Lammiileen Itiyoophiyaa kuma 22 caalan Saa’udii Arabiyaarraa biyyaatti deebi’aniiru - ENA Afaan Oromoo
Lammiileen Itiyoophiyaa kuma 22 caalan Saa’udii Arabiyaarraa biyyaatti deebi’aniiru

Ebla 19/2017(TOI)-Marsaa afraffaa irraa eegalee amma ammaatti Itiyoophiyaanonni haala rakkisaa keessa tura kuma 22 caalan biyyatti deebi’uusaanii ministeerri dubartootaa fi dhimmi hawaasumma.
Balallii marsaa sagal torbee keessatti taasifameen lammiileen Itiyoophiyaa Saa’udii Arabiyaa haala rakkisaa keessa tura kuma 3 fi 240 biyyatti deebi’uunsaanii himameera.
Kanneen deebi’an keessaa dhiirri kuma 2 fi 745 dhiira, 479 dubartoota, daa’imni 16 yoo ta’an, kanneen deebi’an keessaa 210 umuriinsaanii guddattoota waggaa 18 gadii keessatti argamu.