Sirna odeeffannoo Fayyaa ammayyeessuun qaqqabummaa odeeffannoo fayyaa hundagaleessi akka fooyya’u taasiseera

Ebla 20/2017(TOI)- Sirna odeeffannoo Fayyaa ammayyeessuun qaqqabummaa odeeffannoo fayyaa hundagaleessi akka fooyya’u gochuusaa de’etaan ministira fayyaa Dr. Darajjee Dhugumaa beeksisan.

Odeeffannoon Fayyaa biyyaalessaa fi torbeen Fayyaa dijitaalaa 4ffaan mata duree “odeeffannoorraa gara qabatamaatti cehuun tarkaanfii kunuunsa fayyaa sadarkaa jalqabaa” jedhuun sadarkaan jalqabsiisaa adeemsifamaa jira.

Hooggantoota olaanoo Ministeera fayyaa dabalatee gaggeessitoonni biiroo fayyaa naannolee, pirezidaantonni Yuunivarsiitii hundaa fi walitti qabdoonni boordii Hoospitaalaa akkasumas hirmaattonni biroon saganticharratti argamaniiru.

De’etaan ministiraa fayyaa Dr. Darajjee Dhugumaa wayita kana akka jedhanitti, sirna odeeffannoo fayyaa fooyyessuuf waggoota darban hojiin bu’aa fide hojjetameera.

Dandeettii teeknooloojii ogeeyyota fayyaa guddisuun Fayyaa hawaasaa fooyyessuuf murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Aadaa murtoo kennuu odeeffannoo qulqulluu, odeeffannoo guutuu fi wayitaawaa bu’uureffate kan teeknooloojii dijitaalaan gargaarame akka gabbatu hojjetamaa jira jedhan.

Hojiiwwan Waggoottan sadan darban hojjetamaniin sirni odeeffannoo fayyaa akka fooyya’u taasisuu eeraniiru.

 Akkasumas qaqqabummaan odeeffannoo Fayyaa hundagaleessi akka fooyya’u nigargaara jedhaniiru.

Torbeen odeeffannoo biyyaalessaa afraffaan har’a Ebla 20 bara 2017 irraa eegalee naannolee hundatti sagantaalee garagaraan nikabajama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015