Itiyoophiyaan Mallattoo Birmadummaa Afriikaati-Letenaal Jeneraal Mahammed Baared - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan Mallattoo Birmadummaa Afriikaati-Letenaal Jeneraal Mahammed Baared

Ebla 18/2017(TOI)-Itiyoophiyaan Mallattoo Birmadummaa Afriikaati jedhan Inspeektar Jeneraala fi Rooyaal Moorookoo fi Ajajaan humna Waraanaa godina kibbaa Kibbaa letenal Jeneral Mahaammad Baared ibsan.
Itiyoophiyaa Deeggarsa Nagaa fi tas-gabbii Afriikaatiif taassisaa jirtuuf dinqisiifataniiru.
Jilli Raayyaa Morokoo Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaatti, de’etaa Ministira faayinaansii aadde Maartaa Luwiji waliin marii gaggeessaniiru.
Ministirri Raayyaa ittisa biyyaa Injiinar Ayishaa Mahaammadiin bakka bu’uun marii kan gaggeessan de’eetaan ministiraa Maartaa Luwiji Itiyoophiyaan dhimma waliinii irratti deeggarsa Raayyaan hojjechuu fi Raayyaa ittisa biyyaa jabaa ijaaruuf qophii ta’uu ibsaniiru.
Deeggarsichi, wal kabajuu fi fedhii waliinii irratti kan bu’uureffate ta’uu akka qabu ibsaniiru.
Inspeektariin Jeneraala fi Ajajaan Zoonii Kibba Humna Waraanaa Morokoo royal Letenaal Jeneraal Mahaammad Baared gama isaaniin, Itiyoophiyyaan mallattoo Birmaduu Afriikaati jedhaniiru.
Deeggarsa loltuu nagaa fi tas-gabbii ardii Afriikaatiif gochaa jirtu dinqisiifataniiru.
Deeggarsi Loltuu nagaa fi tas-gabbii Afriikaatiif shoora guddaa akka qabu ibsaniiru.
Jilli garee Morokoo Itiyoophiyaa fi Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaatiif kabaja guddaa qabaachuu ibsaniiru.
Mariisaaniin, dhimmoota Loltuu, biyyaa fi Ardii irratti xiyyeeffannoo nageenyaa irratti waliin hojjechuuf kutannoo qabaachuu isaaniii hoggantoonni biyyoota lamaanii ibsaniiru.
Maricha irratti Daarektarri Olaanaan Hariiroo Alaa Raayyaa itti biyyaa fi tumsa Loltuu Mejer Jeneraal Tashoomaa Gammachuu dabalatee hoggantoonni olaanoon argamuu Odeeffannoon Raayyaa Ittisa Biyaa irratii arganne mul’isa.