Hawaasummaa - ENA Afaan Oromoo
Hawaasummaa
NaannooSomaaleetti Konfiraansiin Dargaggoota Magaala Jigjigaatti gaggeeffamaa jira.
Apr 23, 2025 127
Ebla 15/2017 (TOI)-Naannoo Somaaaleetti konfiraansiin Dargaggootaa gaggeeffamaa jira. Pirezedantiin Naannchaa Musxefee Muhaammad, Itti gaafatamaan Biiroo Dargagoo fi Ispoortii Naannichaa Mahaamad Mahiddii, akkasumas hoggantoonni Naannoo, Godinaa fi dargaggoonni Konfiraansicha irratti argamaniiru. Konfiraansii guyyaa sadiif turu kanarratti dargaggoonni haala yeroo biyyaa fi fooyya’insa Barnootaan walqabatee fi kanneen biroo irratti marii akka gaggeessan ibsameera. Bobbii hojiin, carraa hojii uumuu, fi dargaggoota qormaatileen mudachaa jiranii fi dhimmoota biroo irratti marii’achuun yaadni furmaata kan dhihaatu ta’a. Nagaa fi Tasgabbii Naannichaa akkasumas, hojiilee misoomaa eegalaman fulla’aa gochuuf, shoora dargaggootaa Ajandaawwan ilaallatu irratti kan marii’atamu tahuun ibsameera. Dhumarrattis, marii dargaggoota naannichaa, saganticha irratti kaasan hojii daldalaa fi kalaqa haaraa, hoggantotaan ibsi akka itti kennamu sagantaa bahe irraa hubachuun danda’ameera.
Itiyoophiyaa fi Ruusiyaan gama Fayyaatiin tumsa waliin qaban cimsanii itti fufu- Dr. Maqdas Dhaabaa
Apr 23, 2025 89
Ebla 15/2017(TOI)-Itiyoophiyaa fi Ruusiyaan gama fayyaatiin tumsa waliin qaban cimsanii kan itti fufan ta’uu Ministirri Fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa ibsan. Mootummaa Ruusiyaa Itiyoophiyaatti hojii Fayyaa Ammayyeessuuf kan dandeessisu meeshaalee Laboraatoorii socho’aa deeggarsa godheera. Ministirri Fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa deeggarsicha gaggeessaa tajaajila eegumsa mirga maamiltootaa fi to’annaa nageenya namoomaa federaalaa Ruusiyaa Ruusiyaatti Mirga Eegumsa Maamiltoota Federaalaa fi Ana popoovaa harkaa fudhataniiru. Ministirri Fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa wayita sana akka jedhanitti, Laabiraatooriin socho’aan kun dhukkuboota dhibbaan lakkaawwaman sakatta’uuf kan danda’u meeshaa Ammayyaa’aa ta’uu ibsaniiru. Kunis Itiyoophiyaan dhukkuboota adda addaa sakatta’uuf humna qabdu guddisuu irra darbee, biyyoota ollaatiif tajaajila akka kennitu ishee dandeessisa jedhaniiru. Deeggarsichi Michummaa cimaa Itiyoophiyaa fi Ruusiyaa kan agarsiisu tahuu ibsuun, tumsi hundagaleessa biyyoota lamaanii jabaatee kan itti fufu tahuu dubbataniiru.
Hojiileen fayyadamummaan dubartootaa hunda galeessa mirkaneessuuf hojjetaman cimanii itti fufu - Ministira Dr. Ergoogee Tasfaayee
Apr 23, 2025 81
Ebla 15/2017 (TOI)-Ministirri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dr. Ergoogee Tasfaayee hojiileen fayyadamummaa hunda galeessa dubartootaa mirkaneessuuf hojjetaman cimanii itti fufu jedhaniiru. Ministirri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dr. Ergoogee Tasfaayee TOI’tti akka himanitti, fayyadamummaa diinagdee lammiilee mirkaneessuuf hojjetamaa jira. Fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuuf Waldaa misoomaatiinakka gurmaa’an tattaaffiin taasifamaa akka jiru ibsanii kunis jaarmiyaa rakkoo furuu waan ta’eef cimsuufis hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Gamtaan Misooma Dubartootaa misooma qonnaa fi diinagdee qofa osoo hin taane, nagaa fi nageenyaa fi sirna fayyaa fooyyessuu irratti hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Misooma fi badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf hojiin gamtaa Misooma Dubartootaan hojjetamaa jiru cimee itti fufa jedhaniiru. Itti Aantuun Hoggantuun Biiroo Dubartoota, Daa’immanii fi dhimma Hawaasummaa Naannoo Tigraayi obbo Alemat Amaaree akka jedhanitti gareewwan misooma dubartootaa gurmeessuu fi carraa hojii uumuun hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuuf hojjetamaa jira. Biiroo Dubartoota, Daa’immanii fi dhimma Hawaasummaa Dirree Dawaatti hooggantuun Damee Dubartootaa, Angoomsuu fi Koorniyaa obbo Firee Xibabuu akka jedhanitti, dubartoota deebi’aniif leenjii kennuu fi carraa hojii akka argatan tattaaffiin taasifamaa jira. Itti Aantuun Hoggantuun Biiroo Dubartoota, Daa’immanii fi Hawaasummaa Naannoo Amaaraa Zinaa Geetaachoos hirmaannaa fi fayyadamummaa dubartootaa mirkaneessuuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhan.
Bara Baajatichaa baatiiwwan saglan darbanitti lammiileen kuma 359 ol tahan fayyadamoo carraa hojii biyya alaa ta’aniiru- Ministira Mufariyaat Kaamil
Apr 23, 2025 85
Ebla 15/2017 (TOI)- Bara baajataa 2017 baatiiwwan sagalan darbanitti lammiileen kuma 359 ol tahan carraa hojii biyya Alaa fayyadamoo tahuu isaanii Ministirri hojii fi ogummaa Mufariyaat Kaamil ibsaniiru. Raawwiin hojii bobbii carraa hojii biyya alaa gamaggamameera. Gorsaan damee Dinagdee Gooroo Muummicha Ministiraa Ambasaaddar Girmaa Birruu fi qoodafudhattooni biroon gamaggamicha irratti argamaniiru. Dhiheessii humna nama leenji’ee, fedhii gabaa fi kenninsa tajaajilaan hojiiwwan hojjetaman irratti mariin gaggeeffameera. Ministirri hojii fi ogummaa Mufariyaat Kamiil bara bajatichaatti batiiwwan saglan darbanitti lammiileen kuma 359 fi 291 ta’an fayyadamoo carraa hojii biyya alaa tahuu dandahuu isaanii Odeeffannoo Miidiyaa Hawaasaa isaniin dabarsaniin ibsaniiru. Fedhii gabaa jiru waliin rakkoowwan dhiheessii fi qulqullinaa furuun bu’aasaa dabaluu fi fayyadamummaa lammiilee dabaluuf waldeeggaruuf walii galteerra gahuu ibsaniiru. Gama Kanaan dhaabbilee Mootummaa fi Mit-mootummaan leenjiin kennamu fedhii gabaa kan furuuf fi fedhii fi dhiheessii wal madaalsisuu kan dandeessisu tahuu mirkaneessuun, hudhaawwan jiran furuu fi haala Mijataa uumuun kallattiiwwan xiyyeefannoo fuulduraa tahuu ibsaniiru. Mirgaa, nageenyaa fi fayyadamummaa lammiilee hojiin mirkaneessuu, akkasumas ,Al-seerummaa ittisuu fi seeraa fi heera kabajuun jabaatee itti fufa jedhaniiru ministirichi . Qamoleen qooda fudhattootaa sadarkaa sadarkaan jiranii fi hojii raawwachiistonni tumsa walii galaa akka godhan waamicha dhiheessaniiru,.
Magaalittiitti Ayyaanota fi cidha Sababeeffachuun muddama tiraafikaa kan uuman fi konkolaachistoonni jeeqan gocha isaanii irraaof-qusachuu qabu – poolisii
Apr 22, 2025 87
Ebla 14/2017 (TOI)- Magaalaa Finfinneetti Ayyanotaa fi cidha sababeeffachuun daandii tiraafikaa kan jeeqanii fi konklaachistoonni Daandii cufan gocha isaanii irraa akka of qusatan Poolisiin Magaalaa Finfinnee akeekkachiise. Hawaasni Magaalichaa ergaawwan of eeggannoo darban hojiirra oolchuun magaalichati yakki xiqqaachaa dhufuu ibsaniiru. Komishinii poolisii Magaala Finfinneetti Daarektarri sab-quunnamtii komaandar Maarqoos Taaddasaa TOI’f akka ibsanitti, Magaalichatti Ayyaanni du’aa ka’uu karaa nagaan kabajamee ooleera. Yakkoota sasalphaa waliindhahuu fi hannaan alatti, ayyaanicha sababeeffachuun yakkoonni gurguddoon kan hin raawwatamne tahuu hubachiisaniiru. Kanaafis, hawaasichi ergaawwan qaamolee nageenyaa irratii darban sirnaan hojiirra oolchuun tahuu ibsuun, Ayyaanotaa fi cidha sababeeffachuun konkolaachistoonni tokko tokko haalli ittifayyadama daandii seera kan hin hordofne ta’uu komaandarichi ibsuun, gochasaanii kana irraa akka of qusatan akeekkachiisaniiru. Baatiiwwan cidhaa dhufan hordofuun, magaalichatti muddama tiraafikaa hin barbaachisne konkolaachistoonni uuman gocha isaanii irraa of qusachuu akka qaban akeekkachiisaniiru. Haala Magaalittii hin madaalleen daandii kan cufanii fi muddama tiraafikaa konkolaachistoota uuman irratti tarkaanfii kan fudhatu tahuu ibsaniiru. Ayyaana du’aa ka’uu Sababeeffachuun namoota dhuganii konkolaachisan to’achuu fi balaa tiraafikaa hir’isuuf to’annaan cimaan gaggeffamaa turuu ibsuun, hanga Alkoolii eeyyamamee olitti, kan dhugan konkolaachistoonni 33 adabamuu isaniis ibsaniiru. Fuuldurattis dhuganii konkolaachisuu ittisuuf to’annoon taassifamu cimee kan itti fufu tahuu ibsuun, konkolaachistoonni gocha akkasii irraa akka of qusatan dhaamaniiru. Nageenya Magaalattii haala Amansiisaa taheen eeguuf poolisiin hawaasa waliin dhiheenyaan hojjechaa jiraachuu ibsuun, hawaasni deeggarsa isaa caalaatti akka cimsu waamicha dhiheessaniiru.
Pirezidaantiin mana maree waliigalaa dhimmoota Islaamaa Itiyoophiyaa Sheek Hajii Ibraahim Tufaa Du’a Phaaphaasii phaaphaasotaa Firaancheeskoositti gadduusaanii ibsan.
Apr 22, 2025 81
Ebla 14/2017(TOI)- Pirezidaantiin mana maree waliigalaa dhimmoota Islaamaa Itiyoophiyaa Sheek Hajii Ibraahim Tufaa Du’a Phaaphaasii phaaphaasotaa bataskaana kaatolikii Roomaa Firaancheeskoositti gadduusaanii ibsaniiru. Pirezidaantichi ibsa gadda Phaaphaasii bataskaana kaatolikii Itiyoophiyaa kaardinaal abuna biraanayyasuus iif erganiin du’a phaaphaasii phaaphaasotaa Firaanchiiskoositti gadduusaanii ibsuun maatii fi miiltoo hojiisaaniif jajjabina hawwuusaanii odeffannoon mana maree waliigalaa dhimmoota Islaamaa Itiyoophiyaa nimul’isa.
Ministeerri nageenyaa du’aan boqochuu Qulqulluu Phaaphaasii phaaphaasotaa Firanchiskositti gadda itti dhagahame ibse.
Apr 21, 2025 150
Ebla 13/2017 (TOI)- Ministeerri nageenyaa du’aan boqochuu Qulqulluu Phaaphaasii phaaphaasotaa bataskaana Kaatolikii Roomaa Firanchiskositti gadda itti dhagahame ibseera. Ministeerichi abootii fi hordoftoota bataskaana kaatolikii Itiyoophiyaa du’aan boqochuu Qulqulluu Phaaphaasii phaaphaasotaa Firanchiskositti daddarra jiraniif jajjabina akka hawwu ibsa gaddaa baaseen beeksiseera.
Waldaan Kaatolikii Itiyoophiyaa Du’aan Boqochuu Phaaphaasii Phaaphaasotaa Firaansiskootti gadduushee ibsite
Apr 21, 2025 98
Waldaan kaatolikii Itiyoophiyaa Phaaphaasii Phaaphaasotaa Firansiskoo umuriisaanii waggaa 88ffaatti Addunyaa kanaa irraa du’aan boqochuu isanii fi waldaan isaaniis gaddi itti dhagahamuu ibsateetti. Waldittiin odeeffannoo toora miidiyaa hawaasaa isheen ibsa gaddaa dabarsiteen, Waldaan Kaatoolikii Itiyoophiyaa gumiin Phaaphaasotaa, oduu gaddisiisaa dhageenyeen, qulqulluu ri’iise liiqaane Phaaphaasatii Firaansiskoon addunyaa kana irraa du’aan boqochuu isaaniin gaddi itti dhagahamuu ibsiteetti. Kanaanis Katoolikoonni hundi fi namoonni fedha qabdan Abbaa keenya Qulqulluu boqonnaa barabaraatiif kadhannaatn akka yaadatan waamicha dhiheessiteetti.
Qulqulluu Abuna Maatiyaas du’aan boqochuu Phaaphaasii Phaphaasotaa Firaansisitti gadduu ibsan
Apr 21, 2025 77
Ebla 13/2017(TOI)- Qulqulluu Abuna Maatiyaas du’aan boqochuu gaggeessaa bataskaana kaatolikii Phaaphaasii Phaphaasotaa Firaansisitti gadduu ibsaniiru. Qulqulluu Abuna Maatiyaas gaggeessitoota Kaatolikii Roomaa hundaa fi hordoftoota addunyaarra jiran hundaaf akkasumas maqaa Kaatolikoota Itiyoophiyaatti argaman hundaan gadda itti dhaga’ame ibsaniiru.
Muummichi ministiraa Dr. Abiyyi Ahimad Boqochuu poop Firaansisiin gadda itti dhagahame ibsan
Apr 21, 2025 107
Ebla13/2017(TOI)-Muummichi Ministiraa Dr.Abiyyi Ahimad Waldaa Kaatoolikii Roomaatti Phaaphaasiin Phaaphaasotaa Poop Firaansiis lubbuun darbuu isaaniitti gadda itti dhagame ibsataniiru. Muummichi Ministiraa Dr. Abiyyi Ahimad Poop Firaansiis Garalaafummaa, Qajeelummaa fi ashaaraan bara tajaajila isaanii dhaloota kakaasaa akka itti fufu amantiin qaba jechuu isaanii odeeffannoon fuula miidiyaa hawaasaa isaniin dabarsaniin ibsaniiru.
Phaaphaasiin Phaaphaasotaa Kaatoliikii Roomaa Poop Firaansiis addunyaa kanarraa boqotan
Apr 21, 2025 36
Ebla 13/2017(TOI)- Phaaphaasiin Phaaphaasotaa Kaatoliikii Roomaa Poop Firaansiis waggaa 88tti addunyaa kanarraa boqochuunsaanii ibsameera. Phaaphaasichi dhukkuba sombaan qabamanii waldhaanamaa turanis har’a mana jireenyaasaaniitti addunyaa kanarraa boqochuusaanii Vaatikaan beeksifteetti.
Ayyaana du’aa ka’uu ilaalchisee dadhaboota soomaa fi sagadaan dabarsaniif soomii hiiksifneerra
Apr 20, 2025 142
Ebla 12/2017 (TOI)- Ayyaana du’aa ka’uu ilaalchisee dadhaboota soomaa fi sagadaan dabarsaniif soomii hiiksifneerra jedhan kantiibaa Adaanech Abeebee. Kantiibaa Adaanech Abeebee ergaa fuula marsariitii isaaniirratti barreessaniin kanneen soomaa fi kadhataan dabarsan sooma hiiksifneerra jedhan. Kanneen harka qalleeyyii fi dadhaboo akkasumas qaama miidhamtoonni bulchiinsi magaalichaa akka isaan hindaganne dubbataniiru.
Perezedaantichi Namoota Harka Qa’eeyyii 200f Maaddii Qoodan
Apr 18, 2025 176
Ebla 10 (TOI)-Pirezadaantiin Naannoo Sidaamaa Dastaa Leedaamoo Ayyaana Faasikaa sababeeffachuun namoota harka qal’eeyyii 200f har’a maaddii qoodan. Sagantaa maaddii qoodinsaan tumaalessa hoolaa fi re’ee qalmaaf tahu dabalatee wantoota nyaataaf oolan biroo kennaniiru. Saganticha irratti, pirezedaantichi Haasaa taassisaniin, naannichatti bakkeewwan adda addaatti Ayyaana faassikaa sababeeffachuun, jiraattonni naannichaa ayyanicha gammachuun akka dabarsaniif sagantan maaddii qooduu raawwatamaa jira jedhaniiru. Kan qabu isa hinqabneef qooduun aadaa ture tahuu ibsuun, keessattuu jijiiramaa asitti, Aadaan kun caalmaatti akka jabaatu hojii qindaa’aa hojjetameen harka qal’eeyyiif maaddii qooduun ayyaana waliin dabarsuun hojjetamaa jirachuu kasaniiru. Mootummaan Nannichaas lammiileen Ayyaanicha waliin kabajuu fi aadaa waldeeggaruu akka cimsan deeggarsa gochuu ibsaniiru. Gargaaramuurra addabaasuuf mootummaan naannichaa paakeejii badhaadhina Maatii bocuun hawaasichi qabeenya akka horatuu fi namoota biroof akka gahuuf jalqabbiin jiru bu’aa abdachiisaa fiduu ibsuun, Kunis akka jabaatuuf hunduu tattaafachuu qaba jedhaniiru. Namoota deeggarsi taassifameef keessaa obbo Abrahaam Balguu ayyaanicha gammadanii akka dabarsaniif deeggarsa taassifameefiitti gammaduu isaanii ibsaniiru. Aadde kaasech caalaa gama isaanin, deeggarsa taassifameef galateeffataniiru.
Maaddii qooduu Aadaa godhachuun harkaqalleeyyota deeggaruun nibarbaachisa-Ministira muummee Dr.Abiyyi Ahimad
Apr 18, 2025 142
Ebla 10/2017(TOI)- Maaddii qooduu Aadaa godhachuun harkaqalleeyyota deeggaruun akka barbaachisu Ministirri muummee Dr.Abiyyi Ahimad hubachiisan. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ayyaana Du’aa ka’uu sababeeffachuun hojjettoota waajjira ministira muummee fi da’imman waajjirichi guddisuuf maaddii qoodaniiru. Ministirri muummee wayita kana hojjettoota waajjira ministira muummee hojjetan galii xiqqaan kan jiraataniif waggaatti ayyaanota Iid, du’aa ka’uu fi jijjiirrama bara haaraaf sagantaan maaddii qooduu akka adeemsifamu dubbataniiru. Maaddii qooduun akka salphaatti waan hinfudhatamneef aadaa gochuun itti fufsiisuun nibarbaachisa jedhaniiru. Namoonni gola harka qalleeyyotaa mil’achuuf dadhban akka jiran hubachuun akka barbaachisus hubachiisaniiru. Harka qalleeyyonni ammuma ayyaanni waggaa dhufu daa’ima keenyaaf maal hiixanna jechuun yaadda’u, dureeyyonni ammoo soorata gombisu kan jedhan ministirri muummee kana sirreessuutu barbaachisa jedhaniiru. Kanaaf hambaa gombisuurra waliif yaaduun, waldeeggaruu fi waliif qooduun jiraachuun aadaa akka ta’u tattaafachuun akka barbaachisu hubachiisaniiru. Itiyoophiyaan of hindadhabdu kan jedhan ministirri muummee, kanneen qaban harka qalleeyyiif qooduun nyaata guyyaa guuttachuun akka danda’amu dubbataniiru. Ijoollee nyaata qooduurratti argamaniif ergaa dabarsaniin, Itiyoophiyaan keessan abdi qabeettiidha, Itiyoophiyaa badhaate nidhaaltu jedhaniiru. Gaarummaa fi hiyyeeyyii deeggaruu, maaddii qooduu yaadaa yemmuu guddattan barri keessan kan keenyarra kan fooyya’e nita’a jedhan. Namoota harka qalleeyyii waajjira ministira muummeetti yaadachaa guyyaa kana waloomaan akka kabajnu kan gootan hundaaf galatan dhiheessa jedhaniiru.
Bulchiinsi magaalichaa kutaalee hawaasaa jireenya gadi aanaa jiraataniif maaddii qoode
Apr 18, 2025 145
Ebla 10/2017 (TOI)-Bulchiinsi magaalaa Adaamaa ayyaana faasikaa sababeeffachuun kutaalee hawaasaa harka qalleeyyii kuma 2 ta’aniif maaddii qoode. Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Adaamaa obbo Hayiluu Jaldee wayita kana akka jedhanitti, ayyaana faasikaa wayita kabajnu aadaa waldeeggarsaa fi walgargaarsaa gabbisuufillee ta’uu qaba. Bulchiinsichi jiraattota magaalichaa harka qalleeyyiif warra qaban qixa ayyaanicha akka kabajan maaddii qoodeera jedhaniiru. Maaddii qooduun aadaan walgargaarsaa fi waldeeggarsaa ummanni qabu kan gabbisu ta’uu dubbataniiru. Adde birqee Adaanee qaama miidhamtuu ta’uusaanii ibsanii, ayyaanicha ijoolleessaanii waliin gammachuun akka dabarsan deeggarsa bulchiinsici taasiseef galateeffataniiru. Obbo Haajii Adam gamasaaniin, “bulchiinsichi ayyaana sababeeffachuun deeggarsa nuuf taasiseef nigalateeffanna” jedhaniiru. Nuti qaama miidhamii fi harka qalleeyyiidha, deeggarsa arganneen ijoollee keenya waliin gammachuun dabarsina” jedhaniiru. Deeggarsi taasifame lukkuu, buuphaa, zayita, daakuu fi boqqoolloo akka ta’e ibsameera.
Poolisiin federaalaa Itiyoophiyaa ergama nagaa fi tasgabbii biyyaan alatti hojii namoomaa cimssee nihojjeta-Itti aanaa komishinar jeneraalaa Malaakuu Fantaa
Apr 18, 2025 120
Ebla 10/2017(TOI)- Poolisiin federaalaa Itiyoophiyaa ergama nagaa fi tasgabbii biyyaan alatti hojii namoomaa cimssee akka itti fufu ajajaan qajeelcha waliigalaa ittisa yakkaa poolisii federaalaa Itti aanaa komishinar jeneraalaa Malaakuu Fantaa ibsan. Poolisiin federaalaa ayyaana faasikaa sababeeffachuun kutaalee hawaasaa jireenya gad aanaa jiraataniif maaddii qoodeera.
Poolisiin federaalaa Itiyoophiyaa kutaalee hawaasaa harkaqalleeyyiif maaddii qoode
Apr 18, 2025 55
Ebla 10/2017(TOI)- Poolisiin federaalaa Itiyoophiyaa ayyaana Faasikaa sababeeffachuun kutaalee hawaasaa Finfinnee harkaqalleeyyii ta’aniif maaddii qoode. Ajajaan qajeelcha waliigalaa ittisa yakkaa poolisii federaalaa Itiyoophiyaa ittaanaan komishinar jeneraalaa Malaakuu Fantaa,poolisiin federaalaa nageenya waaraa biyyattii mirkaneessuuf halkanii guyyaa hojjechuurra darbee hojiilee misoomaa guddina hunda galeessa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf hojjetaman keessatti qoodasaa bahaa jira. Poolisiin nagaa fi tasgabbii biyyaa mirkaneessuurra darbee hojiilee fayyadama hawaasummaa fi dinagdee ummataa mirkaneessanirratti hirmaachaa akka jiru ibsniiru. Guyyaa har’aas hooggantoonnii fi miseensonni poolisii federaalaa ayyaana faasikaa sababeeffachuun kutaalee hawaasaa kutaa magaalaa Araadaaf maaddii qooduu eeranii, kun ammoo duudhaa waldeeggarsaa fi walooma Itiyoophiyaa kan mul’isudha jedhan. Hojii raawwachiisaan olaanaa kutaa magaalaa Araadaa obbo Geetahun Abarraa gamasaaniin, deeggarsa poolisiin federaalaa kutaalee hawaasaa galii xiqqaan bulanii fi harka qalleeyyiif taasiseef galateeffataniiru. Sagantaan maaddii qooduu waloomaa fi walii yaaduu Itiyoophiyaanotaa kan mul’isuu fi kan gabbisu akka ta’e dubbataniiru. #Oromiyaa #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ayyaanaa Faasikaa sababeeffachuun maaddii qoodan
Apr 18, 2025 57
Ebla 10/2017(TOI)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ayyaanaa Faasikaa sababeeffachuun maaddii qoodaniiru. Ministirri muummee ayyaana Faasikaa sababeeffachuun har’a ganama hojjettoota waajjira ministira muummee galii xiqqaa qabanii fi daa’imman waajjirri ministira muummee guddisuuf maaddi qooduusaanii waajjirri ministira muummee beeksiseera.
Ministeerri fayyaa konkolaattota garagaraa naannoleef kenne
Apr 17, 2025 117
Ebla 09/2017(TOI)-Ministeerri fayyaa ambulaansotaa fi doqdoqqeewwan gmtaa Awurooppaarraa deeggarsaan argate naannoleef kenneera. Ministeerichi ambulaansota kudha jaha, konkolaattota dirree sagal fi doqdoqqeewwan 30 naannolee Gaambeellaa, Beeniishaangul Gumuzii, Somaalee fi Affarriif kenneera. Ministirri fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa, de’etaan ministiraa Dr. Ayyalee Tashoomaa, Itiyoophiyaatti itti aanaan ittigaafatamaa gamtaa Awurooppaa Daafiid Kiriifaaniik sirna wal harkaa fuudhinsaarratti argamaniiru. Doktar Maqdas Dhaabaa wayita kana akka ibsanitti, mootummaan haqa qabeessummaa fi qaqqabummaa damee fayyaa mirkaneessuuf hojiilee hedduu hojjechaa jira. Kunis qaqqabamaa fi haqa qabeessummaa fayyaa gochuun bu’aa fiduusaa ibsaniiru. Deeggarsi konkolaataa har’a taasifames sirna fayyaa cimsuun qooda guddaa akka bahu dubbataniiru. Ministirri fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa furtuu konkolaattotaa hooggantoota biiroo fayyaa naannolee kanneeniif kennaniiru.
Bara baajatichaa baatiiwwan 9 darbanitti gama Tajaajila Haqaan jijiiramoonni argamaniiru -Ministeera Haqaa
Apr 17, 2025 91
Ebla 09/2017 (TOI)- Bara bajataA 2017 Baatiiwwan saglan darbanitti gama haqaan kallattii adda addaan hojiiwwan bu’aa qabeessa tahan hojjetamuu Ministeerri Haqaa Beeksise. Ministeera Haqaatti Gaggeessitoonni Olaanoo fi giddugaleessaa,akkasumas hojjettoonni raawwii karoora hojii baatii sagalii irratti marii gaggeessaniiru. Maricha irratti waajjira paartii badhaanitti, Ittigaafatamaa kutaa Ijaarsa Aadaa Dimokiraasii fi Miseensi Mana Maree Paartii Badhaadhinaa Obbo Mallasaa Alamuu argamaniiru. MinistIrri Haqaa Haannaa Ari’ayasillaasee gabaasa rawwii hojii dhiyeessaniiru. Gabaasichi kan irratti Xiyyeeffate haala Dinagdee Idil Addunyaa fi Itiyoophiyaa, dinagdee gooroo fi Riifoormii, Bu’uuraalee Misoomaa fi Hojiiwwan Pirojektii, Misooma fulla’aa hirmaachisummaa hawaasaa fi birmadummaa hunda galeessa, Nageenyaan ,Dippilomaasii fi hojiiwwan deeggarsaa fi kallattiiwwan xiyyeeffannoo fuulduraa barbaadan irratti marii’ataniiru. Raawii gurguddoo Mootummaan Baatiiwwan Saglan darbanitti raawwataman keessaa hojiiwwan gama Haqaan hojjetaman ibsamaniiru. Gama Kanaan Ministeerichi Olaantummaa Seeraa fi Heera Mootummaa, akkasumas seera yakkaa kabachiisuuf, seeronni akka raawwataman , kenna Tajaajila Mootumaa fi sivilsarvisiin hojiiwwan hojjetaman dhihataniru. Gama Kanaan hojiiwwan bu’a qabeessi hojjetamuus ibsameera. Mariisaaniin dhimmoota fuulduratti xiyyeeffannoo barbaadan irratti kallattiin taa’uu odeeffannoon ministeericha irraa argame ni’agarsiisa.