Jiraattonni bulchiinsichaa gumaacha yakka dursuun qolchuuf gumaachaa jiran cimsuu qabu-Kantiibaa Kadir Juhaar

Ebla 20/2017(TOI)-Jiraattonni bulchiinsichaa gumaacha yakka dursuun qolchuuf gumaachaa jiran cimsuun akka ittifufan Kantiibaa bulchiinsichaa Kadir Juhaar hubachiisan.

Qaamolee waggaa afran darbaniif hojii raawwachiisaa tajaajila poolisii hawaasaa ta’uun tajaajilaniif kantiibaa Kadir Juhaar fi ajajaan olaanaa qajeelcha poolisii Dirree Dawaa Komishinar Alamuu Magraa bakka argamanitti beekamtii fi badhaasni kennameera.

Kantiibaa Kadir Juhaar wayita kana akka jedhanitti, jiraattonni bulchiinsichaa qaamolee nageenyaa fi haqaan walta’uun gumaachi yakka dursanii qolchuuf jjjabeessaa ta’uu eeraniiru.

Ajajaan olaanaa qajeelcha waliigalaa poolisii bulchiinsichaa Komishinar Alamuu Magraa gamasaaniin, manni marichaa yakki magaalattiitti akka hinbabal’anne hojiin qindoominaa hojjetamuu ibsaniiru.

Hojii raawwachiiftonni fi miseensonni mana marichaa waldhabdeewwan uumamaa turan nageenyaan akka goolabaman gochuu fi yakka dursuun qolachuuf hojii bu’a qabeessa hojjechuusaanii yaadachiisaniiru.

Qaamoleen beekamtii fi badhaafni kennameefii gaggeeffaman kabaja kennameefiif galateeffatanii fuulduras waan irraa eegamu akka bahan himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015