Riifoormichi dhaabbata nageenyaa ofdanda’aa fi yeroon gaafatu ijaaruu keessatti bu’aa gaarii argamsiisaa jira-obbo Ordiin Badrii

Ebla 18/2017 (TOI)- Riifoormichi dhaabbata nageenyaa ofdanda’aa fi yeroon gaafatu ijaaruu keessatti bu’aa gaarii argamsiisaa akka jiru bulchaan naannoo Hararii obbo Ordiin Badrii beeksisan.

Bulchaan naannichaa obbo Ordiin Badrii dhaabbileen nageenyaa naannoo Harariitti argaman ayyaana hundeeffama poolisii waggaa 116ffaa ilaalchisee duula qulqullinaa fi kunuunsa bakkeewwan magariisaa magaalichatti taasisuusaanii ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti barreessanii ibsaniiru.

Hojiin ijaarsa dhaabbilee qaama riifoormii keessaa tokko ta’e dhaabbata nageenyaa ofdanda’aa, yeroon gaafatuu fi gama ijaaruutiin bu’aa gaarii fidaa jira jedhaniiru.

Keessumaa poolisiin naannihaa rakkoolee addaddaa keessa ture jalaa bahee hojii nageenyaa fi seera kabachisuu jalaa bahee hojii nageenyaa gahumsaan raawwacguu bira darbee hojii misoomaa akkasiirratti hirmaachuunsaa raayyaa ummataa ta’uusaa agarsiisa jedhaniiru.

Fuulduras hojii ijaarsa dhaabbilee cimsuuf deeggarsa barbaachisu akka taasisu ibsanii gaggeessitootaa fi miseensota hojii misoomaa har’aarratti hirmaatan galateeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015