Turistoonni miiliyoona 9 tuqaa 7 caalan Baatii sagal keessatti Finfinnee daawwataniiru-Biiricha - ENA Afaan Oromoo
Turistoonni miiliyoona 9 tuqaa 7 caalan Baatii sagal keessatti Finfinnee daawwataniiru-Biiricha

Ebla 18/2017 (TOI)-Bara bajatichaa baatii sagal keessatti turistoonni miiliyoona 9 tuqaa 7 caalan Finfinnee daawwachuusaanii biiroon aadaa, aartii fi turizimii Finfinnee beeksise.
Biiricha
Itti aanaan biirichaa Hundee Kabbadaa TOI’tti akka himanitti, daawwattoonni Finfinnee dhufan yeroo yerootti dabalaa jira.
Daawwattoonni biyya alaa fi biyya keessaa baranaa kan bardheengaddaa yeroo wal fakkaataa waliin walbira yoo qabamu guddaa akka caalu beeksisaniiru.
Baatii sagal keessatti tuuristoonni biyya keessaa fi biyya alaa miiliyoona 9 fi kuma 140 ol Finfinnee daawwachuu beeksisaniiru.
Feestivaalonni amantaa fi aadaa Finfinneetti adeemsifaman baayy’inni daawwattoota biyya keessaa akka dabalu taasisuu ibseera.
Misoomni bakkeewwan tuurizimii fi kooriidarii haala mijataa uumuusaa dabalanii ibsaniiru.
Pirezidaantiin waldaa ogeeyyota daawwachiiftota tuuristii Itiyoophiyaa obbo Endii Asaffaa gamasaaniin, hojiileen misooma tuurizimii yeroo dhihoo asitti hojjetamaa jiran tuuristoonni akka dabalan taasisuusaa ibsaniiru.
Misoomni bakka tuurizimii fi kooriidarii Finfinneen damee turizimiin magaagaawwan idil addunyaa waliin akka dorgomtu taasisaa akka jiru dubbataniiru.
Magaalattiin tuurizimii istoop aappiif, tuurizimii konfaransiif jaalatamtuu ta’uushee guddina turizimii magaalattiif gumaacha taasisuusaa eeraniiru.