Magaalichatti Hojii Hojjetameen Milkaa’ina argamani itti fufsiisuuf xiyyeeffannoon ni hojjetam–Kantiibaa Adaanech Abeebee - ENA Afaan Oromoo
Magaalichatti Hojii Hojjetameen Milkaa’ina argamani itti fufsiisuuf xiyyeeffannoon ni hojjetam–Kantiibaa Adaanech Abeebee

Ebla 20/2017(TOI)- Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Hojii Hojjetameen Milkaa’ina argamani itti fufsiisuuf xiyyeeffannoon akka hojjetamu Kantiibaan Adaanech Abeebee ibsan.
Bulchiinsi magaala Finfinnee gamaggama hojii baatii sagali gaggeessuu eegaleera.
Kantiibaan Magaala Finfinnee Adaanech Abeebee Magaalichatti hojiin fayyadamummaa hawaasa mirkaneessu raawwatamuu ibsuun, ciminoota jiran itti fufsiisuuf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.
Gamaggama raawwii baatii ja’aa irratti dhimmoota komii hawaasaa ta’an adda baasuun furamuusaanii kan qoratan ta’uus eeraniiru.
Akkasumas, karoora baatiwwan sadan hafanitti, karaa guutuu ta’een haala galma ga’u irratti walii galteerra akka gahamu ibsaniiru.
Gabaasa raawwii hojii baatii sagalii kan dhiheessan Itti Gaafatamaan Biiroo karooraa fi misoomaa Magaalichaa Adam Nuur, raawwiin hojii baatiiwwan saglan darbanii dhibbentaa 93 tuqaa3 ta’uu dubbataniiru.
Kanaanis dhaabbileen 29 tajaajiloota 347 teekinooloojiin deeggaramuun akka kennaman taassisuu ibsuun, carraa hojii ilaalchisee, lammiilee kuma 259 fi 710 carran hojii dhaabbiin uumamuu ibsaniiru.
Dabalataanis baatiiwwan saglan darbanitti, galiin birrii biliyoona 160 tuqaa 91 sassaabamuu ibsaniiru.
Tuuristoonni biyya keessaa miiliyeena 9 tuqaa 3 bakkeewwan hawwata tuuristii fi hambaawwan Magaalichaa daawwachuu isaanii dubbataniiru.
Nageenya Magaalichaa Amansiisa gochuuf hojii qindoominaanhojjetamanii bu’aa qabeessa ta’uu ibsuun, hojiin misooma ittifufinsa qabu kan mirkaneessan, maqaa garii biyyaa kan jijjiranii hojetamuu dubbataniiru.
Hojiin tajaajila foddaa/ giddugala/ tokkon kennamu itti quufinsa hawaasaa kan guddisan ta’uu kaasuun, hojiiwwan nama irratti xiyyeefatanii hojjetamanis, aadaa waliif qooduu akka dagaagu ta’uu danda’uu ibsaniiru.
Waltajjiin gamaggamichaa guyya lamaaf kan turu yoo ta’u, kallattiiwwan fuulduraa ni kaa’amu jedhamee eegama.