Magaalattii keessatti nagaa eeguu fi yakka ittisuuf tarkaanfiiwwan bu’a qabeessi fudhatamaniiru

Ebla 18/2017(TOI)- Magaalattii keessatti nagaa eeguu fi yakka ittisuuf tarkaanfiiwwan bu’a qabeessa ta’an fudhatamuu Biiroon bulchiinsa nagaa fi tasgabbii Finfinnee beeksise.

Biirichi abbaa taayitaa dambii raawwachiisaa Finfinnee waliin ta’uun raawwii karoora baatii sagalii bara bajataa 2017 qorachaa jira.

Hooggantuun biirichaa Liidiyaa Girmaa wayita kana bara bajatichaa hawaasa hirmaachisuun yakka ittisuuf akkasumas nagaa fi tasgabbii mirkaneessuuf hojjetameera.

Hawaasni nagaa mirkaneessuuf hojii hojjechaa jiru akka cimsu konfaransoonni nagaa hedduun taa’amuu yaadachiisanii, bu’aan qabatamaan argamuus dubbataniiru.

Raayyaa nageenyaan walqabatee bara bajatichaa miseensota haaraa hedduu fo’achuun fi leenjisuun bobbaafamuu ibsaniiru.

Hojii hojjatameen baatii sagal darban yakki hir’achuu fi nageenyi itti fufuun danda’ameera jedhan.

Kanneen sababa malee gatii dabaluun qaala’insa jireenyaa uumanirrattis tarkaanfiin fudhatamuu ibsaniiru.

Dambii kabachiisuuf jecha daldala daandiirraa akkasumas misooma kooriidariin walqabatee qaamoleen danbii cabsan adabamuu kaasaniiru.

Abbaan taayitaa dambii kabachiisu Lafa weeraruu fi ijarsa seeraan alaa to’achuun hojii milkaa’aa hojjechuu eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015