Guyyaan Paayileetotaa Addunyaa Kabajaamaa Jira - ENA Afaan Oromoo
Guyyaan Paayileetotaa Addunyaa Kabajaamaa Jira

Ebla 18/2017(TOI)-Guyyaan paayileetota idila Addunyaa (World Pilots’ Day) har’a kabajamaa jira.
Odeeffannoo daandiin qilleensaa Itiyophiyaa fuula miidiyaa hawaasaan dabarseen guyyaa har’aa daandiin qilleensichaa fakkeenya milkaa’oo fi gotummaa paayileetotaaf guyya itti kabaja kenninudha jedhaniiru.
Paayileetonni dandeettii isaaniitiin, tattaaffii isaanii fi jabina isaaniin, Mul’ata Afriikaa gara Biyyoota Addunyaa adda addaatti qabatanii deemuun , aadaa,biyyoota, waltti fiduun gahee olaanaa bahaa jiru.
Har’as barabaraanis ni kabajna jechuun daandiin qilleensichaa ergaa dabarseen ibseera.