Dawoon diinaa adda waraanaa Baatii kaasagiitaa cabe.

Finfinnee, Sadaasa 9/2014 (TOI) – Humni shororkeessaa adda waraanaa Baatii Kaasaagiitaan humna walitti qabatee dhufe guutumaa guutuutti barbadaa'uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiise.

Lola har'aa guyyaa guutuu gaggeeffameen Raayyaan Ittisaa fi Humni Addaa Afaar injifannoo galmeessuu ibsameera.

Humni diinaa aarmii 4 jedhamu adda waraanichaatti guutummaan guutuutti eeggatoota duubaan jiran waliin torba guutu haleelama turee har'a lola guyyaa guutuu taasifameen raayyaa ittisa biyyaa fi humna adda Affaariin barbadaa'eera.

Lola kanaan gaarri lama kan diinni dawoo godhatee akka lafa tarsiimoo lolaa cimaasaatti itti amanuu harka raayyaa ittisa biyyaa fi Affaar galuu himameera.

Jidduu kana karaa adda kanaa Millee qabachuuf humni diinaa tattafachaa ture fi jaleen isaa kuma 10 barbadeeffameera.

Kanneen dhibboota lakka'aman booji'amaniiru, meeshaaleen jidduu galeessaa fi gurguddoonis booji'amaniiru.

Mancaatiin lola har'aan humna diinaa kanarra gahee akkan suukkanneessaa ta'uu Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa beeksiseera.

Naannoo kee eegi!

Gara adda waraanaatti duuli!

Raayyaa ittisa biyyaa deeggari!

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015