Magaalichatti hojiiwwan Misoomaa uummaticha fayyadamaa taassisan hojjetamaniiru- kantiibaa Adaanech Abeebee - ENA Afaan Oromoo
Magaalichatti hojiiwwan Misoomaa uummaticha fayyadamaa taassisan hojjetamaniiru- kantiibaa Adaanech Abeebee

Ebla 20/2017(TOI)–Magaalichatti hojiin misoomaa kallattii hundaan uummaticha fayyadamaa taasisan karaa milkaa’ina qabuun hojjetamuu isaa Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ibsan.
Bulchiinsi Magaala Finfinnee raawwii hojii baatii sagalii gamaggamuu eegalee jira.
Magaalichatti hojiiwwan kallattii hundaan uummaticha fayyadamaa taasisan milkaa’inaan hojjetamuu isaa saganticha irratti eerameera.
Kantiiba Adaanech Abeebee haasaa baninsaa taassisaniin, baatiiwwan saglan darbanitti, hojiiwwan milkaa’oo sakatta’uun ciminoota turan itti fufsiisuuf nigamaaggamama jedhaniiru.
Gamaggama raawwii hojii baatii ja’aa irratti adda bahanii dub-deebii kennamanii fi kallattiiwwan kaa’aman irratti hundaa’uun madda komii uummataa kan ta’an hanqinoota jiran adda baasuun gad-fageenyan akka gamaggamaman ibsaniiru.
Waltajicha irratti baatiiwwan sadan hafanitti karoora keenya karaa guutuu ta’een milkeessuu kan dandeessisu irratti walii galteerra akka gahan ibsaniiru.
Kanaanis Magaalichatti Baatiiwan Saglan darbanitti, hojiiwwan raawwataman, bu’a qabeessa ta’uu ibsuun kunis jabaatee itti fufa jedhaniiru.
Raawwii karoora baatii sagalii kan dhiheessan Itti gaafatamaan Biiroo Karooraa fi Misoomaa Magaalichaa Adam Nuurii, raawwiin walii galaa dhibbentaa 93 tuqaa 3 ta’uu dubbataniiru.
Kenna Tajaajila Ammayyeesuu teekinooloojiin hojjechuu fi haala mijataa naannoo hojii uumuuf hojiin bu’aa qabeessi hojjetamuu ibsaniiru.