaan taasifameera.

Hambaalee Itiyoophiyaan Yuuneeskootti galmeessifte keessaa tokko paarkii biyyaalessaa gaarreen Baaleeti.

Paarkiin biyyaalesaa gaarreen Baalee bara 2062 hundeeffame.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015