Kaayyoon ijoo fiigichi daandiirraa Itiyoophiyaan haa oomishtuu oomisha Itiyoophiyaa addunyaatti beeksisuudha-Ministira Malaakuu Allebal - ENA Afaan Oromoo
Kaayyoon ijoo fiigichi daandiirraa Itiyoophiyaan haa oomishtuu oomisha Itiyoophiyaa addunyaatti beeksisuudha-Ministira Malaakuu Allebal

Ebla 19/2017(TIO)- Kaayyoon ijoo fiigichi daandiirraa Itiyoophiyaan haa oomishtuu oomisha Itiyoophiyaa addunyaatti beeksisuu akka ta’e Ministirri Industirii Malaakuu Allebal ibsan.
Dorgommiin daandiirraa k,m 10 eksipoo Itiyoophiyaan haa oomishtuu 2017naddababayii Masqalaatti taasifamaa jira.
Ministirri Industirii federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa waliin ta’uun dorgommii kana kan qopheessan yoo ta’u, waggaa 4ffaa Itiyoophiyaan haa oomishtuu ilaalchisuun kan qophaa’e ta’uun ibsameera.
Ministirri Industirii Malaakuu Allabal dorgomicha wayita jalqabsiisan akka jedhanitti, kaayyoon dorgommii daandiirraa kun oomisha Itiyoophiyaa addunyaaf beeksisuudha.
Dorgomichi dhaloota fayyaalessaa fi oomishu horachuuf qooda olaanaa akka qabu dubbataniiru.
Ambaasaaddaroonni biyya alaa, kilaboonnii fi kutaaleen hawaasaa garagaraa dorgommicharratti hirmaachaa akka jiran beeksisaniiru.
Ministirri aadaa fi Ispoorrtii Shawiit Shaankaa waggoottan jijjiiramaa darban hojiileen Ispoortii irratti hojjetaman Ispoortiin bu’ura akka jabeeffatu taasisaa jira jedhan.