Masaraa Dajjaach Kumsaa Morodaa haaromsuu fi misoomsuuf waliigalteen mallatteeffame

Ebla 20/2017 (TOI)-Masaraa Dajjaach Kumsaa Morodaa haaromsuu fi misoomsuuf abbaan taayitaa hambaa Itiyoophiyaa Kontiraaktara ‘BYMT’ waliinwaliigalteen mallatteeffameera.

Daarektarri olaanaa abbaa taayitichaa gargaaraa piroofeesaraa Ababaawu Ayyaalewu wayita kana akka jedhanitti, masaraa umurii dheeraa qabuu fi seensa qabeessi kun waggaa dheeraaf osoo hin haaromfamiin fi tuurizimiif osoo hinooliin tureera.

Hambaan kun Hambaalee bakkeewwan senaa Itiyoophiyaa duriin walqabatan bakka tuurizimii gochuuf qabaman keessaa tokko ta’uu eeraniiru.

Suphaa kana raawwachuuf waggaan lama akka qabameef ibsameera.

Itti aantuun daarektara olaanaa abbaa taayitichaa adde Hiywoot Hayiluu gamasaaniin suphaan masarichaa fi mooraa isaa yeroo qabameefitti xumuramee Itiyoophiyaaf bakka turizimii dabalataa akka ta’u ibsaniiru.

Hojii gaggeessaan olaanaa ‘BYM’ tiiwaanaa obbo Bazzaabih Mallasaa masaraa seena qabeessa kana yeroo barbaadametti qulqullinaan xumuruuf akka hojjetamu dubbataniiru.

Dajjaach Kumsaa Morodaa Bakaree bara 1881 irraa eegalee amma bara 1916tti Wallagga duraanii bulchaa akka turan odeeffannoowwan ni’agarsiisu.

Masaraan Kumsaa Morodaa Finfinneerraa gara Lixaatti Kiiloo meetira 319 irratti magaalaa Naqamteetti argama.

Mootiin kun masaraa isaanii kan hundeessan bara 1830 yoo ta’u bal’inni masaraa kanaa lafa heektaar 2 tuqaa 5 irra akka ta’e odeeffannoon abbaa taayiticha nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015