Sosochii barnoonni dhalootaaf jedhuun Birriin biiliyoona 82 ol walitti qabameera - ENA Afaan Oromoo
Sosochii barnoonni dhalootaaf jedhuun Birriin biiliyoona 82 ol walitti qabameera

Ebla 18/2017 (TOI)- Sosochii barnoonni dhalootaaf jedhuun Birriin biiliyoona 82 ol walitti qabamuu koreen hojii raawwachiisaa paartii badhaadhinaa beeksise.
Koreen hojii raawwachiisaa paartii badhaadhinaa walgahii idilee Ebla 17 amma 18 bara 2017tti adeemsisaa ture xumuruu ilaalchisee ibsa baaseera.
Koreen hojii rawwachiisaa ibsa baaseen, dhimmoota siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa fi dippilomaasii Itiyoophiyaa irratti bal’inaan mari’ateera.
Itiyoophiyaan bara 2018 abdiirraa ifa qabatamaatti cehuuf, bara 2023 badhaadhina Afriikaaf fakkeenya ta’uuf bara 2040 badhaadhina Afriikaaf fakkeenya ta’uuf mul’anni qabatte akka milkaa’u wantoonni agarsiisan mul’achuusaanii koreen hojii raawwachiisaa kun mirkaneessdeera.
Haala Kanaan keesumaa sosochii “barnoonni dhalootaaf” jedhuun taasifameen deeggarsi birrii biiliyoona 82 caalu walitti qabamuu ibsuun, walumaa gala guutuu biyyaatti manneen barnootaa kuma 6 fi 815 ijaaramuusaanii mul’iseera.
Dandeettii Manneen barnootaa buleeyyii fooyyessuu fi kanneen sababa walitti bu’iinsaan miidhaman suphuuf tattaaffiin taasifame hojii dhalootarratti hojjetamuuf bu’ura akka ta’e koreen hojii raawwachiisaa paartichaa beeksiseera.
Gama biraan du’a haadholii fi daa’immanii gama hir’isuun bu’aan argamuun ibsameera.