Sirni kaffaltii sirna faayinaansii cimaa fi amanamaa ijaaruuf nidandeessisa-Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa

Ebla 16/2017(TOI)- Sirni kaffaltii  tuttuqaa namaa alaa (EATS) sirna faayinaansii cimaa fi amanamaa Itiyoophiyaatti ijaaruuf qooda ijoo akka bahu Baankii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa beeksise.

Baankiin biyyaalessaa sirna kaffaltii fooyya’insi taasifameef har’a ifoomseera.

 Sirni kaffaltichaa dhaabbileen faayinaansii odeeffannoo kan itti walii qoodan madaaltuu idil addunyaa”ISO 20022” kan guuttate ta’uu hubachiiseera.

Sirnichi bu’ura misoomaa kaffaltii Itiyoophiyaa ammayyeessuun, si’aayinaa fi nageenya guddisuun akkasumas maallaqni baankiiwwan jidduutti haala olaanaan akka deddeebi’u akka taasisu ibsameera.

Dhaabbileen faayinaansii 35 sirna kaffaltichaatti fayyadamaa akka jiran baankichi ibsee, kunis sirna Faayinaansii cimaa fi amanamaa ijaaruuf akka dandeessisu mul’iseera.

Sirni kaffaltii tuttuqaa namaarraa walabaa (EATS) duraanii A.L.A bara 2011 irraa eegalee faayidaarra oolaa tureera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015