Siyaasa - ENA Afaan Oromoo
Siyaasa
Miseensonni garee finxaaleyyii ergama shororkeessummaa fudhachuun hawaasa jeequuf socho’aa turan to’annaa jala oolan
Apr 24, 2025 84
Ebla 16/2017(TOI)- Miseensonni garee finxaaleyyii ergama shororkeessummaa fudhachuun hawaasa jeequuf socho’aa turan to’annaa jala ooluusaanii qajeelchi nagaa fi tasgabbii bulchiinsa magaalaa Gondar beeksise. Gaggeessaan qajeelchichaa obbo Alleliny Alam ibsa har’a kennaniin, miseensonni garichaa dheengadda galgala buufata poolisii magaalichaa tokkoo fi waajjira gandaarratti dhuka’aa dhoosuun miliqanii kan turan ta’uu dubbataniiru. Hordoffii caasaan nageenyaa taasiseen gareen kun ergama shororkeessummaa biraa raawwachuuf mana nama dhuunfaa tokko keessatti meeshaa dhuka’aa qopheessan waliin to’annaa jala ooluusaanii ibsaniiru. Miseensonni finxaaleyyii kunneen sadii yoo ta’an bakka gabaa, manneen barnootaa fi bakka ummanni walgahutti dhuka’aa kiyyeessuun gocha shororkeessummaa raawwachuuf qophiirra akka turan caasaan nageenyaa qorannoo taasiseen mirkaneessuusaa beeksisaniiru. Caasaan nageenyaa namoota gocha kanarratti hirmaatanii yeroof hinqabamne to’achuuf hordoffii taasisaa akka jiru dubbataniiru. Ergamni ijoo garee shororkeessaa kun pirojektoota gurguddoo magaalattiitti hojjetamaa jiran gufachiisuun nageenya waaraa hawaasni argate booressuuf akka ta’es ibsaniiru. #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI #Oromiyaa #nageenya
Ayyaanni hundeeffama poolisii waggaa 116ffaan Ebla 19 irraa eegalee sagantaawwan garagaraan nikabajama
Apr 24, 2025 67
Ebla 16/2017(TOI)-Ayyaanni hundeeffama poolisii waggaa 116ffaan Ebla 19 amma 26 bara 2017tti sagantaawwan garagaraan akka kabajamu poolisiin federaalaa beeksise. Dubbi himaan poolisii federaalaa Itiyoophiyaa gargaaraa komishinaraa Mogos Chokkol ibsa kennaniin, guyyaa hundeeffama poolisii sagantaawwan garagaraan kabajuuf qophiin taasifameera. Ebla 19 amma 25 bara 2017tti dorgommiin Ispoortii dhaabbileen poolisii Baha Afriikaa irratti hirmaatan akka taasifamu dubbataniiru. Dorgommiin kun akaakuu Ispoortii jahaan akka taasifamu ibsaniiru. Ebla 23 bara 2017 simpooziyeemiin hayyoonni fi gaggeessitoonni poolisii akkasumas keessummoonni garagaraa bakka argamanitti golambaa saayinsiitti akka adeemsifamu eeraniiru. Agarsiifni sadarkaa poolisiin irra gahe agarsiisu ni’agarsiifama jedhaniiru. Gaggeessitoonni mootummaa olaanoon, dhaabbileen poolisii akkasumas gaggeessitoonnii fi bakka bu’oonni biyyoota miseensa BRICS bakka argamanitti Ebla 26 bara 2017 addababayii Masqalaatti akka kabajamu dubbataniiru.
Itti Aanaan Muummicha Ministiraa Tamasgeen Xurunaa itti aanaa dura taa’aa koree biyyaalessaa gumii maree partii siyaasaa ummata Chaayinaa fi dura taa’aa Federeeshinii Industirii fi Daldalaa Chaayinaa waliin marii’atan
Apr 24, 2025 78
Ebla 16/2017(TOI)- Itti Aanaan Muummicha Ministiraa Tamasgeen Xurunaa itti aanaa dura taa’aa koree biyyaalessaa gumii maree partii siyaasaa ummata Chaayinaa fi dura taa’aa Federeeshinii Industirii fi Daldalaa Chaayinaa Gaa’oo Yunlong waliin mari’ataniiru. Itti Aanaan Mummicha Ministiraa toora Miidiyaa Hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin partii siyaasaa ummata Chaayinaa Itti Aanaa Itti Gaafatamaa fi Itti Gaafatamaa Industirii fi Federeeshinii Daldalaa Ga’oo Yunlong fi Jilasaaniin baga nagaan gara Itiyoophiyaa dhuftan jedhaniiru. Itiyoophiyaa fi Chaayinaa gidduutti Invastimantii, Misooma Dinagdee fi walta’insa daldalaa jabeessuun haala dandahamu irratti, ittigaafatamicha waliin marii’achuusaanii ibsaniiru. Itti aanaan itti gaafatama Ga’oo Yunlongi Itiyophiyaan hojiiwwan misoomaa hojjechaa jirtu dinqisiifachuu isaanii ibsaniiru. Keessumattuu Magaalaan Finfinnee jijiiramuushee fi hojii milkaa’inaa argametti dinqisiifachuu isaanii himaniiru. Itiyoophiyaan gama Invastimantiin Abbootii qabeenyaa Chayinaaf Mijattuu ta’uu fi haalaan kan hin jijijjiiramne hariiroo tarsiima’aa biyyoota lamaani gama Dinagdeen Caalaatti jabaatee akka itti fufuuf walii galleera jechuun ergaasaaniin dabarsaniiru.
Itiyoophiyaan walgahii ministirootaa EDTSGA irratti hirmaachaa jirti
Apr 24, 2025 74
Ebla 16/2017(TOI)- Itiyoophiyaan walgahii ministirootaa ergama deeggarsaa fi tasgabbeessuu Somaaliyaa gamtaa Afriikaa (EDTSGA) Yugaandaa Kaampaalaatti taa’ama jiru irratti hirmaachaa jirti. Ministirri ittisaa Injiinar Ayishaa Mahaammad, mootummoota gamtoomaniitti komishiniin dinagdee Afriikaa fi gamtaa Afriikaatti ergamtuun dhaabbataa Itiyoophiyaa ambaasaaddar Hirut Zammanee akkasumas gareen jila biroon waltajjicharratti hirmaachaa akka jiran odeeffannoon embaasiin Itiyoophiyaa Kaampaalaatti argamu nimul’isa.
Naannoo Sidaamaa Waltajjii qorannoo Raawwii Karoora Ji'oota Sagal Magaalaa Hawaasaatti Gaggeeffamaa jira
Apr 23, 2025 164
Ebla 15/2017 (TOI)-Waltajjiin raawwii karoora Mootummaa Naannoo Sidaamaa ji’oota sagalii qoratu Bakka Bulchaan Naannichaa Obbo Dastaa Leedamoo argamanitti Magaalaa Hawaasaatti gaggeeffamaa jira. Waltajjicharratti Bulchaan Naannichaa obbo Dastaa Leedamoo bu’aa ji’oota sagal darban keessatti damee hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaatiin argame eegsisuuf kan hojjatamu ta’uu ibsaniiru. Waltajjiin kun bu’aa fi kallattii dameewwan kanneeniin galma ga’an irratti ejjennoo waloo uumuu fi gara fuulduraatti bu’aa fooyya’aa argachuuf kaka’umsa uumuuf kan akeeke ta’uus eeraniiru. Waltajjicharratti dhimmoota akka dhiyeessii galteewwan oomishaa fi oomishtummaa qonnaa guddisuuf gargaaran, misooma jallisii fi bunaa, akkasumas misooma oomishaalee akka galtee industirii ta’anii itti fayyadaman irratti gad fageenyaan ni mari’ata jedhaniiru. Bu’uuraalee misoomaa babal’isuu, galii dabaluu, dargaggootaaf carraa hojii uumuu, pirojektoota misoomaa adda addaa hawaasa fayyadamoo taasisu irratti akka mari’atamus ibsaniiru. Waltajjicharratti raawwiin hojii ijoo naannichaa ji’oota sagal darban mootummaan hojjete irratti xiyyeeffatee dhihaatanii akka mari’atamu beekameera.
Manni marichaa oolmaa har’aatiin ajandaawwan garagaraa irratti nimari’ata
Apr 23, 2025 153
Ebla 15/2017 (TOI)-Qorannoon raawwii hojii baatii sagalii bara bajataa 2017 mana maree bulchiinsa naannoo Hararii har’as itti fufeera. Dhaabbileen sektara misooma hawaasummaa naannichaa hojiilee gurguddoo baatii sagal darban raawwatan gabaasaa jiru. Hojiilee humna namaa fi sektara bulchiinsa gaarii ilaalchisuun manni marichaa gabaasa dhihaatus nidhaggeeffata. Dhimmoota gabaafaman ilaalchisuun manni marichaa akka mari’atu odeeffannoon biiroo komunikeeshinii naannichaarraa argame nimul’isa.
Manni maree waloo Paartiilee Morkattootaa Naannoo Affaar keessa socho’an hojii raawwachiiftuu haaraa filatan
Apr 22, 2025 227
Ebla 14/2017 (TOI)- Paartileen siyaasaa morkattoota Naannoo Affar keessa socho’an yaa’ii mana maree hara’a gaggeessaniin hojii raawwachiiftota haaraa filataniiru. Manni marichaa yaa’ii gaggeesse irratti waltajicha kan saaqan, Itti Gaafatamaa Paartii Badhaadhinaa Damee Affaar obbo Mahammed Husseen akka jedhanitti, paartiileen morkattootaa waliin mariiyachuu fi waliin hojjechuun biyyattiin sochii dimokiraatawaa tassiftuuf murteessaa tahuu ibsaniiru. Kanaanis sochiiwwan biyyaalessaa fi naannoo taassifaman irratti gahee isaanii bahuu akka qaban ibsaniiru. Yaa’ichi raawwii hojii irratti erga mariiyatee booda, hojii raawwachiiftota mana maree gaggeessan filateera. Bu’uuruma Kanaan paartii bilisa baasaa Afar iraa obbo Hanfiree Aliimiiraa walitti qabaa, Paartii Tokkummaa Abiyootawii Dimokiraasii Affar irraa obbo Mahammad Awwal wagriis , Itti Aanaa Walitti Qabaa, paartii sochii dimokiraasii saba Argobbaa irraa obbo Bakiir Mahaammad barreessa tahuun filatamaniiru. Manni maree waloo miseensummaan Paartii Badhaadhinaa , paartii ummata Affar, adda tokkummaa dimokiratawaa warraaqsa Affar, paartii Adda Bilisa Baasa Affaar, dhaabbata dimokiraasii ummata Argobbaa, sochii demokiraatawaa sablammii Argobbaa, Paartii demokiraatawaa Haqa ummata Affar kan of keessatti hammate tahuu ibsaniiru. Miseensonni hojii raawwachiisaa mana maree waloo paartiilee siyaasa federaalaa Aadde Hindiyyaa Shiree ,Obbo Mahaammed Aydihiinaa, fi Usmaa’el Xahaa saganticharratti argamaniiru.
Daawwannaan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Veeyitinaamitti taasisasn hariiroo biyyoota lamaanii kan cimsuu fi muudannoon kan irraa argamedha
Apr 21, 2025 327
Ebla 13/2017(TOI)- Daawwannaan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Veeyitinaamitti taasisasn hariiroo biyyoota lamaanii kan cimsuu fi muudannoon kan irraa argame ta’uu hooggantuun pirees sekiretaiyaatii waajjira ministira muummee Billanee Siyyum ibsan. Hooggantuun pirees sekiretaiyaatii waajjira ministira muummee Billanee Siyyum daawwannaa ministirri muummee torbee darbe Veeyitinaamitti taasisan ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Ibsa Kanaan ministirri muummee turtii Veeyitinaamitti taasisdaniin hooggantoota olaanoo biyyattii garagaraa waliin mari’achuusaanii beeksisaniiru. Biyyoota lamaan jidduutti dameelee garagaraan tumsa cimsuuf mari’achuusaanii ibsaniiru. Ministirri muummee Veeyitinaam Faam Miin Chiin ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad masaraasaaniitti የsimachuun mari’achuusaanii kaasaniiru. Viyeetinaam kan beekamtu Invastimantii hawachuun akka ta’e eeranii damee dinagdee, Industirii, qonnaa fi kanneen biroon biyyattiirraa muuxannoon argamuu ibsaniiru. Marii hooggantoota olaanoo biyyatti waliin taasifameen haala mijataa Itiyoophiyaa keessa jirutti fayyadamuun hariiroo caalu akka barbaadan dubbachuusaanii eeraniiru. Itiyoophiyaan gama humna haaromfamuun carraaqqii adda duree gootuu fi Afriikaatti kun calaqqisuu akka qabu ibsuusaanii hooggantuun kun ibsaniiru. Imala Itiyoophiyaan nyaataan ofdanda’uuf taasiftu veeyitinaamirraa muuxannoon argamuu, dameelee qonnaa, Industirii fi kanneen biroon muuxannoo hedduu kan itti fudhatte akka ture ibsaniiru. Dabalataanis dureeyyiin Veeyitinaam Filmaatota Invastimantii mijataa Itiyoophiyaan qabdu irratti akka hirmaattu marii gamlamee taasisuusaanii ibsaniiru.
Poolisiin meeshaalee seeraan alaa shakkamtoota 146 waliin to’achuu beeksise
Apr 21, 2025 253
Ebla 13/2017(TOI)- Poolisiin federaalaa Itiyoophiyaa baatii sagal bara bajataa 2017 meeshaalee waraanaa hedduu shakkamtoota 146 waliin to’achuu beeksiseera. Oppireeshinii deddeebisii meeshaa waraanaa dhaabsisuuf taasifameen, manneen jireenyaa keessaa meeshaalee waraanaa 121, kuma 8 fi 989 humnoota farreen nageenyaa harkaa fi meeshaalee waraanaa 36 keellaatti to’achuusaa beeksiseera. Dabalataanis Rasaasa meeshaalee garagaraa kuma 6 fi 351 manneen jireenyaa keessaa, kuma 8 fi 989 farreen nageenyaa harkaa, kuma 51 fi 846 keeellaarratti akka qabaman odeeffannoon poolisii federaalaa nimul’isa. Akkasumas baattoon rasaasaa garagaraa 236 manneen jireenyaa fi 148 keellaarratti qabamuun eerameera. Haala wal fakkaatuun Bireeniin 1 farreen nageenyaa harkaa, Bireeniin 2 keellaarratti, kan qabame yoo ta’u, Boombiin garagaraa 31 manneen jireenyaa, boombiiwwan 25 humnoota farreen ummataa harkaa, Boombiiwwan 122 keellaarratti qabamuu poolisiin beeksiseera. Shugguxiiwwan garagaraa 32 manneen jireenyaa, shuguxiiwwan 128 humnoota farreen ummataa, 102 keellaarratti qabamuu poolisiin eereera. Snaayippariin 1 mana jireenyaa akkasumas snaayippariin 1 humnoota farreen ummataa harkatti qabuusaa fi shakkamtoonni 146 to’atamuu himeera. Hawaasni meeshaa seeraan ala deddeebifamu yoo argu appilikeeshinii hirmaannaa lammiilee (EFPApp) fi toora bilbilaa bilisaa 991 irratti eeruukennuun dirqama lammummaa akka bahu waamicha dhiheesseera.
Itiyoophiyaa fi Kibba Sudaan tumsa gamlamee caalaatti cimsuuf waliigalan
Apr 18, 2025 453
Ebla 10/2017(TOI)-Itiyoophiyaa fi Kibba Sudaan tumsa gamlamee caalaatti cimsuun haala danda’amurratti waliigalaniiru. Ministirri dhimma alaa Dr.Geediyoon Ximootiwoos ministira dhimma alaa fi tumsa idil addunyaa kibba Sudaan haaraa Mandaay Samayaa Kumbaa waliin dhimmoota gamlamee fi riijinii garagaraa irratti mari’ataniiru. Dr. Geediyoon Ximootiwoos marii kanarratti, ambaasaaddar Mandaayaa Samaayaa Kumbaa ministira dhimma alaa fi tumsa idil addunyaa kibba Sudaan ta’uun muudamauusaaniif bga gammaddan jedhaniiru. Itti fufuunis walitti hidhata Itiyoophiyaa fi Sudaan Kibbaa jidduu jiru caalaa jabeessuuf ministira haaraa waliin hojjechuuf kutannoo qaban ibsaniiru. Ambaasaaddar Mandaayaa Samaayaa Kumbaa gamasaaniin, hariiroo siyaasaa fi dinagdee cimaa biyyoota lamaan jidduu jiru sadarkaa olaanaatti ceesisuuf fedhii qaban himaniiru. Ministiroonni lamaan barbaachisummaa nagaa fi tasgabbii riijinichaa mirkaneessuu irratti kan mari’atan yoo ta’u, kaayyoo kana galmaan gahuuf walitti dhiheenyaan hojjechuuf waliigaluusaanii odeeffannoon ministeera dhimma alaarraa argame nimul’isas. #Oromiyaa #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI #dippilomaasii
Daangaa qilleensaa biyya keenyaa aggaammii kamirrayyuu tiksaa hojii seena haaromsuu eegalle itti fufna-Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa
Apr 18, 2025 372
Ebla 10/2017(TOI)-Daangaa qilleensaa biyya keenyaa aggaammii kamirrayyuu tiksaa hojii seena haaromsuu eegalle itti fufna jedhan ajajaan humna qilleensaa RDFI Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa ibsan. Letenaal Jeneraal Yilma Mardaasaa Xiyyaara perezidaantiin Itiyoophiyaa duraanii Mangistuu Haayilemariyam ittiin deemaa tura, Xiyyaara DHC-5 Buffaloo jedhamtu, waggaa 37 ol tajaajilaa ala taatee turte, Suphuu fi haaressuun, Injiinarootaa fi teeknishaanota hojii eegalsiisan galateeffataniiru Xiyyaarichi suphaa guutuun taassifameefii, teeknoolojiin ammayyaa kan maxxanneef tahuu mirkaneessuu isaanii fi yaalii deddeebanii taasisaniin mirkaneessuun gara humna kaniitti akka makamu tassifamuusaatti gammaduu isaanii ibsuu odeeffannoon raayyaa ittisa biyyaarraa argame ni’agarsiisa. Ajajichi, dargaggoonni dhaabbaticha keessaa Qorannoo kan gaggeesanii fi hojii dinqisiisaa kan hojjetan akka jiran kan itti arginedha jechuun dubbataniiru. Hidhannnoo raayya ittisa biyyaa kan omishan tattaaffii taassifamaa jiruun bu’aan gaariin argamaa jiraachuu ibsuun , humni qilleensaa guddichi qaama kanaa tahuu ibsanii pirojektoota adda addaa bocuun socho’aa jiraachuu mirkaneessaniiru. “Biyya jabduuf Humna Qilleensaa jabaa” yaada jedhuun humna qilleensaa Ijaarame, daangaa Qilleensaa biyya keenyaa eeguu irra darbee, seenaa haaressaa fi hojiiwwan yeroo waliin deeman raawwachaa humna biyyaa cimaa tahuu ibsaniiru. Teeknishaanota Humna Qilleensaan suphaa fi fooyya’insa taassifameefii xiyyaarri DHC-5 Buffaloo perizedaantiin Itiyoophiyaa duraanii yeroo biyyaatii baqatan hanga keeniyaatti ittiin baqatan tahuun ishee seenaa qabeessa taassisa jechuun odeeffannoon fuula miidiyaa hawaasaa raayyaa ittisa biyyaa irraa argame ni’argisiisa.
Daawwannaan Muummichi Ministiraa dhageettii, Itiyoophiyaan Sadarkaa Idil Addunyaatti qabdu kan guddise dha-Ambaasaddar Dasee Daalkee
Apr 18, 2025 306
Ebla 10/2017 (TOI)- Daawwannaan Veeytinaam Muummichi Ministiraa Dr. Abiy Ahimad, dhageetii Itiyoophiyaa Sadarkaa Idil Addunyaatti kan guddisee fi Hariiroo kan uumee tahuu Ripaabiliik Kooriyaatti Ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Dasee Daalkee ibsan. Ripaabiliika kooriyaatti Ambaasaaddar Dasee Daalkee daawwannaa Muumicha Ministiraa Dr.Abiy Ahimad ilaalchisee ibsa kennaniiru. Ibsa isaaniin, Itiyoophiyaa fi Veeytinaam gidduutti Hariiroon Dippiloomasii Idilee kan eegalame bara 1976 tahuu ibsaniiru. Veeytinaam akkuma Itiyoophiyaa hariiroo qajeeltoo irratti hundaa’e biyya hordoftu tahuu ibsuun, jijjiirama qilleensaa fi dhimmoota naannoo irratti ejjennoo wal fakkaataa qabaachuu isanii himaniiru. Muummichi Ministiraa fi Jilli isaanii turtii Veeytinaamiitiin hoggantoota biyyoota garaagaraa waliin marii gaggeessuu isaanii ibsanii, marii isaaniin dhimmoota gar-lamee fi Idil Addunyaa irratti waliin hojjechuuf carraa kan bane tahuu eeraniiru. Itiyoophiyaa fi veeytinaam dhimmoota Idi Adunyaa fi hariiroo gam-lamee irratti tumsaan waliin hojjechuuf kan isaan dandeessisu irratti marii taassisuu isanii ibsaniiru. Itiyoophiyaan Afriikaa irratti, Veeytinaam immoo Eeshiyaatti Dinagdee guddaa biyyoota uumaa jiran tahuu isaanii ibsuun, kunis biyyoonni lameen muuxannoo akka waliif qoodan kan isaan taassisu tahuu ibsaniiru. Veeytinaam Industirii Omishaan Huccuu, Gogaa fi bu’aawwan gogaa, akkasumas, kuduraa fi muduraa gabaa biyya Alaatiif kan dhiheessitu tahuu muuxannoo kan walirraa qooddachuu danda’anidha jedhaniiru. Veeytinaam Misooma Bunaan Addunyaa irraatii sadarkaa lammaffaa Itiyoophiyaan immo Sadarkaa Sadaffaa tahuu isanii ibsuun, muuxannoo wal-jijjiiruuf walii galteerra gahuusaanii ibsaniiru. Waliigalticha irratti Ministironni dhimma Alaa tarreeffama adeemsa raawwii isaanii qama hordofu moggaasuuf mariiyachuu isanii Ambasadar Daseen ibsaniiru. Veeytinaam fi Itiyoophiyaan gara Afriikaa fi Eeshiyaatti seensa balbalaa fi riqicha cehumsaa tahanii akka tajaajilan ibsuun , kunis faayidaa biyyoota lamaanii irra kan darbu tahuu dubbataniiru.
Itiyoophiyaa fi Veeyitinaam waliigaltee tumsa isaanii jabeessu taasisaniiru-Dr. Geediyoon Ximootiwoos
Apr 18, 2025 261
Ebla 10/2017(TOI)- Itiyoophiyaa fi Veeyitinaam waliigaltee tumsa isaanii jabeessu taasisuu isaanii ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos ibsan. Hariiroon Itiyoophiyaa fi Veeyitinaam waggaa 50 guutuusaa ministirichi kaasanii, daawwannaan ministirri muummee Dr Abiyyi Ahimad Veeyitinaamitti taasisan seenaa biyya keenyaa keessatti daawwannaa bulchaa biyyaa kan jalqabaa ta’uu dubbataniiru. Daawwannaan ministirri muummee fi jillisaanii Veeyitinaamitti taasisan milkaa’aa ta’uu eeranii, gaggeessitoonni biyyoota lamaanii marii taasisuun waliigalteewwan tumsa jasbeessan garagaraa mallatteessduusaanii eerasniiru. Kanneen keessaa daandiin qilleensaa Itiyoophiyaa Veeyitinaamitti balallii akka jalqabuu fi balallii wayita jalqabu hariiroo daldalaa biyyoota lamaanii, hariiroo ummattootaa fi walitti hidhata dinagdee nicimsa jedhaniiru. Damee barnootaa, dinagdee, daldalaa fi Invastimantiin waliigalteewwan hariiroo cimsan taasifamuus himaniiru. Fuulduras hariiroo biyyoota lamaanii sadarkaa olaanaan gahuuf hammattoo tumsaa attamii hordofuun akka barbaachisu waliigaltee taasisuuf mariin taasifamuu eeraniiru. Kun wayita dhugoomu hariiroon dhaabbatumaa fi fulla’aa cimaan biyyoota lamaan fayyadamoo taasisu akka jiraatu taasisa jedhaniiru. Itiyoophiyaan yaa’ii idil addunyaa tumsa misooma magariisaa (P4G)n bara 2027 akka keessummeessitu filatamuushee ministirichi kaasaniiru. Waltajjiin tumsa idil addunyaa Itiyoophiyaan hojiishee humna haaromfamaa fi misooma magariisaa addunyaaf akka agarsiiftu carraa guddaa ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan humna haaromfamaa bal’inaan akka fayyadamtu himanii, maallaqa guddaa baasuun misooma humna haaromfamaa hojjechaa akka jirtu ministirichi eeraniiru. Fuulduraaf konkolaattota elektiriikiin hojjetan qofa fayyadamuuf ejjennoo qabachuun hojjechaa akka jirtu ibsaniiru. Waltajjii tumsa P4G akka qopheessitu filatamuunshee dhiibbaa uumuu akka dandeessuu fi dhageettiinshee dabalaa dhufuuf agarsiiftuudha jechuun ibsan.
Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayee badhaasa meedaaliyaa biyyaalessaa Jibutii argatan
Apr 17, 2025 291
Ebla 09/2017 (TOI)-De’etaan ministira dhimma alaa ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayee badhaasa meedaaliyaa biyyaalessaa Jibutii har’a fudhatan. Ministira muummee Jibutii Abdulqaadir Kaamiil Mahaammad harkaa “meedaaliyaa naashinaalii Juun 27 Ofisar Daans” fudhachuu kootti guddaa gammadeera jedhan ambaasaaddar Birhaanuun ergaa fuula marsariitii isaaniirratti dabarsaniin. Pirezidaantiin Jibutii Ismaa’el Omaar Geelee hariiroo dippilomaasii biyyoota michuu lamaan jidduu jiru dhawataan caalaatti akka jabaatu deeggarsa fi hordoffii akka maatiitti agarsiisaniif guddaa galateeffachuun barbaada jedhaniiru. Jibutiin biyya kook an lammaffaati kan jedhan ambaasaaddar Birhaanuun, hariiroon Itiyoophiyaa fi Jibutii ummattoota waloorratti kan hundaa’e michooma cimaa fi ummattoota obbolummaa baroota dheeraa qabnudha jechuun ibsaniiru. Walitti hidhanni dinagdee biyyattii riijinichaaf fakkeenya ta’e dhimmoota Ardii fi Afriikaa irratti bal’inaan akka itti fufu himaniiru. Deeggarsa turtii isanii keessatti mootummaan Jibutii taasiseef ambaasaaddar Birhaanuun galateeffataniiru.
Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti daarektara olaanaa waajjira tajaajila pirojektii Joorji Morii’eraa Daa Silvaa waliin mari’atan.
Apr 17, 2025 256
Ebla 09/2017(TOI)- Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti daarektara olaanaa waajjira tajaajila pirojektii Joorji Morii’eraa Daa Silvaa waliin mari’atan. Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti waajjirri tajaajila pirojektii (UNOPS) bittaa garagaraa mootummaan Itiyoophiyaa raawwatu ilaalchisee hojii gabbisa dandeettii akka hojjetu Pirezidaant Taayyee Atsqasillaaseen gaafataniiru. Waajjirichi pirojektoota garagaraa Afriikaa keessatti raawwaturratti Itiyoophiyaanota meeshaa dhiheessan akka hirmaachisuu fi waajjira Itiyoophiyaa keessaa qabu akka babal’isus gaafachuunsaanii ibsameera. Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti daarektarri olaanaa waajjira tajaajila pirojektii Joorji Morii’eraa Daa Silvaa gamasaaniin, Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee waliin walgahii bu’a qabeessa taasisuu isaanii dubbataniiru. Waajjirichi hariiroo Itiyoophiyaa waliin qabu caalaatti jabeessuu akka barbaadu eeraniiru.
Riifroormiin dinagdee gooroo dandeettiin dippilomaasiin dinagdee Itiyoophiyaa akka dabalu taasiseera- Ministeera dhimma alaa
Apr 17, 2025 189
Ebla 09/2017(TOI)-Riifoormiin dinagdee gooroo Itiyoophiyaan hojiirra oolchite dandeettiin dippilomaasii dinagdeeshee fi dhiibbaa uumuu dandeessu akka dabalu taasisuusaa ministeerri dhimma alaa beeksise. Itiyoophiyaan baatii sagal darbe dippilomaasii milkaa’aa faayidaa biyyaalesaa kabachiisan raawwachiinshee ibsameera. Dubbi himaan ministeera dhimma alaa ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo hojiilee dippilomaasii ijoo baatii sagal hojjetaman ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Ibsa taasisaniin, Itiyoophiyaan biyyoota ollaaf dursa kennuun hojiilee riijinichatti walitti hidhata cimsan raawwatteetti jedhan. Hojiileen hariiroo alaa fi dippilomaasii fayyadama waloorratti bu’ureffatan gamlamee cimsan hojjetamuu ibsaniiru. Hirmaattonni yaa’ii hooggantoota gamtaa Afriikaa 38ffaa fi walgahiin mana maree hojii raawwachiiftotaa 46ffaan dinqisiifatanii akka ture yaadachiisaniiru. Gama dippilomaasii lammiirratti xiyyeeffateen hojii gaariin hojjetamuun alatti lammiilee 968’f carraan barnoota tolaa mijaa’uusaas ibsaniiru. Dippilomasii gamlameetiin waliigalteewwan 11 biyyoota garagaraa waliin mallatteeffamanii mana maree bakka bu’oota ummataaf dhihaataniinraggaasifamuu dubbataniiru. Riifoormiin dinagdee gooroo guutuun Adoolessa bara 2016 irraa eegalee hojiirra oole dandeettii dippilomaasii fi dhiibbaa uumuu danda’uu biyyattii akka dabalu taasisuu ibsaniiru. Dippilomaasii dinagdee ilaalchisee Invastimantii kallattii alaa fooyyessuuf karaa misiyoonotaa carraaleen Invastimantii Itiyoophiyaan qabdu 143 beeksisuun akka danda’ame dubbataniru. Haala Kanaan kaampaaniiwwan 533 Itiyoophiyaa dhufuun Invasti gochuun dura daawwannaa gochuusaanii ibsuun, oomishaalee Itiyoophyaa waltajjiiwwan daldalli ittiin beeksifamu 88 irratti hirmaachuun walitti hidhanni gabaa 98 uumamuu ibsaniiru. Dippilomaasii lammii jiddugala godhateen lammiileen kuma 92 caalan kan rakkoo hamaa keessa turan biyyatti akka deebi’an taasifamuu eeraniiru. Lammiilee Itiyoophiyaa yeroo ammaa Maayinaamaaritti rakkoo hamaa keessa jiran 700 ta’an biyyatti deebisuuf carraaqqiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. Lammiileen Itiyoophiyaa 130 caalan dhiheenya Maayinaamaar irraa biyyatti deebi’uu ibsanii, guyyoota 10 dhufan Itiyoophiyaanonni 200 biyyatti deebisuuf hojjetamaa akka jiru dubbataniiru. #Tajaajila Oduu Iriyoophiyaa #TOI #Oromiyaa
Manni marichaa labsiiwwan lama raggaase
Apr 17, 2025 292
Ebla 09/2017 (TOI)-Manni maree bakka bu’oota ummataa walgahii idilee 25ffaa bara hojii waggaa afraffaa har’a taaleen wixinee labsii lama raggaaseera. Manni marichaa jalqaba wixinee labsii, labsii miidiyaalee fooyyessuuf bahe iaaleera. Walitti qabaan koree dhaabbataa dhimmoota demokiraasii obbo Iwunatuu Allenee wixinee labsichaa ilaalchisuun gabaasaa fi yaada murtoo dhiheessaniiru. Manni marichaas marii wixinee labsichaarratti erga mari’atee booda wixinee labsichaa labsii lakk. 1374/2017 gochuun sagalee caalmaan raggaaseera. Itti aansuun wixinee labsii mana maree olaanaa sululawwanii bulchiinsa qabeenya bishaanii qindaa’aa raawwachiisu ilaalchisuun walitti qabduun koreen dhaabbataa bishaan, jallisii fi naannawoota gammoojjii fi misooma naannawaa adde Fatiyaa Ahimad gabaasaa fi yaada murtoo dhiheessaniiru. Manni maree wixinee labsii dhihaaterratti erga mari’atee booda wixinee labsichaa lakk. Labsii 1375/2017 gochuun sagalee guutuun raggaasuusaa odeeffannoon mana marichaa nimul’isa.
Baatii sagal darban hojiiwwan dippilomaasii faayidaa Itiyoophiyaa kabachiisan hojjetamaniiru-ministeera dhimma alaa
Apr 17, 2025 101
Ebla 09/2017(TOI)- Baatii sagal bara bajataa 2017tti hojiiwwan dippilomaasii faayidaa Itiyoophiyaa kabachiisan hojjetamuu ministeerri dhimma alaa beeksise. Dubbi himaan ministeera dhimma alaa ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo, hojiilee dippilomaasii ijoo baatii darban hojjetaman ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Ibsa kennaniin baatii sagal darban hojiileen dippilomaasii faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisan hojjetamuu ibsaniiru. Dippilomaasiin Itiyoophiyaa ollaaf dursa akka kennu ibsanii, hojiiwwan walitti hidhata biyyoota ollaa cimsan hojjetamuu ibsaniiru. Hojiileen hariiroo gamlamee faayidaa waloorratti cimsan hojjetamuu ibsaniiru. Yaa’iin hooggantoota gamtaa Afriikaa baatii Guraandhalaa adeemsifame raajeffannaan ilaalamee akka ture himaniiru. Hariiroon ummayttootaanis hojiin gaariin hojjetamuu ibsanii, fakkeenyaaf carraan barnootaa olaanaa 968 mijachuusaa eeraniiru. Waliigalteewwan biyyoota garaagaraa waliin taasifaman ilaalchisuun waliigalteewwan 11 mana mareef dhihaatanii ragga’uusaanii dubbataniiru. Riifoormiin dinagdee gooroo Itiyoophiyaan hojiirra oolchite dandeettii dippilomaasii dinagdee guddisuun dandeettiin dhiibbaa uumuuf dandeessu guddachuu ibsaniiru. Hojii dippilomaasii lammiirratti xiyyeeffateen lammiileen haala rakkisaa keessa turan kuma 92 ol biyyatti deebifamuu eeraniiru.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad yaa’ii Veeyitinaam P4G 2025 irratti hirmaatan
Apr 16, 2025 237
Ebla 08/2017(TOI)-Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad yaa’ii yaa’ii Veeyitinaam P4G 2025 qabiyyee “cehumsa magariisaa fulla’aa fi ummata jiddugaleeffate” jedhuun adeemsifamaa jiru irratti hirmaataniiru. Ministirri muummee ergaa fuula marsariitii isaaniirratti barreessaniin, yaa’ii Veeyitinaam P4G 2025 qabiyyee “cehumsa magariisaa fulla’aa fi ummata jiddugaleeffate” jedhuun adeemsifamaa jirurratti eegumsa haala qilleensaa tarkaanfachiisuuf qabxiilee ijoo sadii kaaseera jedhan. Tokkoffaa eegumsi haala qilleensaa dhiheessii maallaqaaf hunda dura dursa kennuun maddeen gahaa, tilmaamamuu danda’uu fi fulla’aa ta’aniin mirkaneessuu qabna jechuun ibsan. Kan lammataa misooma fulla’aa deeggaruu fi eegumsa qabeenya lafaa Afriikaaf eegumsa gochuuf uwwisa Invastimantii madda anniisaa addunyaa keessatti qooda Afriikaa amma jiru harka lama bara 2030tti harka 20n gahuu qabna jedhan. Kan sadaffaa badii lubbu qabeeyyii fi lafti qullqqtti hafuu qolachuun uumama eeguuf tarkaanfiiwwan hatattamaa fudhatamuu qabu jechuun hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaa fi Veeyitinaam tumsaan hojjechuuf waliigaltee mallatteessan
Apr 15, 2025 246
Ebla 07/2017(TOI)- Itiyoophiyaa fi Veeyitinaam gama daldalaa barnootaa fi siviil Aviyeeshiniin tumsaan hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru. Ministirri muummee Veeyitineem Faam Miin Chiin ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad masaraa isaaniitti sirna simannaa taasisaniiruuf. Simannaan booda hoggantoonni lamaanii fi jillisaanii marii gam lame taasisaniiru. Riifoormiiwwan biyyoota lamaanitti taasifaman akkasumas dhimmoota dinagdee fi siyaasaa tumsaaf gargaaran keessumaa muuxannoo walii qooduu fi invastimantii dabalatee dhimmoota garagaraa irratti yaada waljijjiiraniiru. Hooggantoonni lamaan tumsa daldalaa fi barnootaa irratti sanada waliigaltee mallatteessaniiru. Dabalataanis daandii qilleensasa Itiyoophiyaatiin Finfinnee fi Hanooy jidduutti balallii kallattii kan mijeessu waliigalteen siviil aviyeeshinii taasifameera. Daawwannaan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Veeyitinaamitti taasisan hariiroon dippilomaasii biyyoota lamaanii erga hundeeffamee waggaa 50 booda daawwannaa j gaggeessaa mootummaa kan alqabaa ta’uu odeeffannoon waajjira ministira nuummee nimul’isa.