Diinagdee
Riijiniin daldala Walabaa Ardii Afrikaa walitti hidhamiinsa qilleensaa cimaan yoo deeggaramu ni dagaaga-Ministira Dr. Alamuu Simee
Apr 24, 2025 52
Ebla 16/2017 (TOI)- Riijiniin daldala Walabaa Ardii Afrikaa walitti hidhamiinsa qilleensaa cimaan yoo deeggaramu ni dagaaga jedhan Ministirri Geejjibaa fi Loojistikii Dr. Alemu Sime. Fooramiin Aviyeeshinii Ityoophiyaa jalqabaa Finfinnee Hoteela Iskaayilaayititti gaggeeffamaa jira. Ministirri Geejjibaa fi loojistikii Dr Alemuu Simee, Ministirri Turizimii Salaamaawit Kaasaa, Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Siviil Aviyeeshinii Ityoophiyaa Geetachoo Mangiste, hoji gaggeessaa olaanaa Daandii Qilleensaa Ityoophiyaa Masfin Xaasoo fi qooda fudhattoonni biroo foramicharratti argamaniiru. Ministirri Geejjibaa fi Loojistikii Dr. Alamuu Simee, wayita kana akka jedhanitti; Itiyoophiyaan Aviyeeshinii Afriikaa amansiisaa,, fulla’aa fi walitti hidhamiinsa qabu uumuuf hojjechaa jirti. Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa Afrikaa keessatti toora bakkeewwan geejjibaa guddaa fi adda addaa kan qabu ta’uu eeranii, kunis ardiilee walitti fiduuf kutannoo qabu kan agarsiisudha. Riijinii Daldala Walabaa Ardii Afriikaa mijeessuuf walitti hidhamiinsa qilleensaa cimsuun murteessaa ta’uus hubachiisaniiru. Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa gara Loome, Liilongiwee fi Kisanganiitti babal’achuu ibsaii, kanaanis Paan Afriikaan kutannoo agarsiisuu isaa ibsaniiru. Ministirri Turizimii Salaamaawiit Kaasaa akka jedhanitti, turizimiin dameewwan mootummaan jijjiirama waggoota darban keessatti xiyyeeffannoo itti kenne keessaa isa tokko ta’uu ibsaniiru. Damee turizimii guddisuuf dameen Aviyeeshinii murteessaa ta’uu ibsuun, walitti hidhamiinsa Afriikaa keessatti cimsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Hojii gaggeessaan olaanaa Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa obbo Masfin Xaasoo gamasaaniin waltajjiin kun dhimmoota induustirii aviyeeshinii, tajaajila geejjibaa qilleensaa fi kanneen kana fakkaatan misoomsuuf Itiyoophiyaa fi Afriikaa keessatti mari’atamuu danda’an irratti ni mari’ata jedhaniiru.
Walgahiin Mana Maree Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Oromiyaa Marsaa 3ffaan gaggeeffamaa jira
Apr 24, 2025 24
Ebla 16/2017)- Walgahiin Mana Maree Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Naannoo Oromiyaa Marsaa 3ffaan Finfinnee Waajjira Pirezidaantii Oromiyaatti gaggeeffamaa jira. Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Walitti Qabaan Mana Marichaa Obbo Shimallis Abdiisaa, Ministeerrii qonnaa Dr. Girmaa Amantee, sadarkaa itti aanaa pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaatti qindeessa kilaastera misooma baadiyaa obbo Addisu Araggaa dabaltee qaamoleen qooda fudhatoonni biroon Walgahiin kana irratti hirmaacha jiru. Sadarkaa itti aanaa pirezidaantii mootummaa naannoo Oromiyaatti qindeessa kilaastera misooma baadiyaa obbo Addisu Araggaa haasaa sirna banisa walgahicharratti taasisaniin; Jalqaba kaayyoon manni marichaa hundaa'ee haalli qabatama yeroo ammaa qonni ittiin geggeeffamu duubatti hafaa waan ta'eef oomishaa fi oomishitummaa dachaan dabaluuf haala jiru keessaa baasuun qonna ceesisuun murteessa ta'uu yaadameetu jedhaniiru. Manni maree kun damee qonnaa ammayyeesuuf dhimmoota gargaara irratti hojii gorsaa, qindeesuu, rakkoowwan jiran adda baasuun furmaata akka argatan taasisuu hojjecha jiraachuu obbo Addisuu Araggaa himaniiru. Haaluma kanaan hojiiwwan waggoota 4'n darban hojjetameen galmoota misooma baadiyyaa milkeesu keessatti gahee olaanaa bahachaa jiraachuu eeraniiru. Hojii kanaan wabii nyaata mirkaneesuun eeggatummaa jalaa bahuuf hojii gama ce'umsa qonnaan hojjetameen oomishaalee kanaan dura alaa galan kanneen akka qamadii gabaa alaatti erguun jalqabamuu himaniiru. Oomishaalee biyya alaa galan kan biyya keeessaan bakka buusuu, oomishaalee gabaa alaaf dhihaataan dachaan dabaluu irrattis hojii hojjetameen milkaa'inni olaanaan galmaa'uu ibsaniiru. Hojii qonna ammayyeesurrattis hojjetameenis ce'umsi qonna Oromiyaa jijjirama guddaa fidaa jiraachuu himaniiru. Kanaanis Oromiyaatti lafti tiraakteraan qodamu kan kanaan duraa caalaa dachaan dabaluu himaniiru. Hojiin qonnaa ammayyaa'aa deemuun isaa immoo hirmaannaan dargaggoonni hojii qonnaarratti qaban akka dabalu taasisuu ibsaiiru. Walgahii mana maree tiraansfoormeeshinii qonna Oromiyaa kanaanis milkaa'inoota hanga ammaa argaman cimsuun haala danda'amuu fi galmoota hafan milkeesuuf hojii hojjetamuu qaburratti bal'inaan ni mari'atama jedhaniiru.
Dhimmi ulaa galaanaa Itiyoophiyaaf madaallii kamiinuu gaaffii bu’uuraa Biyyaa fi Uummataati
Apr 24, 2025 16
Ebla 15/2017 (TOI)- Dhimmi hulaa galaanaa Itiyoophiyaa ulaagaa kamiiniyyuu gaaffii bu’uuraa biyyaa fi ummataarratti kan hundaa’e ta’uun ibsame. Addunyaa irratti biyyoonni ulaa galaanaa hinqabne akka seera addunyaatti haala kennanii fudhachuun,fi filannoowwan birootiin fayyadamoo ulaa galaanaa ta’uun isaanii ni yaadatama. Biyyoonni Walii galtee gamlamee, riijinii fi Ardiidhaan gaggeessuun fayyadamaa ulaa galaanaa ta’uun faayyadamummaa guddina waliinii godhan baay’eedha. Fakkeenyaaf Afgaanistaan, paakistaan waliin, biyyi laatiin Ameerikaan, voliviya peeruu waliin walii galuun fayyadamoo ulaa galaanaa ta’uu danda’aniiru. Galaana Diimaa irratii fageenya dhi’ootti kan argamtu Itiyoophiyaan ulaa galaanaa kan qabdu turte, mudannoo seenaatiin dhihootti akka ilaaltu taateetti. Yeroo ammaa kana Mootummaan Itiyoophiyaan fayyadamoo ulaa galaanaa ta’uu qabdi ejjennoo jedhuun tattaaffii dippiloomaasii itti fufee jira. Tattaaffiin Dippiloomaasii Itiyoophiyaan gochaa jirtu fudhatama argachaaa jira. Dhimma kana irrati TOIn kan dubbise barsiisonni Yuunvarsiitii Jiinkaa dhimmi ulaa galaanaa Itiyoophiyaa madaallii kamiiniyyuu gaaffii bu’uuraa biyyaa fi uummataa ta’uu kaasaniiru. Barsiisaan dhimma Lammummaa fi naamusaa Yuunvarsiitichaa kan ta’an Misikkir Katamaa dhimmi balbala galaanaa waggoota dheeraaf osoo hin ka’iin turuun faayida biyyoolessaa dagateera jechuun kaasaniiru. Mootummaan jijiiramaa gaaffii hulaa galaanaa kaasuun, dantaa biyyaaf dhaabbachusaa kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru. Tattaaffii motummaan ulaa galaanaa argachuuf taassisu hundi keenya deeggaruuf itti gaafatamummaa qabna jedhaniru. Gaaffii uulaa galaanaa Itiyoophiyaa, Hayyoonni, Namoonni bebbeekamoon, Miidiyaan Hawaasaa namoonni dhageettii qaban dhimma kana Ajandaa godhachuu qabu jedhaniiru. Haaluma walfakkatuun Yuunvarsiitichatti, Barsiisaan Seenaa fi hambaa Wandimmaageny Nagaash, Itiyoophiyaan mudannaa seenaatiin ulaa galaanaa dhabuunshee hunda keenya gaabbisiiseera jedhaniiru. Gaaffiin ulaa galaanaa gaaffii dhalootaa ta’uu kaasuun milkaa’ina deebiisaatiif hunduu gamtaan dhaabbachuun hojjechuu qabna jedhuun, Hayyoonni, namoonni beekkamoo fi diyaaspoorawwan gaffii keessan yeroo hundaa godhatanii hojjechuu qabu jedhaniiru.
Buufanni madda anniisaa Gibe 3 baatii sagal darban sa’aatii giigaa waatii kuma 5 fi 430 ol maddisiiseera-humna elektiriikii Itiyoophiyaa
Apr 24, 2025 16
Ebla 16/2017(TOI)-Buufanni Humna Elektirikii Itiyoophiyaa Gibee 3 ji’oota sagal darban keessatti humna ibsaa sa’aatii giigawatii kuma 5 fi 430 ol maddisiisuu beeksise. Hojii gaggeessaan oppireeshinii buufatichaa obbo Dajanee Guutaa akka ibsanitti, Buufatni Humna Bishaan Gibee 3 ji’oota sagal darban keessatti oomisha anniisaa karoorfame caalaa maddisiiseera. Buufatni humna elektiriikaa kun bara baajataa 2017 ji’oota sagal jalqabaa keessatti humna ibsaa sa’aatii giigaa waatii kuma 5 fi 436 tuqaa 5 maddisiisuu kan danda’e yoo ta’u, anniisaa sa’aatii kuma 4 fi 725 tuqaa 56 maddisiisuuf karoorfamee ture jedhan. Kunis sa’aatii giigaa waatii 710 tuqaa 94 ykn hanga karoorfame irraa dhibbeentaa 15 tuqaa 04, akkasumas sa’aatii giigaa waatii 189 tuqaa 65 ykn yeroo walfakkaataa bara darbee irraa dhibbeentaa 3 tuqaa 61 caala. Bu’aa kanaaf sababoonni hojiiwwan sakatta’iinsaa fi hordoffii yeroo yeroon oomisha humna ibsaa amanamaa ta’e mirkaneessu, hojiin hojii akkaataa maanuwaalii hojii hojii hooggansa dhaabbatichaatiin mirkanaa’een kan raawwatamu ta’uu isaa, akkasumas agarsiistonni addaan ciccituu fi rakkoolee (alaarmii fi badii) yeroo hubataman battalumatti akka dhabamsiifaman ta’uu ibsaniiru. Dhuma bara baajataa kanaatti humni ibsaa sa’aatii giigaa waatii kuma 6 fi 141 tuqaa 49 maddisiisuu fi hojiitti galchuuf karoorfamee, ji’oota sagal darban keessatti karoora waliigalaa keessaa dhibbeentaan 88 tuqaa 52 galma ga’uu isaa yaadachiisaniiru. Obbo Dajanee Guutaa itti dabaluun kun karoora bara bajataa keessatti milkeessuuf kaa’ame galmaan ga’uuf agarsiiftuu ta’uu ibsaniiru.
Biyya keenya Ijaaruu, Bareechuun,fi Qulqulleessuun cimee itti  fufa-Muummicha Ministiraa – Dr.Abiyyi Ahimda
Apr 23, 2025 82
Ebla 15/2017 (TOI)-Hojiin Biyya Ijaaruu, qulqulleessuu, fi miidhagsuu jabaatee kan itti fufu tahuu Muummichi Ministiraa Dr.Abiyyi Ahimad ibsan. Muummichi Ministiraa Dr.Abiyyi Ahimad, hojii misooma kooriidaraa Kaazanchis kaleessa eebisaniiru. Kaazanchis baatiiwwan muraasa dura bifa qabdu, haala amma jiru waliin yeroo madaalamu garaagarummaa guddaan jiraachuu eeraniiru. Misooma kooriidaraa marsaa 2ffaan Kaazanchisiin dabalatee eegaluu ibsuun, baatiiwwan muraasa gidduutti bu’aawwan argaman kan nama boonsu ta’uu ibsaniiru. Namoonni kaazaanchis irraa ka’anis nannicha daawwachuu ibsuun, haala duraan ture waliin yeroo madalan jijiirama guddaa tahuu ibsaniiru. Biyyoota birootti Ammayyummaa fi jijjiiramni kan dhufan haala Kanaan ta’uu ibsuun, Magaalonni Ammayyooman magariisaa fi qulqulluu ta’uusaanii ibsaniiru. Jiraattonni magaalichaa haala baratame keessaa baanee gara miidhagduutti cehuuf tattaaffii obsa nama fixachiisu kan gaafatu ta’uu ibsuun, biyya keenya guddisuu fi dhaloonni dhufu abdii akka qabaataniis biyya badhaate ijaaruuf gatii kaffalame ta’uu hubachiisaniiru. Hojiin Biyya keenya ijaaruu, qulqulleessuun fi miidhagsuun; hawwii keenyaa fi waan jenne qabatamaa gochuun agrsiisuun cimee itti fufa jedhaniiru. Kanafis, hoggansi sadarkaa sadarkaan jiru jabaatee, beekumsaa fi saffisaan hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru. Yeroo ammaa tattaaffiin barbaachisaa ta’uu ibsuun, tattaaffiin sadarkaa tokko yeroo geenyu kan itti aanu xiinxaluun barbaachisaa ta’uu ibsaniru.
Qulqullina bunaa fooyyessuun bu'aa bunarraa argamu guddisuuf hojjetamaa jira-abbaa taayitichaa
Apr 23, 2025 56
Ebla 15/2017 (TOI)-Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaa qulqullina bunaa fooyyessuu fi bu’aa bunarraa argamu hojjetamaa akka jiru beeksise. Waltajjiin qonnaan bulaarratti xiyyeeffate kan buna ispeeshaaliitii qulqulluu qopheessuuf gargaaru irratti hubannoo uumu magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa jira. Akka itti aanaan daarektara abbaa taayitichaa obbo Taagaayi Nuuruu jedhanitti galii damee kanarraa argamu guddisuufi qulqullinaa fi sadarkaa bunaa fooyyessuun fayyadama oomishtoota bunaa mirkaneessuuf hojjetamaa jira. Qonnaan bultoota qulqullina bunaa irratti araarama hin qabne uumuuf sosochiin qulqullina bunaa gaggeeffamaa turuu eeraniiru. Fudhatama qulqullinaa fi dhandhama bunaa mirkaneessuuf hojiiwwan oomisha bunaa hunda keessatti hojjetamuu akka qaban ibsaniiru. Buna qulqullina qabu oomishuuf mala adda ta’e hojiirra oolchuu fi xiyyeeffannoo guddaa itti kennuun barbaachisaa ta’uu eeruun, qulqullinni gabaa keessatti gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Akka Itti Aanaa Itti Gaafatamaa Waajjira Qonnaa godina Jimmaa obbo Awwall Kealiil jedhanitti, qulqullina oomisha bunaagodinichaa fooyyessuuf hojiin hedduun hojjetamaa jira. Bunni godinicha keessatti oomishamu qulqullina buna addaa irratti xiyyeeffachuun gabaa giddu galeessaa fi addunyaa irratti dorgomaa akka ta’uuf kallattii kaa’ameen hojiirra oolaa jiraachuu eeraniiru. Mariin qonnaan bultoota buna oomishan, daldaltootaa fi ogeeyyii, akkasumas ogeeyyii industirii miiccaa fi falfalu hirmaachise gaggeeffamuu ibsaniiru. Oomishtoonni fi ogeeyyiin naannoo Oromiyaa godina Jimmaa, Iluu Abaaboor fi Buunoo Beeddeellee, akkasumas naannoo Ummata Kibba Lixa Itiyoophiyaa godina Kafaa fi Beench Shakkoo irraa dhufan leenjicha irratti hirmaataniiru.
Nageenyi tasgabbaa’aan godina Wallagaa Lixaa milkaa’ina misooma qonnaaf carraa gaarii uumeera
Apr 23, 2025 48
Ebla15/2017(TOI):-Nageenyi tasgabbaa’aan godina Wallagaa Lixaa keessatti uumame yeroo sassaabbii milkii misooma qonnaaf carraa gaarii uumeera jedhan qonnaan bultoonni naannawaa. Xaa’oon bara oomishaa 2017/18 godinicha keessatti gamanuma isaan qaqqabaa akka jiru Qonnaan bultoonni ibsaniiru. Hojiin xaa’oo qonnaan bultootaaf yeroon akka dhiyaatu haala qindoomina qabuun hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonna godinichaa beeksiseera. Qonnaan bultoonni aanaalee godina Wallagga Lixaa adda addaa Yaada TOI’f kennaniin, nageenyi tasgabbaa’aan godinicha keessatti uumame misooma qonnaa milkeessuuf carraa gaarii uumeera. Naannawa sanatti nageenyi cimaa fi tasgabbaa’aan diriirsuun hojiiwwan misooma qonnaa yeroon akka raawwataman taasiseera jedhan. Godinichatti qonnaan bultuun aanaa Laaloo Assaabii Asteer Tarfaasaa , Xaaoon gamanumaa dhihaachaa waan jiruuf hojii qonnaaf mijataa ta’uu ibsaniiru. Sirni kaffaltii xaa’oo dijiitaalaa ta’uus eeruun, sirna saffisaa, gahumsaa fi iftoomina qabu uumeera jedhan. Qonnaan bulaan ganda Homaa jiraatu Lammeessaa Habtee akka jedhanitti, xaa’oon qonna gannaaf dhihaachaa jiru oomishaaf carraa gaarii ta’a jedhan. Nageenyii fi tasgabbii yeroo ammaa godinicha keessa jiru qonnaan bultoonni xiyyeeffannoo isaanii guutummaatti gara qonnaatti deebisuun ibsameera. Jiraataan aanaa Laaloo Assaabii ganda Kaalii Gammachuu Fiqruu xaa’oon qonna gannaaf isaan barbaachisu bitachuu ibsaniiru. Haalli nagaa naannoo sanaa tasgabbaa’aa waan ta’eef, hojii qonnaa hojjechuuf akka mijatu ibsaniiru. Godinichatti ogeessi fedhii sanyii filatamaa fi Xaa’oo walitti qabuu Aadde Baamlaak Andu’alam akka jedhanitti, xaa’oon kuntaala kuma 340 ol qonnaan bulaaf raabsamaa jira. Xaa’oon kuntaala kuma 95 ol waqtii sassaabbii godinaalee keessatti buufata raabsaa qaqqabee, hanga ammaatti xaa’oon kuntaala kuma 47 fi 749 ol qonnaan bultootaaf raabsamuu isaa eeraniiru. Bara oomishaa 2017/18 Godinichatti lafa heektaara kuma 416 fi 965 ol midhaan gosa adda addaatiin uwwisuun oomisha kuntaala miiliyoona 13 ol walitti qabuuf karoorfameera.
Pirojektiin bishaan dhugaatii qulqulluu Aanaa Kurmuk keessatti ijaarame gaaffii keenya yeroo dheeraa deebiseera-jiraattota aanichaa
Apr 23, 2025 24
Ebla 15/2017 (TOI)-Proojaktiin bishaan dhugaatii qulqulluu godina Benishaangul Gumuz Aanaa Kurmuk keessatti ijaarame gaaffii yeroo dheeraaf deebii nuuf kenne jedhan jiraattonni aanichaa. Aanichatti birrii miiliyoona 299 oliin kan ijaarame pirojektiin bishaan dhugaatii qulqulluu kun guyyaa kaleessaa bakka hoggantoonni olaanoo federaalaa fi naannoo argamanitti eebbifamee tajaajila eegaleera. Pirojektiin kun jiraattota gandoota aanichaa jaha fayyadamoo akka taasisus ibsameera. Jiraattonni aanichaa akka jedhanitti pirojektiin bishaanii kun gaaffii misoomaa yeroo dheeraaf qaban deebiseeraaf. Jiraattota aanichaa keessaa Obbo Abdulbaasix Hamed yeroo darbe bishaan argachuuf karaa dheeraa deemuun dirqama ta'uu himan. Amma baajata ol’aanaa mootummaa naannoo fi federaalaan asitti bishaan argachuu keenyatti baay’ee gammanneerra jedhan. Obbo Abdulbasix itti dabaluudhaan, mootummaan gaaffii hawaasaa yeroo gabaabaa keessatti deebii kennuudhaan kutannoo agarsiise dinqisiifataniiru. Jiraattuun aanichaa kan biraa Aadde Asuura Belaa kanaan dura bishaan lagaa fayyadamaa turuu isaanii fi mana isaaniitti dhihoo bishaan dhugaatii qulqulluu qabaachuun carraa guddaa ta'uu himan. Itti dabaluunis, pirojektiin bishaanii kun tajaajila yeroo dheeraa akka tajaajilu of eeggannoo barbaachisu gochuuf qophii ta’uu ibsaniiru. Obbo Areshiid Issaa pirojektiin bishaan dhugaatii qulqulluu kun yeroo, keessattuu darabee eeguun yeroo qisasamu ni qusata jedhan. Kanaaf mootummaa guddaa galateeffanna jedhan. Sirna eebbaa kanarratti kan argaman Bulchaan Godina Beenishaangul Gumuz obbo Ashadli Hassan hawaasni aanichaa miira abbummaatiin pirojekticha tiksuu qaba jedhaniiru. Pirojektichi bakka Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dr. Injinar Habtaamuu Itafaa dabalatee qondaaltonni olaanoo ministeerichaa argamanitti eebbifameera.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015