Itiyoophiyaan konfiraansii Dinagdee 3ffaa Afriikaa -Iran, Tehiranitti gaggeeffamu irratti hirmaachaa jirti - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan konfiraansii Dinagdee 3ffaa Afriikaa -Iran, Tehiranitti gaggeeffamu irratti hirmaachaa jirti

Ebla 20/2017 (TOI) -Tehiranitti gaggeeffamaa kan jiru Kofiraansii 3ffaa Tumsa Dinagdee Afrika – Iraan fi Ekispo Idil Addunyaa 7ffaa Iran irratti Jilli de’eetaa Ministira Industrii Hasan Mo’aaliin Durfamu Hirmaachaa Jira.
Konfiraansiin Daldalaa 3ffaan Afriika– Iran fi eksipoon Iraan 2025 A.L.A Ebla 27- /May/ 1tti kan gaggeeffamudha.
Konfiraansii Dinagdee Afrika-Iran A.L.A Ebla 27-28 gaggeefamu irra caalaatti hariiroo Industirii daldalaa fi Investimentii Iraan fi biyyoota Afriikaa gidduu jiru jabeessuuf xiyyeeffatamee kan gaggeeffamu ta’uun ibsameera.
Pirezedaantiin Iran Masuud Pezshikiyan baniinsa konfiraansichaa irratti haasaa taassisaniin, Iran gama Fayyaa, Daldalaan, Industiriin fi gama Qonnaan, Milkaa’ina galmessiste ilalchisuun, Muuxannoo fi teekinooloojii biyyoota Afriikaaf qooduuf qophii ta’uushee ibsiteetti.
Baay’ina wal-jijiirraa daldalaa Iraanii fi Biyyoota Afriika gidduu jiru waggoottan dhufanitti gara Doolaara Biliyoona 10tti guddisuuf karorfamuu konfiraansicha irratti eerameera.
Konfiraansichi zayitaa fi Gaazii, peetirookeemikaalii, faarmaasiyutikaalii, kemikaal Industirii, Albuudaa fi industrii Albuudaa akkasumas qonnaa fi Inarjii daldalaa fi Investimentii irratti xiyyeeffatee akka gaggeeffamu Odeeffannoon Misteera Dhimma Alaa irraa arganne ni mul’isa.