Eegumsa Naannoo - ENA Afaan Oromoo
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Naannoo Amaaraatti lafa heektaara kuma 207 irra biqiltuu dhaabuuf qophiin taasifamaa jira-biiroo qonnaa naannichaa
Apr 24, 2025 43
Ebla 16/2017(TOI)- Naannoo Amaaraatti sagantaa ashaaraa magariisaa ganna dhufu adeemsifamuuf lafa miidhame heektaara kuma 207 irra biqiltuu dhaabuuf qophiin taasifamaa jiraachuu biiroon qonnaa naannichaa beeksise. Lakkoofsa marsaa jalqabaa taasifameen biqiltuu ganna darbe naannichatti dhaabame biiliyoona 1 tuqaa 4 ol keessaa harki 85 qabateera jedhame. Biiroo qonnaa naannichaatti daarektarri eegumsaa fi itti fayyadama misooma qabenya uumamaa obbo Ismala’alam Mihirat ibsa TOI’f kennaniin, naannichatti lafa sababa namtolchee fi uumamaan miidhame bosona gochuuf hojjetamaa jira. Hojii amma ammaatti hojjetameen qophiin biqiltuu karaa mootummaan, dhuunfaa, waldaalee fi dhaabbileedhaan cimee itti fufuu himaniiru. Uwwisi bosonaa naannichaa amma jiru biqiltuu dhaabamuun harka 16 tuqaa 3 irraa gara harka 17 tuqaa 3tti guddisuuf kan yaadame ta’uu ibsaniiru.
Guyyoota itti aananitti naannawoota daangaa Itiyoophiyaa, Sudaan, fi Sudaan Kibbaatti qilleensi ho'aan ni eegama
Apr 22, 2025 129
Ebla 14/2017 (TOI)- Giddu-galli odeeffannoo haala qilleensaa Baha Afrikaa guyyoota itti aananitti naannawoota daangaa Itiyoophiyaa, Sudaan fi Sudaan Kibbaatti, akkasumas kaaba baha Keeniyaatti ho’i idilee ol akka galmaa’u beeksise. Akka odeeffannoon raaga qilleensaa ‘ICPAC’ ibsutti, guyyoota saddeet dhufan keessatti naannoolee Sudaan fi Itiyoophiyaa hedduu keessattuu naannoo Affaar keessatti ho’i ol’aanaan ni galmaa’a jedhamee eegama. Sudaan Kibbaa fi Eertiraa, akkasumas naannawoota kaaba, dhihaa, fi baha Itiyoophiyaa keessatti ho’i giddu galeessaa hanga ol’aanaa ni mudata. Jibuutii, Somaaliyaa, Yugaandaa, Keeniyaa fi Taanzaaniyaa keessatti ho’i giddu galeessaa hanga ol’aanaa galmaa’uu akka danda’u odeeffannoon raga qilleensaa ni mul’isa. Eertiraa, Jibuutii, Taanzaaniyaa, Itiyoophiyaa, Yugaandaa, dhiha Keeniyaa, akkasumas giddu-galeessa fi kaaba Somaaliyaa keessatti ho'i idilee ol ta'a jedhamee eegama. Roobni xiqqaan kutaalee dhiha Itiyoophiyaa, Ruwaandaa, Burundii, kaabaa fi kibba Taanzaaniyaa, dhiha Yugaandaa, fi naannoo qarqara galaanaa Keeniyaattis ni eegama. Tajaajilli Odeeffannoo Haala Qilleensaa Baha Afrikaa (ICPAC) haala qilleensaa fi taateewwan haala qilleensaa kanaan walqabatan biroo raaguun xiinxaluu, akkasumas ergaa akeekkachiisa dursaa waliif qooduun beekama.
Guyyoota 10 dhufan naannawoota qonna Arfaasaa raawwatanitti haalli meetirooloojii itti fufu-Inistiitiyuuticha
Apr 22, 2025 102
Ebla 14/2017(TOI)- Guyyoota 10 dhufan naannawoota qonna Arfaasaa raawwatan hedduutti haalli meetirooloojii itti fufu Inistiitiyuutiin mitiwoorooloojii Itiyoophiyaa beeksise. Inistiitiyuutichi ibsa TOI’f ergeen naannawoonni kibbaa, kibba lixaa, lixaa, bahaa akkasumas riifti vaalii bokkaa ni’argatu. Naannawoonni biyyattii kibbaa fi kibba lixaa rooba jiddugaleessaa akka argatan inistiitiyuutichi raageera. Naannawoota Arfaasaa qotaman dabalatee, kibba lixaa fi lixa akkasumas lixa Kaaba biyyattii rooba xiqqaa amma jiddugaleessaatti akka argatan injistiitiyuutichi ibseera. Rooba darbee darbee cimurraa ka’uun kibba, kibba bahaa fi kibba lixaa biyyattiitti sa’aatii 24 keessatti roobni cimaan miilii meetirii 30 ol akka argatan raagamuu beeksiseera. Humna aduu Epiriil guyyoota sadan kurnaniitti jiruun walqabatee keessumaa Gaambeellaa, Affaar, Somaalee, Beeniishaangul Gumuzii fi lixa amaaraatti hoo’inni olaanaan kn guyyaa digirii seelshiyeesii 35 akkasumas bakkeewwan muraasatti digirii seelshiyeesii 40 ol akka ta’u odeeffannoon raaga inistiitiyuutichaa nimul’isa.
Itiyoophiyaan yaa’ii P4G shanaffaa akka keessummeessitu filatamte
Apr 17, 2025 294
Ebla 09/2017 (TOI)- Itiyoophiyaan yaa’ii P4G shanaffaa akka keessummeessitu minisirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Yaa’iin Hanooy xiqqaa ta’anis pirojektoonni P4G haalaan kan qindaa’an bu’aa gaarii akka argamsiisanii fi guddisuufis humna guddaa kan qaban ta’uusaanii agarsiisuu isaa ministirri muummee ergaa fuula marsariitii isaaniirrastti barreessaniin ibsaniiru. Yaa’ii P4G shanaffaa bara 2027 gaggeeffamukeessummeessuuf guca fudhachuunshee naboonseera jedhan. Carraa kana ciminaa fi kutannoon qabachuun dhaala qophii milkaa’aa Veeyitinaam, Kolombiyaa, Deenmaark, fi kooriyaa Rippaabiliikitti mul’ate itti fufsiifna jechuun dubbataniiru. Yaa’ichi qajeeltoowwan P4G tumsa, kalaqa, hammattummaa fi gocha jedhaniin qajeelfamee akka adeemsifamu himaniiru. Yaa’iin Itiyoophiyaan bara 2027 qopheessitu misooma industirii magariisaa, qonna jijjiirama haala qilleensaa damdamatu akkasumas dargaggootaa fi barbaachisummaa dubartoota ga’oomsuun cehumsa magariisaaf raawwachiiftota murteessoo gochuu irratti xiyyeeffatee niqophaa’a jedhan ergaa dabarsaniin.
Foramiin raaga haala qilleensaa gaanfa Afriikaa Finfinneetti nitaa’ama
Apr 17, 2025 200
Ebla 08/2017(TOI)-Foramiin raaga haala qilleensaa gaanfa Afriikaa (GHACOF 70) Caamsaa 11 fi 12 bara 2017 Finfinneetti nitaa’ama. Foramichi Mata duree “tajaajilli haala qilleensaa,dandeettii ofeeggannoo dursaa waloomaan cimsuu” jedhuun adeemsifama. Raagni haala qilleensaa IGAD fi jiddugalli appilikeeshinii (ICPAC) deeggartoota misoomaa waliin ta’uun foramicha akka qopheessan ibsameera. Raawwiin raga haala qilleensaa A.L.A march amma meey 2025tti jiru irratti mariin akka taasifamu IGAD ibsa TOI,f ergeen beeksiseera. Foramichi haala qilleensaa riijinii A.L.A Juun irraa amma Septambaritti jiru akka ifoomsu himeera. Tarsiimoowwan raagaa fi bulchiinsa haala qilleensaa ilaalchisuun mariin nitaasifama. Biyyoonni miseensa IGAD, qorattoonni damee kanaa, imaammata baaftonni, deeggartoonni misoomaa fi kanneen damee kanarratti hojjetan foramicharratti nihirmaatu. Foramii ijoon duratti woorkishooppiin raga haala qilleensaa fi Kanaan walqabatan akka adeemsifamu IGAD beeksiseera. Foramiin raga haala qilleensaa gaanfa Afriikaa Amajjii bara 2017 Finfinneetti taa’amuun niyaadatama.
Itiyoophiyaan dinagdee dijitaalaa irratti jijjiirama agarsiisa jirti – Ministira Dr. Ballaxaa Mollaa
Apr 16, 2025 197
Ebla 08/2017(TOI)-Riifoormiin Itiyoophiyaan dinagdee dijitaalaa irratti gochaa jirtu ulaagaa tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa idil addunyaatiin sadarkaa gaariirratti akka argamtu gochuusaa ministirri Innoveeshinii fi Teeknoloojii Dr. Ballaxaa Mollaa ibsan. Ministiroonni, hooggantoonnii fi hojjettoonni dhaabbilee itti waasmamaa bakka argamanitti raawwiin karooraa baatii sagalii bara bajataa 2017 ministeera pilaanii fi misoomaa qoratamaa jira. Ministirri Innoveeshinii fi Teeknooloojii Dr. Ballaxaa Mollaa akka jedhanitti, mootummaan jijjiiramaa dinagdee dijitaalaa dabalatee riifoormii hedduu hojeesseera. Haala Kanaan waggoottan toorban darban dinagdeen biyyattii guddachuu kaasaniiru. Imaammanni riifoormii dinagdee gooroo hojiirra ooluunsaa bu’aa argisiisuusaa himanii, dinagdee dijitaalaa ijaaruuf hojiileen hedduun hojjetamuu ibsaniiru. Fakkeenyaaf tarsiimoo riifoormii dinagdee mandhalee fi dijitaal Itiyoophiyaa 2015 hojeessuun jijjiiramni qabatamaa argamuu kaasaniiru. Dinagdee dijitaalaa hammataa ijaaruuf leenjiin koodarsii Itiyoophiyaanota kuma shanii kennamaa akka jiru dubbataniiru. Itiyoophiyaan ulaagaa dijitaal tiraanisfoormeeshinii idil addunyaatiin adarkaa gaariirratti akka argamtu hojiileen kunneen qooda bahaniiru jedhan. De’etaan ministira pilaanii fi misoomaa Siyyum Mokonnon gamasaaniin, waggoottan toorban darban riifoormii garagaraa gochuun bu’aan guddaan galmaa’eera jedhaniiru. Raawwii baatii sagal darbanii waltajjii kanarratti qorachuun hojiilee baatii sadan dhufan hojjetaman irratti kallattiin akka kaa’amu eeraniiru.
Hojiin misooma sululaa naannichatti hojjetamu guddina oomishaa fi oomishtummaa qonnaarratti bu’aa buuseera
Apr 16, 2025 197
Ebla 08/2017(TOI)-Hojiin misooma Sululaa Naannoo Oromiyaatti hojjetamaa jiru qabiyyee lafaa eeguu irra darbee guddina oomishaa fi oomishtummaa qonnaa irratti bu’aa qabatamaa fiduusaa biiroon qonnaa naannichaa beeksise. Itti Aanaan Biiroo Qonna Oromiyaa obbo Eeliyaas Kadir TOIf akka ibsanitti, naannichatti Hojiin misooma sululaa Amajjii15/2017 irraa eegalee hojjetamaa jira. Dambalii uummataan kan eegale hojiin misooma sululaa bifa saayinsaawaan akka hojiirra oolu naannoo irraa hanga aanaatti ogeessotaa fi hoggantootaan deeggarsii fi hordoffiin taassifamaa turera. Naannichatti sululawwan kuma 6 fi 400 irratti, lafti hektaara miiliyona 3 tuqaa 3 ta’u guyyoota 60 tti sosochii hawaasaan hojjetamuu ibsaniiru. Kana irratti uummanni naannichaa hirmaachuu kan ibsan Obbo Eeliyaas, “qabeenya naannichaa eegnee dhalootaaf dabarsuuf hojiiwwan bu’uura hojjetamaa jira” jedhaniiru. Naanichatti hojiin misooma sululaa baroottan darban hojjetameen Godinoota Bahaa fi Lixa Harargeetti Haroon Haroomayyaa fi lageen goganii turan deebi’anii bishaan kuufatanii tajaajila Misooma Jallisiif oola jiru. Akkasumas, Misooma Sululaan Misooma Bunaa, Kuduraa fi fuduraa, eegumsa biiyyeen jijiiramni qabatamaan dhufeera jechuun ibsaniiru. Haaluma wal fakkatuun, dhiibbaa jijiirama qilleensaa dandamachuun fi miidhaa qaqqabu hanbisuuf hojii hojjetameen dhiqamni biyyee hir’achuu dandahuu ibsaniiru. Hojii hojjetameen dargaggootaa fi dubartootaaf carraa hojii kunuunsa eegumsa naannoo, misooma nyaata horii fi misooma kaanniisaa abbummaa fudhatanii hojjechaa kan jiran tahuu ibsaniiru. Hojii misooma sululaa bara kana hojjetameen lafa hektaara kuma 670 ol tuttuqaa irraa bilisa tahee akka Misoomu tahaa jiraachuu ibsaniiru.
Naannawoota Mojoo fi Luumeetti qophii biqiltuu fi hojiilee qonnaa qindaa’aa ilaalchisuun muuxannoon fudhatame
Apr 12, 2025 217
Ebla 04/2017(TOI)-Godina Shawaa bahaa Mojoo fi Luumeetti qophii biqiltuu fi hojiilee qonnaa qindaa’aa ilaalchisuun sagantaan adeemsifameera. Miseensonni hooggansa sektara qonnaa naannolee biyyattii garagaraa irraa walitti dhufan godinicha tti buufata biqiltuu fi kilaastara Avokaadoo naannawoota Mojoo fi Luumeetti argamuun daawwataniiru. Itti aanaan biiroo qonnaa Hararii obbo Nasraddiin Ahimad TOI’f yaada kennaniin, buufanni biqiltuu Mojootti argine kan gurmaa’ee fi qinda’edha. Qophii biqiltuu fi hojii qonnaa qindaa’e keessumaa misooma Avokaadoo, kanniisa horsiisuu fi qophii xaa’oo uummamaa jiddugala tokkotti hojjetamaa akka jiru ilaalleerra jedhan. Kanarraas muuxannoo arganneerra jedhaniiru. Biiroo qonnaa fi qabeenya uumamaa naannoo Affaritti daarektarri baayoo daayivarsiitii obbo Alii Ibraahim gamasaaniin, qophii biqiltuu fi hojii qonnaa qindaa’aarraa muuxannoo fi beekumsa arganneerra jedhaniiru. Keessumaa biqiltuuwwan nyaataa garagaraa jallisiidhaan qopheessuun akka danda’amu hubachuusaanii eeraniiru. Biiroo qonnaa fi qabenya uumamaa naannoo ummattoota kibbaa Lixaa Itiyoophiyaarraa kan dhufan obbo Bayyanaa Balaachoo, buufanni biqiltuu Mojoo fi kilaastarri Avokaadoo beekumsaa fi ogummaan kan qophaa’e ta’uu daawwannaarraa hubachuusaanii ibsaniiru. Naannoon isaanii misooma Avokaadoof mijataa waan ta’eef biqiltuu Avokaadoo oomisha olaanaa kennan naannoo Oromiyaarraa binnee nidiqaalomsina jedhaniiru. Itti aanaan bulchaa aanaa Luumee fi hoogganaan biiroo qonnaa obbo Lammii Irkoo sagantaa ashaaraa magariisaa baranaaf Muduraa fi nyaata looniirratti xiyyeeffannee hojjechaa jirra jechuun ibsaniiru. Yeroo ammaa oomishni Avokaadoo yeroo afraffaaf aanicharraa karaa gabaa jiddugalaa alatti ergauu eeranii, Biqiltuuwwan Avokaadoo dabalataa biyya alaatti erguuf inistiitiyuutii tiraanifoormeeshinii qonnaa waliin hojjechaa akka jiran dubbataniiru. Ministeera qonnaatti hojii raawwachiisaan durss misooma qabeenya uumamaa fi eegumsaa obbo Faanosee Mokonnon, daawwannichi qophiin biqiltuu ashaaraa magariisaa ganna dhufu dhaabamuu muuxannoo walii qooduuf kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru. Keessumaa qophiin biqiltuu muduraa buufata biqiltuu Mojoo muuxannoon kan irraa fudhatamu ta’uu dubbataniiru. Qophiin biqiltuu ashaaraa magariisaa baranaa harki 60 Muduraa, nyaata loonii fi miidhaginaaf kan oolan yoo ta’u, harki 40 misooma bosonaaf oola jedhaniiru.
Hojiin misooma sululaa qindaa’aan fi Kunuunsa Misooma Qabeenya Uumamaa suluulawwan kuma 21 irratti hojjetameera-Ministeera Qonnaa
Apr 12, 2025 141
Ebla 4/2017 (TOI )-Bara Bajataa 2017tti sagantaan qindaa’aan Misooma Qabeenya Uumamaa amma ammaatti sululawwan kuma 21tti kunuunsa naannoo, ittisa biyyee fi bishaanii, hanga ammaatti sululawwan kuma 21 irratti hojjetamuu isaa ministirri Qonnaa beeksiseera. Bara kana guutummaatti lafa hektaara miiliyoona 5 ol misooma sululaan karooraan qabamee hojjetamaa jiraachuu ministeerichatti hojii raawwachiisaan dursaa kuunuunsa misooma qabeenya uumamaa fi ittifayyadamaa obbo Faanosee Mokonnin TOIf ibsaniiru. Misooma qabeenya uumamaa fulla’aa eegsisuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuun jijjiirama qabatamaa fidaa jira jedhaniiru. Misooni sululaa dhiqama biyyee ittisuu, saxilamummaa jijjiirama qilleensaa dandamachuu fi misooma magariisaatiif bu’aa gudda buusaa akka jiru ibsaniiru. Akka ibsa Faanoseetti bara baajataa kanatti lafa hektaara miliyoona 5 ol irratti kunuunsi biyyee fi qabeenya uumamaan hojjetama jira. Bakkeewwan misooman tuttuqqaa namaa fi beeyladaa irraa bilisa gochuuf hojii qabaman keessaa tokko tahuu ibsuuniiru. Haala qabatamaa naannooleen guyyoota 30 hanga 60 tti duula qindaa’aa kunuunsa misooma qabeenya uumamaa hojjetamaa jiraachuu ibsuun, hanga ammaatti daagaa, misooma ittisa biyyee fi bishaani hojjetameera jedhaniiru. Misooma sululaa qindaa’aan, kunuunsi qabeenya naannoo kuma 20 fi dhibba 8 misooma sululaa misoomsuuf karoorfamee hanga ammaatti rawwiin jiruun karooraa ol suluulawwan kuma 21 ol hojjetamuu ibsaniiru. Sululawwan Misooman irratti waldaaleen kuma 7 ol furdisa looniin, kuduraalee dhaabuun fi kaanniisa horsiisuu irratti bobba’anii fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Waggoottan darban hojii daagaa fi boolla bishaanii qotuun eegalame cimee itti fufeeras jedhaniiru. Itiyoophiyaatti hojii misooma sululaan haala milkaa’ina qabuun naannoolee itti hojjetaman keessaa tokko Harargee Bahaati. Godinichatti Qotee Bulaan Aanaa Baddannoo Ahmed Najaashii ammaAn dura lafti duwwaa ture yeroo ammaa kana jiidhaa jiraachuunsa omisha omishuun fayyadamaa tahuu isaanii ibsaniiru. Hojiin misooma sululaa ammaaf qofa otoo hinta’iin dhaloota dhufuuf naannoo kunuunsinee dabarsuutiif gahee guddaa kanqabu tahuu ibsuun, xiyyeffannoon hirmaachaa jiraachuu ibsaniiru. Aanaa Gooroo Guutuutti Qonnaan Bulaan Haayilee Taaddasee akka jedhanitti, misooma sululaa biratti muduraalee adda adda oomishuun fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Misoomni qabeenya sululaa madda bishaanii jiran kunuunsuun bishaan gahaa kennaa jiraachuu ibsaniiru. Jiraata aanichaa kan tahan Qonaan Bulaan 0bbo Isheetuu Asaffaa gama isaaniin, hojii misooma sululaan lafa misoome irratti biqiltoota adda addaa dhaabuu fayyadamoo tahuu isaanii ibsaniiru.
Naannoo Gambeellaatti guyyoota kurnan dhufanitti bokkaa cimaan ni jiraata
Apr 11, 2025 170
Ebla 03/2017 (TOI)-Naannoo Gambeellaatti guyyoota kurnan dhufanitti roobni salphaa fi cimaan jiraachuu akka dandahu Inistityuutiin Meetiroloojii Itiyoophiyaa Beeksise. Bokkaa roobuun walqabatee rakkoowwan uumamuu dandahan hambisuuf bo’oo lolaa qulqulleessuun barbaachisa ta’uus ibsameera. Inistityuutichatti Hojii Gaggeessaan Giddugala Tajaajila Meetiroloojii Naannoo Gambeellaa Obbo Tasfaahun Alamuu TOI’f akka ibsanitti, Naannichatti baatii Ebla2017 jalqabee roobni cimaan jiraachuu ibsaniiru. Naannichatti bakkeewwan qilleensa Baddadaree Godina Maajangitti , roobni cimaan akka roobu beeksissaniiru. Rooba cimaa naannichatti mudachuu dandahu qophii Qonna Gannaa faayidaa olaanaa akka qabaatu ibsaniiru. Naannichatti sababa Rooba Cimaa Roobuun Magaalichatti balaan lolaa uumamuu waan dandahuuf bo’oo lolaa saaquu fi qulqulleessuun barbaachisaa tahuu hubachiisaniiru. Akkasumas, roobaan walqabatee dhibeen busaa ka’uu waan danda’uuf boolla bishaanii dursanii duuchuun akka qaban obbo Tasfaahun ibsaniiru.
Dirree Dawaatti duula ashaaraa magariisaa dhufuuf biqiltuuwwan garagaraa faayidaa hedduu qaban jiru
Apr 8, 2025 224
Bitootessa 30/2017(TOI)- Bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaatti duula ashaaraa magariisaa dhufuuf biqiltuuwwan garagaraa faayidaa hedduu qaban qophaa’aa akka jiran abbaan taayitaa naannawaa, misooma bosonaa fi haala qilleensaa beeksise. Daarektarri misooma bosonaa abbaa taayitichaa obbo Maasrashaa Yimar TOItti akka himanitti, duula ashaaraa magariisaa ganna dhufuuf biqiltuuwwan garagaraa qophaa’aa jiru. Biqiltuuwwan buufata biqiltuu kilaastara baadiyyaa fi magaalaatti qophaa’aa jiran keessaa walakkaa ol dhaabbiif qophaa’aniiru jedhan. Biqiltuuwwan barana qophaa’an keessaa wabii nyaataa maatii mirkaneessuu Kan danda’an kan akka Loomii, Paappaayyaa, Giishxaa, maangoo Hamboshk, burtukaanaa fi kanneen biroo keessatti argamu jedhaniiru. Biqiltuuwwan waggoottan darban dhabaman harki 72 qabachuu dubbataniiru. Kunis balaa lolaa ittisuun wabii nyaataa hawaasa baadiyyaa mirkaneessuuf shoora bahaa akka jiran eeraniiru. Hoogganaan biiroo qonnaa, bishaan, albuudaa fi Inarjii bulchiinsa magaalaa Dirree Dawaa obbo Nuuraddiin Abdallaa TOItti akkka himanitti, biqiltuuwwan ashaaraa magariiaa baranaaf qophaa’aa jiran faayidaa garagaraa qabu. Biqiltuuwwan kunneen kan armaan olitii ibsamaniin alatti bosona, gaaddisa, fi miidhagina magaalaaf kan fayyadanii fi misooma kooriidarii xumuramaa jiru miidhagsuuf ta’uu ibsaniiru. Kilaastara baadiyyaattis bakka biqiltuun itti dhaabamu adda baasuu fi boola qopheessuunis gamanuma hojjetamaa akka jiru beeksisaniiru. #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa#TOI #Oromiyaa#ashaaraa magariisa
Eegumsa qabeenya uumamaa fi misooma sululaan fayyadamuu eegalleerra-qonnaan bultoota
Apr 5, 2025 136
Bitootessa 27/2017(TOI)- Eegumsi qabeenya uumamaa fi misoomni sululaan oomishtummaa guddisuun fayyadamaa isaan taasisaa akka jiru godina Harargee bahaatti qonnaan bultoonni aanaa Baddannoo dubbatan. Misoomni muduraa, kanniisa horsiisuu fioomishni nyaata loonii guddachaa dhufuu ibsaniiru. Qonnaan bulaan Ibsaa Abdallaa, naannawichi qaarri waan itti caaluuf biyyeen dhiqamee waggaa dheeraaf lafti qullaatti hafee tureera. Sababa Kanaan jirattonni oomishuuf rakkachaa turaniiru. Rakkoo kana furuuf waggaa muraasa dura eegumsa qabeenya uumamaa fi misoomaatti galuun dhiqamni biyyee hir’achaa dhufuu eeraniiru. Qonnaan bulaan Asan Shariif gamasaniin bakkeen kun misoomuun maddi cimmisee bishaan akka argatan eeranii, nyaata loonii oomishuu akka isaan dandeessises dubbataniiru. Bulchaan aanaa Baddannoo Ibraahim Yuuyyee waggoota muraasa darban gaarren qullaatti hafaniituran eegumsa qabeenya naannoo fi misooma sululaan bosonan guutamuu ibsan. Jiraattonni naannawaa misooma sululaa irratti waldaan gurmaa’anii misooma muduraa fi kanniisa horsiisuun fayyadamaa ta’uu eeraniiru. Bulchaan godina Harargee Bahaa Miskii Mahaammad gamasaaniin, eegumsa qabeenya uumamaa fi misooma sululaa ummanni hojjeteen dhiqamni biyyoo hir’atee lafti gammachaa dhufeera jedhan. Maddeen bishaan lafarraa fi lafa jalaa gabbachaa akka jiruu fi hojiin eegumsa qabeenya uumamaa aadaa ta’aa dhufuusaa bulchaan kun dubbataniiru.
Itiyoophiyaan Ashaaraa magariisaan biqiltuu Bunaa Biiliyoona dhaabuun alatti jijjiirama haala qilleensaa ittisuuf shoora olaanaa bahaa jirti
Mar 18, 2025 358
Bitootessa 09/2017(TOI)- Itiyoophiyaan Ashaaraa magariisaan biqiltuu Bunaa Biiliyoona dhaabuun oomishtummaa Bunaa guddisuun cinaatti ijjiirama haala qilleensaa ittisuuf shoora olaanaa bahaa akka jirtu ministirri qonnaa Girmaa Amantee ibsan. Abbaan taayitaa Bunaa fi Shaayee Itiyoophiyaa mootummaa Xaaliyaanii fi Baankii daldalaa Itiyoophiyaa waliin ta’uun liqii qaamolee oomishtoota, dhiheessitootaa fi damee kanarratti hirmaataniif deeggaruu dandeessisu ifoomseera. Mootummaan Xaaliyaanii damee liqii yeroo dheeraa keessatti deebi’u Yuuroo miil. 10 kan eeyyame yoo ta’u liqii argame Baankiin daldala Itiyoophiyaa bulchuuf itti gaafatama nibaha. Ministirri qonnaa Dr. Girmaa Amantee wayita kana akka jedhanitti, walitti hidhata galtee oomisha bunaa Itiyoophiyaa keessdatti abbootii fi haadholiin warraa miiliyoona 5 caalan nihirmaatu. Guddina hawaasummaa fi dinagdee Itiyoophiyaaf oomishnii fi oomishtummaa Bunaa guddisuun murteessaa ta’uu ibsaniiru. Walitti hidhata galtee oomisha Bunaa irratti faayinaansiin rakkoo tokko ta’uu eeranii, liqiin mootummaan Xaaliyaanii taasise kun qooda guddaa akka qabaatu ibsaniiru. Itiyoophiyaan sagantaa Ashaaraa magariisaan biqiltuu Bunaa biiliyoonaan dhaabuushee eeraniiru. Kanaanis oomishaa fi oomishtummaa Bunaa guddisuun dinagdee deeggaruun cinaatti jijjiirama haala qilleensaa ittisuuf shoora guddaa taasisaa akka jirtu dubbataniiru. Daarektarri ejensii tumsa misoomaa Xaaliyaanii Maayikil Moraanaa mootummaan Xaaliyaanii walitti hidhata galtee misooma Bunaa Itiyoophiyaa deeggaruuf fedhiin agarsiise ibsituu kutannoo misooma waloo biyyoota lamaanii ta’uu ibsaniiru. Waltajjiin har’aa ibsituu walooma Itiyoophiyaa fi Xaliyaanii ta’uu ibsanii, cehumsa qonna Itiyoophiyaaf bu’ura kaa’uuf tumsi keenya cimee itti fufa jedhaniiru. Pirezidaantiin Baankii daldala Itiyoohiyaa Abbee Saanoo gamasaaniin, oomisha bunaa Itiyoophiyaa guddisuuf oomishuurraa eegalee amma gabaa bahutti bu’aa bahii keessa akka darbu ibsaniiru.
Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaaf qophiin Biqiltuu saayinsaawaan taasifamaa jira
Mar 18, 2025 277
Bitootessa 09/2017(TOI)- Sagantaa Ashaaraa Magariisaa ganna dhufuuf qophiin Biqiltuu saayinsaawaa fi bakki dhaabbii adda baafamaa akka jiru ministeerri qonnaa beeksise. De’eetaan ministira qonnaa Piroofeesar Iyyaasuu Eliyaas TOI’f akka ibsanitti, sagantaa ashaaraa magariisaa ganna dhufuuf qophiin biqiltuu fi bakki dhaabbii adda baafamaa jira. Hojiileen waggoota darbanii bakka hundatti biyyeen dhiqamu akka hir’atu, lafti duwwaatti hafe akka bayyanatu, laggeen, sululoonnii fi haroowwan gogan akka bayyanatan taasisaniiru. Akkasumas hojii ummanni bona tumsaan hojjeteen bosonni akka baay’atu gochuun dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf bu’ura ta’uusaa dubbataniiru. De’eetaan ministiraa kun akka jedhanitti, sagantaa ashaaraa magariisaa baranaaf qophiin biqiltuu, bakki dhaabbii, boolloo qotuun taasifamaa jira. Amma ammaatti lafti heektaara kuma 800 caalu biqiltuu dhaabuuf adda baafameera. Qophiin biqiltuus buufata biqiltuu mootummaa fi dhuunfaa kuma 129tti qophiin taasifamaa akka jiru kaasaniiru. Qophiin kun saayinsaawaa akka ta’u hordoffii fi deeggarsi taasifamaa akka jiru ibsaniiru.
Kunuunsa qabeenya uumamaa ittifufiinsa qabu mirkaneessuuf qindoominnii fi tumsi qooda fudhattootaa cimuu qaba
Mar 18, 2025 235
Bitootessa 09/2017(TOI)-Kunuunsa qabeenya uumamaa ittifufiinsa qabu mirkaneessuuf qindoominaa fi tumsi qooda fudhattootaa cimuu akka qabu ibsameera. Workishooppiin adeemsa raawwii hojii Pirojektii 'ECOSAVE' xiinxalurratti fuulleffate Yunivarsiitii Madda Walaabuutti geeggeffameera. Pirojektichi dhiibbaa qabeenya uumamaa fi heddumina lubbu qabeeyyota 'ikoo rijinii' Baalerra gahaa jiru qorannoon adda baasuun fala kaa'urratti xiyyeeffachuun ibsameera. Pirojektichas dhaabbata ‘WaterAid, MELCA-Ethiopia’fi Yunivarsiitii Madda Walaabuu qindoominaan geeggessaa jira. Pirezidaantiin ittaanaa dhimmoota Akkaadaamii fi qorannoo Yunivarsiitichaa Dr. Bazzaabbih Wandimmuu Yunivarsitichi hojii baruu fi barsiisuu cinaatti qorannoo fi tajaajila hawaasaa irratti fuulleffatee hojjachaa jiraachuu woorkishooppicharratti dubbataniiru. Keessattuu Yunivarsitichi qorannoolee hojiilee qonnaa, fayyaa, qabeenya uumamaa, heddumina lubbu qabeeyyotaaf dursa kennuun irratti hojjachaa jiraachuus eeran. Qorannoon qindaawaan dhiibbaa qabeenya uumamaa fi heddumina lubbu qabeeyyota ikoo rijinii Baaleerra gahaa jiru xiqqeessuuf qoodafudhattoota wajjiin hojjatamaa jirus agarsiiftuu tattaaffii kanaa ta'uus kaasan. Dhaabbata ‘WaterAid'tti’ qindeessaan sagantaalee Obbo Gabree Ballaxaa gamasaaniitiin dhaabbatichi waliingahiinsa bishaan dhugaatii qulqulluurratti xiyyeeffatee hojjachaa jiraachuu himan. Hojirra oolmaan Pirojektii 'ECO SAVE's hawaasa aanaa Barbaree kuma 20 caalaniif bishaan dhugaatii obaasuuf hojiin danddeesissu hojjatamaa jiraachuu akeekan. Qorattoonni Yunivarsiitichaa gamasaaniitiin dhiibbaa qabeenya umamaa fi heddumina lubbu qabeeyyota naannoo ikoo rijinii Baaleerra gahaa jiru xiqqeessuuf qindoominaa fi tumsi qoodafudhattootaa daran cimuu akka qabu dhaaman. Keessattuu Hwaasni adeemsa jiruu injifachuuf taasisu keessatti dhibbaa qabeenya umamaarraan gahaa jiru akka xiqaatuuf hojiileen jiruu hawaasaa fooyessuurratti fuulleffatan xiyyeeffannoo arggachuu akka qabanis akeekan. Uwwisa bishaan dhugaatii qulqulluu hawaasa gara gammoojjii dabaluu, maddoota bishaanii fi bosona naannoo sanaa kunuunsuun tooftaawwan dhiibbaa mul'atan xiqqeessuuf eeraman keessaa ta'uunis barameera. Bulchaan Aanaa Barbaree Obbo Ahmaddiin Muhammad gamasaaniitiin pirojektichi hojiilee qindaawaa kunuunsa qabeenya uumamaa fi heddumina lubbu qabeeyyotaarratti hojjatamaa turan qorannoon deeggaruun bu'a qabeessa taasisuuf kan tumsu waan ta'eef qoodafudhattoota galateeffataniiru.
Sosochiin faalama dhaabsisuu biyyaalessaa marsaa lammaffaa baatii jahaaf turu jalqabamuufi
Mar 8, 2025 353
Guraandhala 29/2017(TOI)፡- Sosochiin faalama dhaabsisuu biyyaalessaa marsaa lammaffaa baatii jahaaf turu mata duree “Itiyoophiyaa qulqulluu fi ashaaraa magariisaa aadaa godhachuu” jedhuun jalqabamuufi. Sosochiin marsaa lammaffaa kun hawaasni akaakuuwwan faalama naannawaa hubatee ofeeggannoo akka taasisu hubannoo uumuuf akka ta’e ibsameera. Daarektarri olaantuu abbaa taayitaa eegumsa naannoo Injiinar Lalisee Namee turtii Tajaajila oduu Itiyoophiyaa waliin taasisaniin akka ibsanitti, naannawa eeguu fi kunuunsuun ittigaafatama hawaasa hundaati. Hawaasni akaakuuwwan faalamaa sirriitti adda baasee ittisuun qoodasaa akka bahatu hojiileen hubannoo uumuu murteessaa ta’uu ibsaniiru. Sosochii faalama dhaabuu dhiheenyatti ifoomuu fi baatii jahaaf turuun faalama ilaalchisuun hojiileen hubannoo uumuu akka hojjetaman eeraniiru. Seera faalama Pilaastikaa ittisuuf bahaa jiru hojiirra oolchuuf oomishtootaa fi fayyadamtootaaf hubannoo gahaa uumuun barbaachisaadha kan jedhan daarektarri olaanaa kun baatiin jalqabaa faalama pilaastikaa irratti akka xiyyeeffatu ibsaniiru. Kanneen balaafamoodha jedhaman dabalatee akkaataa balfa gogaan itti dhabamsiifamu irratti kutaaleen hawaasaa fi dhaabbileen hundi qoodasaanii akka bahan akka hubatan nitaasifama jedhaniiru. Faalama sagalee ittisuuf hedduu hojjechuun akka barbaachisu ibsanii, kana sirreessuuf hawaasa waliin ta’uun bal’inaan akka hojjetamu himaniiru. Oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf hojiileen eegumsa biyyoo fi Bishaanii murteessaa ta’uu ibsanii, nageenyaa biyyoo fi Bishaanii irratti hubannoo hawaasaa cimsuuf akka hojjetamu dubbataniiru. Faalama qilleensaa ittisuuf humna haaromfamutti fayyadamuun murteessaa ta’uu ibsanii, hojiileen gama Kanaan jalqabaman akka itti fufan nitaasifama jedhaniiru. Kanneen Seera dhaabbileen mootummaas ta’e dhuunfaa qorannoo naannawaa fi hawaasummaa osoo hintaasisiin pirojektoota akka hin eegalle taasisu hinkabajne akka adabaman dubbataniiru. Gama Kanaan hojiin hubannoo uumuu sadarkaa biyyaalessaatti akka hojjetamu eeraniiru. Sosochiin faalama dhaabuu marsaa jalqabaa mata duree “ faalamni haadhaabatu, miidhaginni haadammaqu” jedhuun Ebla 1 bara 2016 amma Fulbaana 30 bara 2017tti taasifamuun niyaadatama.
Dhaabbileen lamaan eegumsa bineensota bosonaa fi carraalee barnootaa fi leenjiin waliin hojjechuuf waliigalan
Mar 6, 2025 181
Guraandhala 27/2017(TOI)Korporeeshiniin paarkiiwwan tokkummaa fi Yuunivarsiitiin Haroo Mayaa eegumsa bineensota bosonaa fi carraalee barnootaa fi leenjiin akkasumas hojiiwwan qorannoo fi qu’annoon waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessan. Hojii raawwachiisaan olaanaa korporeeshinii paarkiiwwan tokkummaa Dr. Taammiraat Hayilee fi pirezidaantiin Yuunivarsiitii Haroo Mayaa Dr. Jamaal Yeesuuf waliigalticha mallatteessaniiru. Beellada Bosonaa kan akka Sanyii yeeyyii Arbi Afriikaa, Farda bosonaa Itiyoophiyaa keessaa baduuf jedhanii baraaruuf waliin nihojjenna jedhan. Yuunivarsiitichi hojii qorannoo fi qu’annoon alatti hojjettoota korporeeshinichaaf carraalee barnootaa fi leenjii akka uumus ibsameera.
Hawaasni hojii eegumsa naannoof qoodasaa akka bahu gochuuf shoorri miidiyaalee olaanaadha
Mar 5, 2025 190
Guraandhala 26/2017(TOI)- Hawaasni hubannoo gahaa argatee hojii eegumsa naannoof qoodasaa akka bahu gochuuf shoorri miidiyaalee olaanaadha jechuun ibsan daarektarri olaantuu abbaa taayitaa eegumsa naannoo Injiinar Lalisee Namee. Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa fi Abbaan Taayitaa Eegumsa naannoo Itiyoophiyaa waliigaltee waliin hojjechuu isaan dandeessisu mallatteessaniiru. Hojii raawwachiisaan olaanaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa Seeyifee Darribee fi daarektarri olaantuu Abbaa Taayitaa Eegumsa naannoo Itiyoophiyaa Injiinar Lalisee Namee waliigaltee kana mallatteessaniiru. Daarektarri olaantuu bbaa Taayitichaa wayita kana akka jedhanitti, hojiileen eegumsa naannoo hirmaannaa ummataan alatti milkeessuuf rakkisaadha. Haala Kanaan haeaasni hubannoo gahaa argachuun hojii eegumsa naannoof qoodasaa akka bahu miidiyaaleen shoora guddaa akka qaban himaniiru. Guutuu biyyattiitti qaqqabamaa kan ta’ee fi madda oduu amanamaa kan ta’e tajaajila Oduu Itiyoophiyaa waliin hojjechuuf galma abbaan taayitichaa qabate milkeessuuf akka isa dandeessisu daarektarri olaantuu kun ibsaniiru. Inisheetiivota eegumsa naannoo fi Itiyoophiyaa qulqulluu ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin jalqabaman itti fufsiisuuf yeroo yeroon hojiilee hubannoo uuman hojjechuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru. Sosochiiwwan Itiyoophiyaa qulqulluu bakka hundatti qaqqabamaa taasisuuf TOI waliin hojjechuun bu’a qabeessa nutaasisa jedhaniiru. Hojii raawwachiisaan olaanaa Tajaajila duu Itiyoophiyaa Seeyifee Darribeen gamasaaniin, TOI’n hojii eegumsa naannoo filmaattota garagaraan haeaasaan gahuuf cimee nihojjeta jedhaniiru. Qabiyyeewwan afaanota garagaraan dhiheenya jalqabeenmiidiyaalee biyyoota biroof qaqqabamaa taasisuun ergamni Abbaa Taayitichaa akka milkaa’uuf akka hojjetu mirkaneessaniiru.
Hojiiwwan eegumsa naannoo dijitaalaan deeggaruuf hojjetamaa jira
Mar 5, 2025 199
Guraandhala 26/2017(TOI)-Abbaan taayitaa eegumsa naannoo fi Itiyoo Telekoom inisheetiiviiwwan eegumsa naannoo irratti tumsaan hojjechuuf mari’atan. Hooggantoonni dhaabbatichaa Inisheetiivota kanneeniif furmaata dijitaalaa fi teeknooloojii kaa’uun akka barbaachisu ibsaniiru. Keessumaa hawaasni hirmaannaa hojiiwwan eegumsa naannoo irratti qabu teeknooloojiin deeggaruun akka barbaachisu himaniiru. Fuulduratti appilikeeshinii lammiileen seera eegumsa naannoo wayita cabsan gabaasni itti taasifamu uumuuf akka hojjetamu odeeffannoon abbaa taayitaa eegumsa naannoo irraa argame nimul’isa.
Hirmaannaa damee dhuunfa ijaarsa dinagdee marariisaa irratti cimuu qaba-Ministira karooraa fi misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa
Feb 21, 2025 236
Guraandhala 14/2017(TOI)- Sirna dinagdee jijjiirama haala qilleensaa damdamatu ijaaruu keessatti hirmaannaa damee dhuunfaa cimee akka ittifufu Ministirri karooraa fi misoomaa Dr. Fitsum Asaffaa gaafatan. Woorkishooppiin ajandaa jijjiirama haala qilleensaa irratti hirmaannaa damee dhuunfaa Faayinaansiin walqabate cimsuuf akeekame Finfinneetti taa’amaa jira. Itiyoophiyaan waliigaltee Paaris dabalatee waliigalteewwan jijjiirama haala qilleensaa idil addunyaa fudhattee hojiirra oolchaa jirti jedhan ministirri Dr. Fitsum Asaffaa. Misoomni dinagdee magariisaa jijjiirama haala qilleensaan hinmiidhamne karoora misoomaa muummee keessatti xiyyeeffannoon akka kennameef eeraniiru. Sirna dinagdee jijjiirama haala qilleensaa damdamatu ijaaruu keessatti dameen dhuunfaa dammaqinaa fi adda durummaan akka hirmaatu gaafataniiru. Fakkeenyaaf jijjiirama haala qilleensaa damdamachuu keessatti faayinaansii barbaachisu dhiheessuuf tumsa damee dhuunfaa fi mootummaa cimsuun akka barbaachisu eeraniiru. Itiyoophiyaatti bakka bu’aan inistiitiyuutii misooma magariisaa idil addunyaa Daani’eel Obonaayaa gamasaaniin, Itiyoophiyaan dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuu keessatti hojiilee bu’a qabeessa hojjechaa jiraachuushee dinqisiifataniiru. Itti aanaan barreessaa olaanaa mana maree daldalaa fi waldaalee damee Itiyoophiyaa Dr. Qananiisaa Lammii, dameen dhuunfaa pirojektoota misooma dinagdee magariisaa fi egeree eegumsa naannoof gumaacha taasisan irratti hirmaannaasa akka cimsu dubbataniiru.