Koreen hojii raawwachiisaa paartii badhaadhinaa yaa’ii guyyoota lamaaf taa’een ilaalchisee ibsa baaseen dinagdee ilaalchisee qaxiilee ijoo irratti mari’ate keessaa-

Bara kana dinagdeen walii gala akkaataa karoorfameen dhibbantaa 8 tuqaa 4n akka guddatu hojii raawwachiisaan kun qorateera.

  • Qonni dhibbantaa 6 tuqaa 1, Industiriin dhibbantaa 12 tuqaa 8, Maanuufaakchariingiin dhibbantaa 12n, Konistiraakshiniin dhibbantaa 12 tuqaa 3n, Tajaajilli dhibbantaa7 tuqaa 1’n kan guddatan ta’uun qoratameera.

  • Baatii sagal darban Galiin mootummaa waliigalaa kan bardheengaddaa yeroo walfakkaataan walbira yoo qabamu dhibbantaa 134n caala. Liqiin alaa qoonni oomisha dimshaashaa biyya keessaa dhibbantaa 13 tuqaa 7tti gadi bu’eera.

  • Oomishaaleen ijoo jaha biyya alaatti ergaman, dhibbantaa 82 amma 386 kan bardheengaddaa caalu.

  • Afriikaarraa Qamadii, Ruuzii, Buna, Baala Shaayeen Friikaarraa adda duree ta’uuf ccarraaqqiin taasifamaa jiru firii godhachaa akka jiru argineerra.

  • Riifoormiin dinagdee Gooroo lammiilee jireenya gadi aanaa jiraatan irratti dhiibbaa akka hin uumne sagantaaleen deeggarsaa hojjetamuusaanii koreen hohii raawwachiisaa sakatta’eera.

  • Xaa’oof birriin biiliyoona 62, Seeftiineetiif birriin biiliyoona 41 tuqaa 2, Boba’aaf birriin biiliyeena 60, dawaaf birriin biiliyoona 3 tuqaa 5, Zayita nyaataaf birriin biiliyoona 6 tuqaa , akkasumas mindaaf birriin biiliyoona 38 tuqaa 4 deeggarsi taasifameera.

  • Baatii sagal darban qofa carraaleen hojii biyya alaa kuma 344 fi 790 fi carraaleen hojii biyya keessaa miiliyoona 3 ol uumamaniiru.

#Oromiyaa

#Tajaajila Odfuu Itiyoophiyaa

#TOI#Badhaadhina

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015