Dhaabbilee fayyaa babal’isuun cinaatti dhukkuba ittisuu fi to’achuuf hojmaanni qindoominaa jabaachuu qaba-Ministeera Fayyaa

Ebla 18/2017(TOI)- Dhaabbilee fayyaa babal’isuun cinaatti dhukkuba ittisuu fi to’achuuf hojmaanni qindoominaa jabaachuu akka qabu de’etaan Ministirara Fayyaa Dr. Darajjee Dhugumaa hubachiisan.

Guyyaan busaa idil addunyaa 18ffaan gaggeessitoonni federaalaa, naannolee fi godinaa bakka argamanitti magaalaa jimmaatti adeemsifameera.

De’eetaan ministira fayyaa Dr. Darajjee Dhugumaa saganticharratti akka jedhanitti, dhaabbilee fayyaa babal’isuuf carraaqqiin taasifamee bu’aan argameera.

Kanuma cinaatti hawaasa qindeessuun qabenya walitti qabuun dhukkuba busaa dabalatee mala dhukkuboota yaaddoo fayyaa ta’an ittisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.

Haala Kanaan hawaasni mala dhukkubni ittiin ittifamu akka hojeessu hubannoon kennamaa jiraachuu dubbataniiru.

 Ogeeyyonnii fi gaggeessitoonni dhaabbilee fayyaa akkasumas qooda fudhattoonni hojii qindoominaa fi tumsaa akka cimsan hubachiisaniiru.

Hooggantuun biiroo fayyaa Oromiyaa piroofeesar Natsaannat Warqinaa gamasaaniin, bu’uraaleen misoomaa fayyaa naannichatti xiyyeeffannoon kennameefii hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Keessumaa dhukkuba busaa ittisuurratti hubannoo uumamaa jiruun bu’aan argamuu dubbatanii, kun cimee itti fufa jedhan.

Bulchaan godina Jimmaa Obbo Tijaanii Naasir gamasaaniin, aanaalee fi gandoota godinichaa busaan keessatti mudate adda baasuun qindoominaan hojjechuun dhukkubicha to’achuun akka danda’ame himaniiru.

Bu’uraalee misoomaa damee fayyaa babal’isuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Keellaawwan fayyaa dhaloota lammaffaa 28 hirmaannaa ummataa birrii miiliyoona 600n  godinicha keessatti ijaaramuusaanii kaasaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015