Ministirri maallaqaa Ahimad Shidee gaggeessitoota ministeera maallaqaa Yuunaayitid Steetis waliin mari’atan 

Ebla 19/2017(TOI)- Ministirri maallaqaa Ahimad Shidee gaggeessitoota ministeera maallaqaa Yuunaayitid Steetis waliin mari’ataniiru.

  Marii kana walgahii wayitii Birraa dhaabbata maallaqa addunyaa fi baankii addunyaa A.L.A 2025tti Waashiingito Diisiitti taa’amaa jiru jinaatti adeemsisaniiru.

 Obbo Ahimad Shidee itti aanaa ministira maallaqaa Yuunaayitid Staatis Eriik Maayeer waliin dhimmoota gamlamee fi idil addunyaarratti marii bu’a qabeessa taasisuunsaanii ibsameera.

 Itti aanaa ministira maallaqaa Yuunaayitid Staatis Eriik Maayeer riifoormiin mootummaan Itiyoophiyaa hojeessaa jiruun dinagdee rakkoolee idil addunyaa damdamachuu danda’u ijaaraa waan jiruuf dinqisiifataniiru.

Obbo Ahimad Shidee akka ibsanitti, Itiyoophiyaan daldala, Invastimantii fi tasgabbii riijiniif akkasumas dameelee garagaraan fedhii waloorratti hundaa’uun olaanaa Yuunaayitid Steetis waliin qabdu cimsuuf kutannoo qabdi.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015