Miseensonni garee finxaaleyyii ergama shororkeessummaa fudhachuun hawaasa jeequuf socho’aa turan to’annaa jala oolan - ENA Afaan Oromoo
Miseensonni garee finxaaleyyii ergama shororkeessummaa fudhachuun hawaasa jeequuf socho’aa turan to’annaa jala oolan

Ebla 16/2017(TOI)- Miseensonni garee finxaaleyyii ergama shororkeessummaa fudhachuun hawaasa jeequuf socho’aa turan to’annaa jala ooluusaanii qajeelchi nagaa fi tasgabbii bulchiinsa magaalaa Gondar beeksise.
Gaggeessaan qajeelchichaa obbo Alleliny Alam ibsa har’a kennaniin, miseensonni garichaa dheengadda galgala buufata poolisii magaalichaa tokkoo fi waajjira gandaarratti dhuka’aa dhoosuun miliqanii kan turan ta’uu dubbataniiru.
Hordoffii caasaan nageenyaa taasiseen gareen kun ergama shororkeessummaa biraa raawwachuuf mana nama dhuunfaa tokko keessatti meeshaa dhuka’aa qopheessan waliin to’annaa jala ooluusaanii ibsaniiru.
Miseensonni finxaaleyyii kunneen sadii yoo ta’an bakka gabaa, manneen barnootaa fi bakka ummanni walgahutti dhuka’aa kiyyeessuun gocha shororkeessummaa raawwachuuf qophiirra akka turan caasaan nageenyaa qorannoo taasiseen mirkaneessuusaa beeksisaniiru.
Caasaan nageenyaa namoota gocha kanarratti hirmaatanii yeroof hinqabamne to’achuuf hordoffii taasisaa akka jiru dubbataniiru.
Ergamni ijoo garee shororkeessaa kun pirojektoota gurguddoo magaalattiitti hojjetamaa jiran gufachiisuun nageenya waaraa hawaasni argate booressuuf akka ta’es ibsaniiru.