Hambaaleen qabeyyeensaanii eegamee sadarkaasaanii eegguun haaromfamanii tajaajilaaf banamaa jiru-Kantiibaa Adaanech Abeebee

Ebla 18/2017 (TOI)- Hambaaleen magaalaa Finfinnee qabeyyeensaanii eegamee sadarkaasaanii eegguun haaromfamanii tajaajilaaf banamaa jiraachuu Kantiibaaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee

Kantiibaa Adaanech Abeebee jiddugaleessa aadaa fi barnootaa Xaayituu eebbisanii bananiiru.

Jiddugalichi mana jireenyaa Bitwaddad Hayilagoorgis  Waldamikaa’el fi mana qopheessaa Finfinnee kan jalqabaa akka ture himameera.

Kantiibaa adaanecha wayita kana. Hambaalee seenaa magaalattii haaromsuu, ammayyeessuu, beeksisuu akkasumas tuurizimiif fayyadamuun qabeenyi uumamaa jira.

Hambaaleen qabiyyeensaanii eegamee dhaloota dhufuuf akka darbanii fi dhaloonni akka irraa baratu gochuun ittifufa jedhaniiru.

Waggoottan jijjiiramaa darban hambaaleen magaalattii haaromfamaa akka turan eeraniiru.

Hambaalee Finfinnee duree har’aan walqabsiisuun borutti ceesisuuf kanneen haaromfamuu qaban haaromsuun fi ammayyeessuun tuuristii akka hawatan hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Dureeyyiinis hambaalee haaromsuu fi beeksisuurratti hirmaachuu akka qaban dubbataniiru.

Jiddugalli aadaa fi barnootaa Xaayituu aartistoota bakka bu’an horachuuf akka gargaaru gama gochuutiin artist Alamtsahaayi Wadaajoo galateeffataniiru.

Hooggantuun biiroo aadaa, artii fi tuurizimii Finfinnee Dr. Hiruut Kaasaa gamasaaniin, giddugalli kun qabiyyeesaa eegee dhaloota dhufuuf akka darbu taasifamee hojjetamuusaa ibsaniiru.

Hojiileen misooma Kooriidarii Finfinnee hambaaleen magaalattii akka haaromfaman gumaacha guddaa akka taasise beeksisaniiru.

Artist Alamtsahaayi Wadaajoo gamasheetiin, haaromsi kun waggaa 4tti xumuramuusaa fi hojiileen aartii jiddugala kanatti akka agarsiifamanii fi meeshaaleen aadaa fi seenaa agarsiisaaf akka dhihaatan ibsiteetti.

Haaromsi giddugala aadaa fi barnootaa Xaayituu Artist Alamtsahaay Wadaajoo fi bulchiinsa magaalaan hojjetamuun himameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015