Waxabajjii bara 2017 irraa eegalee Paaspoortii fudhachuuf odeeffannoon Faayidaa barbaachisaadha - ENA Afaan Oromoo
Waxabajjii bara 2017 irraa eegalee Paaspoortii fudhachuuf odeeffannoon Faayidaa barbaachisaadha

አEbla18/2017 (TOI)-Waxabajjii 1 bara 2017 irraa eegalee namoonni Paaspoortii eeggachaa jiran paaspoortii fudhachuuf wayita dhufan odeeffannoo Faayidaa qabatanii dhihaachuu akka qaban ibsame.
Tajaajila Paaspoortii argachuuf Faayidaan ulaagaa haalduree akka ta’u waliigalteen har’a magaalaa Arbaa Mincitti mallatteeffameera.
Waliigalteen tatajila immigireeshinii fi lammummaa fi sagantaa waraqaa eenyummaa dijitaalaa jidduutti mallatteeffame Waxabajii 1 bara 2017 irraa eegalee waraqaa eenyummaa faayidaa sanadoota ijoo paaspoortiif barbaachisan keessa galchuun tajaajila kennuuf akka dandeessisu ibsameera.
Daarektarri olaantuu tajaajila immigireeshinii fi lammummaa adde Salaamaawiit Daawit ibsa miidiyaaleef kennaniin, dhaabbatichi riifoormii eegale itti fufuun Waxabajii 1 bara 2017 irraa eegalee Waraqaa eenyummaa Faayidaa tajaajila paaspoortiif haalduree gochuuf qophiin xumuramuu ibsaniiru.
Daarektarri olaanaa sagantaa waraqaa eenyummaa dijitaalaa Yoodaahee Ar’ayasillaasee gamasaaniin, waliigaltichi eenyummaa waliin dhahuun carraaqqii sanadoota garagaraa argachuuf taasifamu kan ittisudha jedhan.
Lammiileen gaaffii tajaajila paaspoortii dhiheessanii paaspoortii fudhachuu wayita dhufan waraqaa eenyummaa Faayidaa kan maxxanfame ykn bilbilasaaniin qabatanii dhufuun tajaajila argachuu akka danda’an hubachiisaniiru.
Tajaajilamtoonni lakkoofa faayidaa addaa qabachuun, Koodii QR waraqaarratti maxxansuun, dijitaal koppii karaa appilikeeshinii “Faayidaa ID” qabatanii ykn filannoo biraa kan QR ia sirrii qabatetti fayyadamanii qabatanii dhufuun tajaajila argachuu nidanda’u jedhameera.
Tajaajiloota waraqaa eenyummaa dijitaalaa Faayidaan walqabsiisuun odeeffannoon bifa tokkoo fi kan walsime sadarkaa biyyaalessaatti akka jiraatu gochuun qooda olaanaa akka bahu himameera.