Hojiin tjaajilli Oduu Itiyoophiyaa ittigaafatamummaa biyyaa bahuuf hojjechaa jiru dinqisiisaadha-koree dhaabbataa dhimmoota demokiraasii - ENA Afaan Oromoo
Hojiin tjaajilli Oduu Itiyoophiyaa ittigaafatamummaa biyyaa bahuuf hojjechaa jiru dinqisiisaadha-koree dhaabbataa dhimmoota demokiraasii

Ebla 20/2017(TOI)- Hojiin tjaajilli Oduu Itiyoophiyaa (TOI)n ittigaafatamummaa biyyaa bahuuf hojjechaa jiru dinqisiisaa ta’uu mana maree bakka bu’oota ummataatti koreen dhaabbataa dhimmoota demokiraasii beeksise.
Miseensonni koree dhaabbatichaa hojiilee riifoormii TOI’n itti jiru ilaalaniiru.
TOI’n filmaattota qaqqabamaa dijitaalaan Itiyoophiyaarra darbee sagalee Afriikaa ta’uuf hojii jalqabe ilaalchisuun koree dhaabbatichaaf ibsameera.
Itti aanaan walitti qabaa koree dhaabbatichaa Azmarawu Andam, seeronni mana marichaan bahan sirriitti yoo hojiirra oolan bu’aa qabatamaa fiduun akka danda’amu TOI’n agarsiiftuudha jedhan.
Seeronni, danbiiwwanii fi qajeelfamoonni amala miidiyaalee hubannoo keessa galchan sirnaan yoo hojeeffaman jijjiirama akka fidan qajeelfama hojjettoota TOI agarsiiftuu taasifataniiru.
Biyyi Miidiyaa cimaa hinqabne dhageettii hinargatu kan jedhan obbo Azmaraawu, haala Kanaan miidiyaa ofirra darbee kanneen biroof laallee ta’u ijaaruun nibarbaachisa jedhaniiru.
TOI’n rakkoolee keessa ture furuun ittigaafatama biyyaa kennameef bahuuf kutannoon agarsiise dinqisiisaadha jedhan.
Milkaa’ina kanaaf hooggantootaa fi hojjettoota dhaabbatichaa galateeffataniiru.
Miseensi koree dhaabbatichaa Abunii Alam, TOI’n biyyarra darbee faayidaa Afriikaa kabachiisuuf odeeffannoon dabarsaa jiru dinqisiisaa ta’uu ibsaniiru.
TOI’n teeknooloojii fi humna namaan deeggaramuun odeeffannoo hatattamaa fi qulqulluu dabarsuun ergamasaa bahaa jira kan jedhan ammoo miseensa koree dhaabbataa Mardiyaa Amaanidha.
Hojii raawwachiisaan olaanaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa Obbo Seeyifee Darribee gamasaaniin, TOI’n waliigaltee biyyaalessaa uumuuf, maqaa gaarii biyyatti beeksisuu fi sagalee Afriikaa akka ta’u ergama kennameef bahachaa akka jiru dubbataniiru.
Hammattoo seeraa manni marichaa baase TOI’n ergamasaa sirnaan akka bahatu taasisuusaa eeranii galateeffataniiru.