Wixineen Roodmaappii Ismarti siitii magaalaa Shaggar waggoottan sooddomman dhufan hojiirra oolchuuf qophaa'erratti mari'atamaa jira. 

Ebla 18/2025(TOI)-Galma magaalaa Shaggar Ismaartii siitii taasisuu dhugoomsuu kan dandeesisu Roodmaappiin ismaarti siitii magaalaa shaggar kan waggoota soddomman dhufan hojiirra oolchuuf qopha'erratti mari'atameera.

Waltajjiin marii kun magaalaa Bishooftuutti kan geggeeffame yoo ta'u hoggantoonni mootummaa naannoo Oromiyaa fi bulchiinsa magaalaa Shaggar akkasuma qooda fudhatoonni adda addaa irratti hirmaataniiru.

Itti aanaan katiibaa fi qindeessaan kilaastara bulchiinsaa fi tajaajilaa Magaalaa Shaggar Obbo Gugsaa Dajanee waltajjicharratti, Magaalaan Shaggar yaadama magaalaa ammayyaa Ismaarti siitii qabachuun erga hundaa'ee waggaa lama ta’uu yaadachiisaniiru.

Bulchiinsi magaalichaa galma magaalaa ismrtii siitii ijaaruu kana dhugoomsuuf hojechaa akka jiru himaniiru.

Hojiiwwan kana keessaa yaadama magaalaa Ismaartii hundeesuu kana dhugoomsuuf

Yuunivarsiitii Finfinnee waliin ta'uun bara darbe irraa eegaluun qorannoon roodmaappi ka'umsaa (baseline) qophaa'uu eeranii, qorannoo qophaa'eenis Magaalaan Shaggar sadarkaa maalirra akka jiru adda baafamuu himu.

Qorannoon bu'uuraa kun dhimmoota danuu of keessatti kan hammate ta'uu eeranii; kanuma bu'uurefachuun roodmaapiin Ismaarti siitii magaalaa Shaggar kan waggaa 30  qophaa'uu himiiru.

Roodmaapiin kunis walta'insa bulchiinsa magaalaa Shaggarii fi Yuuniivarsiitii Finfinneen qophaa'uus eeraniiru.

Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Shaggar Obbo Alamaayyoo Tulluu gamasaaniin, Magaalaan Shaggar magaalaa gaaffii dinagdee fi hawaasummaa uummataa deebisuuf hundeeffame ta'uu waltajjii kanarratti eeraniiru.

Kanaaf karaa waaraa ta'een magaalaa dorgomaa fi dingdee uummataa madaaluu uumuuf roodmaappii sirri mul'ata magaalichaa dhugoomsu qopheesuun ittiin hogganamuuf yaadamee roodmapiin istmarti siitii Shaggar qophaa'uu himaniiru.

Roodmaapiin kun har'a magaalaan Shaggar maal qabdi maal hin qabdu kan jedhu qorannoon kan of keessatti hammate qabu ta'u ibsaniiru.

Roodmapiin kun karooraa waggaa 10 bulchiinsa magaalichaa, galma hundeeffama magaalichaa fi kanneen biroo bu'uureffachuun qophaa'uus himniiru.

Wixinee roodmaappii qophaa'e kunis kallattii sirrii akka akeekuuf yaanni hirmaatota marichaa irra argames kan caalaatti gabbisudha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015