Biirichi teekinoloojii fi kalaqa jajjabeessuu fi dhaabbilee pooliitekinikaa deggeruun gahoomsuuf hojjetaa jira - ENA Afaan Oromoo
Biirichi teekinoloojii fi kalaqa jajjabeessuu fi dhaabbilee pooliitekinikaa deggeruun gahoomsuuf hojjetaa jira

Bitootessa 20/2017(TOI)-Biiroon Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaas teekinoloojii fi kalaqa jajjabeessuu fi dhaabbilee pooliitekinikaaf deggarsaa fi hordoffii taasisuun gahoomsuuf hojjetaa jira.
Waldorgommii fi agarsiifni ogummaa, teeknoloojii, yaadama biizinesii fi qorannoo gochaa marsaa 6ffaa sadarkaa naannoo magaalaa Adaamaatti geggeeffamaa jira
Sagantaan kun qindeessummaa Biiroo Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaatiin geggeeffamaa jiraachuun beekameera.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhaloota kalaqaa fi ogummaan gahoomsuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuun himameera.
Haala Kanaan hojiileen waldaalee IMX fi dhaabbilee Poolitekinikaan hojjetaman bu'a qabeessa ta'an jiraachuun ibsameera.
Waldorgommii fi agarsiifni kunis guyyoota afuriif kan turu ta’uu odeffannoon biiroo komunikeeshinii Oromiyaarraa argame nimul’isa.