Saayinsii fi Teeknooloojii - ENA Afaan Oromoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Itiyoo Telekoom fi kaampaaniin Viizaa Ink tumsa dijitaal Faayinaansii qaban cimsuuf waliigalan
Apr 24, 2025 50
Ebla 16/2017 (TOI)- Itiyoo Telekoom fi kaampaaniin tajaajila kaardii kaffaltii Ameerikaa Viizaa Ink tumsa dijitaal Faayinaansii qaban cimsuuf akka hojjetan beeksisan. Hojii raawwachiiftuun olaanaa Itiyoo Telekoom Fireehiywoot Taammiruu garee jilaa kaampaanii Viiza Ink Ameerikaatti itti aanaan Pirezidaantii fi gaggeessaan riijinii kibbaa fi baha Afriikaa Mikaa’el Barnariin durfamu waliin mari’ataniiru. Qaamni lamaan tajaajiloota faayinaansii dijitaalaa idil addunyaa irratti carraalee tumsaa uumuun haala danda’amurratti mari’ataniiru. Dhaabbileen lamaan Viizaa kaardii waaleet varchuwaalii fi Viizaa daayirakti jalqabaaf Itiyoophiyaatti Hagayya 2016 dhugoomsan akkasumas sadarkaan raawwii tajaajiloota hawaalaa idil addunyaa karaa teelee birr Remiiti kennamanii irra jiru dhihaateera. Raawwiin onnachiisaan karaa tajaajiloota Hawaalaa galmaa’ee fi keessumaa sababa riifoormii dinagdee goorootiin carraan gabaa guddachuun ibsameera. Riifoormiin tajaajiloota hawaalaa idil addunyaa fedhii maamiltootaarratti bu’uureffate ittifufiinsaan hojjetamaa jiraachuun kaafameera. Teelee birriin ijaarsa dinagdee dijitaalaa hammataa fi qaqqabamaaf qooda ijoo bahaa jira jedhan. Teelee birriin neetwoorkii idil addunyaa Viizaa waliin qindaa’uun tajaajiloota faayinaansii dijitaalaa kalaqa ofkeessaa qabu dhiheessuuf carraaleen akka jiran ibsaniiru.
Ejensichi leenjifamtoota koodarsii miiliyoona shanii marsaa lammaffaa eebbisiise
Apr 22, 2025 122
Ebla 14/2017(TOI)-Ejensiin galmee siviilii fi tajaajila jiraattotaa leenjifamtoota koodarsii miiliyoona shanii marsaa lammaffaa eebbisiise 127 eebbisiiseera. De’etaan ministiraa Innoveeshinii fi teeknooloojii Dr. Yishuruun Alamaayyoo, sadarkaa itti aanaa kantiibaatti hojii gaggeessaan olaanaa magaalaa Finfinnee Injiinar Wandimmuu Seettaa fi daarektarri olaanaa ejensii galmee siviilii fi tafaajila jiraattotaa Finfinnee Yoonaas Alamaayyoo sirna eebbaarratti argamaniiru. De’etaan ministiraa Innoveeshinii fi teeknooloojii Dr. Yishuruun Alamaayyoo wayita kana akka ibsanitti, mootummaan tajaajila dijitaalaayizii qaqqabamaa taasisuuf hojjechaa jira. Humna namaa ogummaa teeknooloojiin ga’oome horachuun tajaajila dijitaalaayiz gochuuf murteessaa ta’uu ibsanii, sosochiin koodarsii miiliyoona shanii qooda olaanaa qaba jedhan. Dhaabbileen kana hubachuun hojjettoonnisaanii leenjii akka fudhatan gochuurratti sochiin taasisan ajaa’iba ta’uu ibsaniiru. Sadarkaa itti aanaa kantiibaatti hojii gaggeessaan olaanaa magaalaa Finfinnee Injiinar Wandimmuu Seettaa, bulchiinsi magaalaa Finfinnee bulchiinsa dijitaalaa diriirsaa akka jiru dubbataniiru. Kanaaf ammoo humna namaa horachuun murteessaa waan ta’eef leenjiin koodarsii miiliyoona shanii qooda olaanaa akka qabu dubbataniiru. Daarektarri olaanaa ejensii galmee siviilii fi tafaajila jiraattotaa Finfinnee Yoonaas Alamaayyoo dhaabbatichi tajaajila kennu ammayyaa fi qaqqabamaa taasisuuf riifoormii taasisaa akka jiru dubbataniiru. Leenjiin koodarsii miiliyoona shanii humna namaa ga’oome horachuuf filatamaa waan ta’eef hojjettoonni ejensichaa leenji’aa jiru jedhaniiru. Ebbifamtoota keessaa Wandimmaagany Habtaamuu fi Geetinnat Yittaayawu leenjichi beekumsa teeknooloojii garagaraa gabbifachuuf akka isaan dandeessise eeranii, kun ammoo tajaajila si’ataa gochuuf nugargaara jedhaniiru. #Oromiyaa #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Itiyoophiyaanonni yaada maddisiisan taatee teeknooloojii guddicharratti hojiisaanii nidhiheessu
Apr 14, 2025 437
Ebla 06/2017(TOI) Afriikaatti taatee teeknooloojii guddichaa fi hojii uumtonni jalqabdoonni (Staart aappi) ta’uun kan himame waltajjiin teeknooloojii Jii’aayiteeksi Afriikaa har’a Moorookoo Maaraakaashitti jalqabameera. Waltajjiin kun Afriikaatti dhaabbilee fi namoota dhuunfaa dijitaal Tiraanisfoormeeshinii, Innoveeshinii fi walitti hidhata biizinasii adda duree ta’an walitti fideera. Itiyoophiyaa dabalatee bakka bu’oonni biyyoota 130 caalan irraa walitti dhufan kuma 4 fi 500 caalan, kaampaaniiwwan hojiisaanii dhiheessanii fi hojii uumtonni reefu jalqaban kuma 1 fi 400 caalan, dhaabbileen mootummaa 650 caalanii fi dureeyyiin 350 caalan hirmaataniiru. Nageenyi Saayibarii, barnoonni, telekoomiin, faayinaansiin, fayyaan ispoortii fi teeknooloojiin qonnaa kalaqa teeknooloojii dhihaata keessaayyi. Itiyoophiyaanonni Waltajjii teeknooloojii ardii irratti teeknooloojiiwwan rakkoo hawaasaa furanii fi jireenya itti mijeessan uumuu danda’an hirmaataniiru. Itiyoophiyaanonni kunneen hojiisaanii dhiheessaa jiru. Kana cinaattis hubannoo namtolchee, nageenya Saayibarii, dinagdee dijitaalaa, misooma fulla’aa, hojii uumuu dhimmoota biroorratti mariin nitaasifama. Waltajjiin Moorookoo Maaraakaashitti adeemsifamaa jiru sammuu cimaa ardii Afriikaa jiru walitti qabuun fi cehumsi beekumsaa akka ta’u gochuun Afriikaa dorgommii teeknooloojii addunyaarratti adda duree akka taatu qooda guddaa kan taasisudha jedhameera. Dinagdeen dijitaalaa GDP Afriikaaf doolaara biiliyoona 180 ol gumaachaa akka jiruu fi gabaan nageenya saayibarii Ardichaa waggaatti galii doolaara biiliyoona 245 maddisiisuu akka danda’u ibsameera. Jii’aayiteeksi Afriikaan amma Ebla 8 bara 2017tti akka turu agabaasaan TOI bakkarraa gabaaseera. Taateen Teeknooloojii mootii Moorookoo Mahaammad jaahaffaa jalatti kan hoogganamudha.
Dirree dijitaalaa nageenya qabu uumuuf tumsa idil addunyaa cimsuu barbaachisa-Ambaasaaddar Li’ulsaggad Taaddasaa
Apr 12, 2025 389
Ebla 04/2017(TOI)- Dirree dijitaalaa nageenya qabu uumuuf tumsa idil addunyaa cimsuun akka barbaachisu Biraaziliti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Li’ulsaggad Taaddasaaibsan. Itiyoophiyaan walgahii nageenyaa fi eegumsa odeeffannoo fi komunikeeshin teeknooloojii BIRICS magaalaa muummee Biraazil Biraaziiliiyaatti taa’amerratti hirmaatteetti. Biraazilitti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Li’ulsaggad Taaddasaa dirree dijitaalaa nagaansaa eegame uumuuf tumsa biyyaalessaa fi gargaarsi idil addunyaa murteessaa ta’uu ibsaniiru. Ambaasaaddarichi walgahicharratti waa’ee imaammata nageenya saayibarii ibsa taasisaniiru. Imaammatichi hirmaannaa waloo mootummaa, ummataa fi qooda fudhattoota hedduu kan jiddugaleeffate, , bururaalee misoomaa odeeffannoo ijoo fi eegumsa odeeffannoo dhuunfaaf xiyyeeffannoo kan kennu ta’uu himaniiru. Kana malees hojiilee dinagdee dijitaalaaf hojmaata nagaa uumuuf nidandeessissa. Karaa hammattoo BIRICS carraalee damee ICT fayyadamuu fi yaaddoo waliin ittisuuf akka barbaachisu ambaasaaddarichi hubachiisaniiru. Biyyoonni miseensaa dhimmicharratti BRICS tumsa cimaa hundeessuu akka qabu waliigalteerra gahuusaanii odeeffannoon Biraaziliyaatti embaasii Itiyoophiyaa TOI’f erge nimul’isa.
Magaalaawwan dabalataa 114 neetwoorkii Advaansidii 4G LTE argatan
Apr 11, 2025 354
Ebla 03/2017(TOI)-Itiyoo Telekoom magaalaawwan dabalataa 114 godina Baalee, Arsii, baha Baalee, Arsii Lixaa fi baha Shawaatti argamanitti neetwoorkii Advaansidii 4G LTE akka argatan gochuusaa beeksise. Kaampaanichi qoodasaa dinagdee dijitaalaa hammataa ijaaruuf irraa eegamu cimsee akka ittifufu ibseera. Itiyoo Telekoom pirojektii babal’isa neetwoorkii advaansidii 4G LTE adeemsisaa ture xumuree riijinii kibba bahaatti magaalota 58 akkasumas kibba kibba bahaatti magaalota 56 walumaa gala magaalota 114 fayyadamoo taasisuu himeera.
Itiyoo Telekoom magaalaa Baalee Roobee fi Asallaatti tajaajila neetwoorkii Moobaayilii dhaloota shanaffaa eegalchiise
Apr 10, 2025 337
Ebla 02/2017(TOI)- Itiyoo Telekoom magaalaa Baalee Roobee fi Asallaatti tajaajila neetwoorkii Moobaayilii dhaloota shanaffaa eegalchiise. Kaampaanivhi tajaajilasaa caalaatti qaqqabamaa taasisuuf waajjira riijinii kibba Bahaa Baalee Roobeetti bifa haaraan hojii eegalchiisuu beekameera. Hojii raawwachiiftuun olaanaa Itiyoo Telekoom Fireehiywoot Taammiruu fi hooggantoonni olaanii kaampaanichaa akkasumas hooggantoonni magaalaa Roobee fi godina Baalee fi fayyadamtoonni tajaajilichaa saganticharratti argamaniiru. Kaampaanichi tajaajilasaa fooyyessuun dijitaal Itiyoophiyaa dhugoomsuu irratti argama jedhan hojii raawwachiiftuun olaanaa kun wayita kanatti. Tajaajilli dhaloota shanaffaa kan har’aa dabalatee magaalaa Itiyoophiyaa 16 keessatti qaqqabamaa ta’uu dubbataniiru. Tajaajilli dhaloota shanaffaa (5G) maamiltoonni tajaajila si’ataa fi ariifataa akka argatan taasisa jedhaniiru. Kaampaanichi tajaajila ummataaf kennu caalaatti qaqqabamaa taasisuu fi ammayyeessuuf waajjirasaa kibba bahaa Baalee Roobeetti bifa haaraan jalqabsiisuusaa dubbataniiru. Riijinichi banamuunsaa bu’ura misoomaa telekoomii fi infoormeeshin komunikeeshinii hawaasa iraan gahuuf carraaqqii taasifamu akka deeggaru himaniiru. Riijiniin kibba bahaa kun godinoota Baalee lamaanii fi godinoota Arsii gartokkee akka qabatu odeeffannoon kaampaanichaa nimul’isa.
Dhaabbileen lamaan hubannoo namtolcheerratti tumsa tarsiimawaa uumuuf fedhii akka qaban ibsan
Apr 8, 2025 181
Bitootessa 30/2017(TOI)- Inistiitiyuutiin hubannoo namtolchee Itiyoophiyaafi ejensiin tumsa idil addunyaa Jaappaan(Jaayikaa) hubannoo namtolcheerratti tumsa tarsiimawaa uumuuf fedhii akka qaban beeksisan. Jilli gorsaa dijitaal tiraanisfoormeeshinii olaanaa Jaayikaa Atuushii Yamanakaan durfame inistiitiyuutii hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa daawwateera. Daarektarri olaanaa Inistiitiyuutichaa Dr. Warquu Gaachanaa jila kana simatanii hammattoolee hundagaleessa hubannoon namtolchee hojjeessaa jiru irratti ibsa taasisaniiru. Daawwannaan kun Itiyoophiyaa fi Jaappaan teeknooloojii hubannoo namtolchee misooma biyyaaf fayyadamuuf kutannoo qaban kan mul’isudha jedhaniiru. Jilli Jaayikaa milkaa’inoota inistiitiyuutichaa dinqisiifachuusaanii odeeffannoon Inistiitiyuuticharraa argame nimul’isa. Dhaabbileen lamaan daawwannaan cinaatti itti fayyadama afaan mandhalee, hubannoo namtolchee qonnaa fi inisheetiivota misooma ogummaa inistiitiyuutichaaf fayyadamuurratti dhimmoota waliin hojjechuun dand’amurratti mari’achuunsaanii eerameera. Ejensiin tumsaa idil addunyaa Jaappaan(Jaayikaa)n A.L.A bara bara 1993 irraa eegalee dhaabbilee misoomaa misoomaa Itiyoophiyaa fi tumsa idiladdunyaa irratti hojjechaa jira.
Woorkishooppiin tarsiimoo bulchiinsa galaanaa Afriikaa raggaasuuf qophaa’e jalqabame
Apr 1, 2025 204
Bitootessa 23/2017(TOI)- Woorkishooppiin walitti hidhata tumsa qaxanaa qabeenya galaanaa fi bishaan dhugaatii tarsiimoo bulchiinsa galaanaa Afriikaa raggaasuuf qophaa’e har’a Taanzaaniyaa Daareesalaamitti jalqabameera. Walgahicha gamtaa Afriikaa fi dhaabbata mootummaatti sagantaa eegumsa naannootu waliin qopheesse. Tarsiimoon bulchiinsa galaanaa Afriikaa tumsa biyyootaa fi damee kanarratti hojjetanii cimsuuf faayidaa qabeenya galaanaa fi bishaan dhugaatii irratti qabu ilaalchisuun mariin akka taasifamu odeeffannoon TOI, gamtaa Afriikaarraa argate nimul’isa. Woorkishooppiin kun raawwii hojmaataa A.L.A bara 2023 waliigaltee fayyadama egeree lubbu qabeeyyii galaanaa idil addunyaa (BBNJ Agreement) Ameerikaa Niwuyoorkitti mallatteeffame ajandaa marii kanaati. Biyyoonni Afriikaa ejjennoon waloo konfaransii galaanaa mootummoota gamtoomanii sadaffaa A.L.A Juun 2025 Faransaayi Niis adeemsifamurratti qabatanii dhihaatan akka ifoomsan odeeffannoon gamtichaa nimul’isa. Woorkishooppiin tarsiimoo bulchiinsa galaana Afriikaa raggaasuuf adeemsifamu amma Bitootessa 16 bara 2017tti nitura.
Eksipoon Teeknooloojii Idil Addunyaa 2025 Caamsaa dhufu Finfinneetti taa’ama
Mar 26, 2025 240
Bitootessa 17/2017 (TOI)- Eksipoon Teeknooloojii Idil Addunyaa Itiyoophiyaa 2025 Caamsaa 8 bara 2017 irraa eegalee guyyoota sadiif giddugala Konveenshinii Idil addunyaa Addisitti ni’adeemsifama. Eksipoon tumsa bulchiinsa nageenya neetwoorkii odeeffannoo fi Inistiitiyuutii hubannoo namtolcheen qophaa’u kun Baha Afriikaatti taatee Teeknooloojii isa guddaa ta’uun ibsameera. Eksipoo kana ilaalchisuun daarektarri olaantuu bulchiinsa nageenya neetwoorkii Tigist Hamiid fi daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii hubannoo namtolchee Injiinar Warquu Gaachanaa waliin ta’uun ibsa kennaniiru. Daarektarri olaantuu bulchiinsa nageenya neetwoorkii Tigist Hamiid akka jedhanitti, Eksipoon kun milkaa’inoota Itiyoophiyan cehumsa dijitaalaan galmeessifte addunyaaf beeksisuuf kan akeekamedha. Nageenyi Saayibarii, Hubannoon namtolchee, nageenyi faayinaansii, Smaart Siitii fi barumsi teeknooloojii qabxiilee xiyyeeffannoo Eksipoo kanaa ta’uu dubbataniiru. Eksipoo dameewwan xiyyeeffannoo shanan bakka tokkotti qabate waan ta’eef baha Afriikaatti taatee teeknooloojii guddicha ta’uu eeraniiru. Namoonni kuma 10 caalan Eksipoo kanarratti akka argaman ibsanii, kana cinaatti walgahiiwwan, Egzibiishiniin, Simpooziyeemii fi dorgommiiwwan akka taasifaman eeraniiru. Daarektarri olaanaa Inistiitiyuutii hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa Injiinar Warquu Gaachanaa gamasaaniin, Eksipoon kun Itiyoophiyaan teeknooloojiishee addunyaaf kan itti beeksiftu, akkasumas addunyaarraa kan itti barattu waltajjii Teeknooloojii ta’uu ibsaniiru. Kessumaa sektarri dhuunfaa bal’inaan akka hirmaatan gochuun dirreen muuxannoo itti waliif qoodan ni’uumama jedhan. Eksipoon kun imala dijitaalaayizeeshinii ajandaa gamtaa Afriikaa 2063 waliin kan walsime ta’uu ibsanii, dorgommiin hubannoo namtolchees akka taasifamu dubbataniiru.
Hojiileen carraa hojii uumuuf sektara dhuunfaa waliin hojjetaman cimanii itti nifufu-Ministira Mufarihaat Kaamil
Mar 25, 2025 220
Bitootessa 16/2017(TOI)- Hojiileen carraa hojii uumuuf sektara dhuunfaa waliin hojjetaman cimanii akka itti fufan Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kaamil ibsan. Ministeeri hojii fi ogummaa fi Hayibiriid diizaayin (Raayid) kalaqa, carraa hojii fi misooma ogummaan waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru. Walii galtichi namoota hedduuf carraa hojii kan uumuu fi waggoota shaniif akka turu beekameera. Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kaamil wayita kana akka jedhanitti, mootummaan carraa hojii uumuuf qooda fudhattoota dhimmi ilaalu waliin hojjechaa jira. Adeemsa Kanaan qoonni sektarri dhuunfaa qabu bakka bu’aa kan hinqabne waan ta’eef carra hojii uumuurratti hojiileen tumsaan hojjetaman akka jiran ibsan. Waliigalteen Haayibiriid Diizaayin waliin irra gahame damee teeknooloojiitiin dargaggoota, dubartootaa fo qaama miidhamtoota hedduuf carraa hojii uumuu akka danda’u eeraniiru. Hundeessituu fi hojii raawwachiiftuun Haayibiriid Diizaayin(Raayid) Saamiraawit Fiqruu gamasaaniin, dhaabbannisaanii sektara teeknooloojii geejjibaatiin namoota kuma dhibba ta’aniif carraa hojii uumaa akka jiru ibsaniiru. Waliigaltichi dameen tajaajila geejjiba teeknooloojii gumaacha carraa hojii uumuuf qabu guddisuuf kan akeekamedha jedhaniiru. Haala Kanaan Haayibiriid Diizaayin Raatyidiin ala pirojektoota biroo bocuun namoota hedduuf carraa hojii akka uumu eeraniiru.
Namoonni kuma 580 caalan leenjii koodarsii Itiyoophiyaanotaa miiliyoona shanii hordofaa jiru
Mar 25, 2025 201
Bitootessa 16/2017(TOI)-Sadarkaa biyyaalessaatti namoonni kuma 580 caalan leenjii koodarsii Itiyoophiyaanotaa miiliyoona shanii hordofaa akka jiran ministeerri Innoveeshinii fi Teeknooloojii beeksise. Kanneen leenjicha xumuran kuma 180 caalan waraqaa raga argachuusaanii ministeerichi beeksiseera. Sagantichi pirojektii tumsaa Itiyoophiyaa fi deeggarsa Emereetota Arana Gamtoomaniin kan gaggeeffamu ogummaa hojii dijitaalaa kan guddisudha. Pirojektichi yaadama “dhaloonni haabaratu,dhaloonni haa leenji’u, addunyaa waliin haa dorgomu” jedhuun namoonni beekumsa isaanii gabbifachuun sadarkaa idil addunyaatti dorgomaa fi ga’oomaa akka ta’an hojiirra oolaa jira. Sagantichi waggoota sadan dhufan dargaggoonni miiliyoona shan weeb pirogiraamiingii, Andirooyidii hojjechuu, saayinsii daataa fi hubannoo namtolchee irratti ogummaa dijitaalaa bu’uraa akka horatan nidandeessisa. Ministeera Innoveeshinii fi Teeknooloojiitti de’eetaan ministiraa damee Ayisiitii fi dinagdee dijitaalaa Dr. Yishuruun Alamaayyoo TOI’tti akka himanitti, sagantichi ogummaa dijitaalaa guddisuuf nidandeesisa. Namoonni kuma 580 caalan galmaa’anii leenji’aa yoo jiran kanneen keessaa kuma 180 kan ta’an leenjii xumuranii waraqaa raga argachuusaanii ibsaniiru. Raawwiin leenjii kun Finfinnee, Dirree Dawaa fi Hraritti fooyya’aa ta’uu eeraniiru. Sagantaa kana milkeessuuf naannoleen biroo xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru. Deeggarsi barbaachisu akka taasifamus dubbataniiru. Leenjichi hojii kalaqaa jajjabeessuuf kan gargaaru waan ta’eef dargaggoonni carraa kanatti fayyadamanii of ga’oomsuu akka qaban himaniiru.
Paartichi leenjii hojiiwwan Miidiyaa fi Komunikeeshinii bu’a qabeessa irratti xiyyeeffate magaalaa Walqixxeetti adeemsisaa jira
Mar 24, 2025 141
Bitootessa 15/2017(TOI)- Paartiin Badhaadhinaa mata duree “Miidiyaa fi Komunikeeshiniin bu’a qabeessi ijaarsa seenessa waloof” jedhuun magaalaa Walqixxeetti leenjii adeemsisaa jira Miseensi mana maree Paartii Badhaadhinaa fi ministirri hoogganaa damee ummataa fi hariiroo idil addunyaa Paartii Badhaadhinaa Dr. Biqilaa Hurrisaa, hoogganaan waajjira paartii badhaadhinaa damee naannoo jiddu galeessa Itiyoophiyaa Dr. Dillaamoo Otoree fi hooggantoonni olaanoo naannichaa biroon, leenicharratti argamaniiru. Leenjichi Sirna miidiyaa fi komunikeeshinii bu’a qabeesa diriirsuun qaqqabama odeeffannoorratti waliigaltee uumuuf kan dandeessisu ta’uun himameera. Komunikeeshinii waloo uumuun ummata misoomaaf kakaasuuf leenjichi qooda guddaa akka qabu eerameera.
Guyyoota kudhan dhufan bakkeewwan Arfaasaa qotan rooba xiqqaa amma guddaatti ni’argatu
Mar 21, 2025 117
Bitootessa 12/2017(TOI)- Guyyoota kudhan dhufan sululoonni Arfaasaan misooman rooba xiqqaa amma guddaatti ni’argatu jedhe Inistiitiyuutiin Miitiiworoolooji Itiyoophiyaa. Haalli kun dhangala’uu bishaan lafa keessaa waan dabaluuf baay’ina bidhaanii kuusaawwan garagaraa keessa galu akka dabalu akka taasisu ibseera. Gama biraan bakkeewwan lolaaf saaxilamoo ta’an irratti lolaa battalaa uumuu akka danda’u inistiitiyuutichi hubachiiseera. Bakkeewwan lolaaf saaxilamanirratti bo’oo lolaan keessa darbu qulqulleessuun rakkoo uumamuu danda’u ittisuuf gamanumaa hojiin qophii dursaa hojjetamuu akka qabu odeeffannoon Inistiitiyuutichi fuula marsariitii isaarratti base nimul’isa.
Hooggantoonni Ittisaa olaanoon Taanzaaniyaa bulchiinsa nageenya Neetwoorkii Infoormeeshinii daawwate
Mar 17, 2025 158
Bitootessa 08/2017 (TOI )- Hooggantoonni Ittisaa olaanoon Taanzaaniyaa bulchiinsa nageenya Neetwoorkii Infoormeeshinii daawwataniiru. Hooggantoonni kunneen jiddu gala misooma Taalentii dhaabbatichaa dabalatee oomishaa fi tajaajiloota odeeffannoo fi komunikeeshinii dandeettii ofiin hojjetaman ilaalaniiru. Daarektaarri olaantuu bulchiinsa nageenya neetwoorkii informeeshinii adde Tigist Hamiid dhaabbatichi itti gaafatama waliigalaa mootummaa fi ummataan kennameef sirriitii bahachuuf oomishootaa fi tajaajilootaa dandeettii ofiin hojjechaa jiran ilaalchisuun ibsa taasisuu isaanii odeeffannoon bulchiinsicharraa argame nimul’isa.
Baatii jahan darban mirgoonni kuma sadii galmaa’aniiru- abbaa taayitichaa
Mar 17, 2025 130
Bitootessa 08/2017(TOI)-Abbaan taayitaa qabeenya kalaqa sammuu baatii jahan bara bajataa 2017mirgoota kuma sadii galmeessuusaa ibse. Abbaan taayitichaa mirgoota koppii fi Kanaan walqabatan, Paatentoota(moodeloota tajaajilaa dabalatee), diizaayinoota Industiriif fi mallattoo daldalaaf eegumsa mirgaa nitaasisa. Daarektarri olaanaa abbaa taayitichaa Walduu Yimassil TOItti akka himanitti, abbaan taayitichaa umurii dheeraa akka qabu dubbataniiru. Waggoota kaneenitti hojii hedduu hojjetu illee amma barbaadamu akka hinturre dabalanii ibsaniiru. Fakkeenyaaf amma bara 2015tti waggaatti mirgoota hundaan galmee xiqooraawwachuusaa eeraniiru. Waggoota 20 darban Paatentii 500 galmeessuu isaa dubbatanii, kana fooyyessuuf sirna galmeessaa irratti fooyya’insa taasisuu isaa ibsaniiru. Haala Kanaan bara bajataa 2017 baatii jahatti mirgoota kuma sadii galmeessuu isaa dubbatanii, mirga koppii fi Kanaan walqabatan, Paatentii fi mallattoo daldalaa galmeessuu isaa dubbataniiru. Jalqabbiin amma jiru onnachiisaa ta’us sadarkaa barbaadamurra akka hingeenye ibsaniiru. Sababnisaas bu’aalee qu’annoo dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti taasifaman maxxansiisuun gamatti Paatentiin akka bahuuf waan hintaasifamneef ta’uu eeraniiru. Haala Kanaan qu’annoowwan dhaabbileen barnoota olaanoo taasisan maxxansiisuun alatti gara Paatentiitti akka ceesisan waamicha taasisaniiru.
Dirreen mijataa Yaadamoota Teeknooloojii fi Kalaqaa gabbisuuf dandeessisu
Mar 13, 2025 172
Bitootessa 04/2017(TOI)-Dirreen mijataa Yaadamoota Teeknooloojii fi Kalaqaa ijaarsa dinagdee dijitaalaaf shoora qaban gabbisuuf dandeessisu uumamuusaa ministeerri Innoveeshinii fi Teeknoloojii ibse. Dorgommiin Roobootiiksi Shaampiyoonshiippii Afriikaa 2025 Golambaa Saayinsiitti eegalameera. De’eetaan ministiraa Innoveeshinii fi Teeknooloojii Dr. Baayyisaa Badhaadhaa akka jedhanitti, bara kana teeknooloojiiwwan akka Roobootiiksii fi hubannoo namtolchee biyya keenyaaf baay’ee barbaachisu. Itiyoophiyaan guddina fulla’aa fi walirraa hincinne galmeessisuuf akkasumas dinagdee dijitaalaa walirraa hincinne ijaaruuf hojjechaa jirti jedhaniiru. Hammattoowwan seerraa garagaraa qopheessuun damee dijitaalaan dirree mijataa uumuuf hojjetamuusaa kaasanii, kun ammoo dandeettii fi beekumsa damee kanaa gabbisuu fi yaada kalaqaa gumaachuuf gargaaruusaa eeraniiru. Inisheetiiviin Koodaroota Itiyoophiyaanota miiliyona 5nii guddina dandeettii dijitaalaaf gumaacha taasisaa akka jiru eeraniiru. Dameen dhuunfaa guddina dijitaalaaf gumaachasaa akka taasisu dirreen mjataan uumamuusaa dubbataniiru. Dorgommiin Roobootiiksii hojiileen kalaqa jajjabeessan kan keessatti mul’atanii fi yaada maddisiisuu fi guddisuun akkasumas hojiirra oolchuun qabeenyii fi carraan hojii akka uumu eeraniiru. Hojii gaggeessaan jiddugaleessa Itiyoo Roobotiiksi obbo Senaakirem Mokonnon gamasaaniin, barattoonni dandeettii Pirogiraamingii, Diizaayinii, Maandisummaa fi dandeettii wal fakkaatan akka fooyyeffatan kan gargaarudha jedhaniiru. Dorgommiin kun guyyoota sadiif kan taasifamu yoo ta’u, barattoonno Itiyoophiyaa kan mootummaa, dhuunfaa fi manneen barnootaa idil addunyaa nihirmaatu.
Sabboonummaan bara kanaa dandeettii ofiin Itiyoophiyaa ijaaruudha-Ministira Mufariyaat Kaamil
Mar 10, 2025 185
Bitootessa 01/2017(TOI)-Sabboonummaa bara kanaatiin dandeettii keenyaan Itiyoophiyaa badhaate ijaaruun akka danda’amu ministirri hojii fi dandeettii Mufariyaat Kaamil ibsan. Waltajjiin maree “dandeettiin Itiyoophiyaa” boqonnaa lammaffaa dhaabbanni Pireessii Itiyoophiyaan mata duree “Itiyoophiyaan mo’achaa itti fufti” jedhuun qopheesse taa’amaa jira. Ministirri hojii fi dandeettii Mufariyaat Kaamil agarsiisa suuraa hojiilee Industitii, hojii uumuu fi dandeettii ka’umsa waltajjichaaf qophaa’e eebbisanii bananiiru. Wayituma kanatti dandeettii keenyaan Itiyoophiyaa Badhaate ijaaruu nidandeenya jedhaniiru. Waltajjiin dandeettiin Itiyoophiyaaf jedhu baatii Guraandhalaa abbootiin keenya yaadama gita bittaa itti mo’atanitti qophaa’uunsaa adda akka isa taasisu ibsaniiru. Dhaloonni har’aas onnee abbootii guutummaa biyyattiirraa gaara Adwaarratti walgahanii diina ittiin mo’atan sanaan ciminaan hojjechuun akka irraa eegamu hubachiisaniiru. Itiyoophiyaa Injifannoo bilisummaa abbootii keenyaan har’a geese beekumsaan guutamnee sabboonummaa bara kanaatiin Itiyoophiyaa Badhaate ijaaruu nidandeenya jedhaniiru.
Qaamoleen bara 2025 Itiyoophiyaan teek eksipoo irratti hirmaatan pirooppoozaalii akka galchan Inistiitiyuutichi waamicha taasise
Mar 8, 2025 180
Guraandhala 29/2017(TOI)- Qaamoleen bara 2025 Itiyoophiyaan teek eksipoo irratti hirmaatan pirooppoozaalii akka galchan Inistiitiyuutiin hubannoo namtolchee waamicha taasiseera. Eksipoo Itiyoophiyaan teek A.L.A Caamsaa 16 amma 18 bara 2025 jiddugala konvenshinii idil addunyaa Addisitti taa’amurratti qorattoonni, hayyoonnii fi qooda fudhattoonni damee kanaa pirooppoozaalii isaanii akka dhiheessan afeereera. Bara hubannoo namtolchee nageenya Saayibarii, nageenya saayibarii magalaawwn ammayyaa keessatti, shallaggii kuwaantam, Faayinteek irratti pirooppoozaalii isaanii akka dhiheessan waamicha taasiseera. Inistiitiyuutiin hubannoo namtolchee odeeffannoo fuula marsariitii isaarratti baaseen guyyaan xumuraa pirooppoozaaliin iitti galfamu A.L.Atti Ebla 20 akkasumas yeroon qabxiin itti beeksifamu Ebla 30 bara 2025 akka ta’e beeksiseera. #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI #Itiyoophiyaa
Yuunivarsiitiin Dambii Doolloo damee qorannoo fi Teeknooloojiin hojiilee biyyaaf fayyadan hojjechaa jira
Mar 7, 2025 168
Guraandhala 28/2017(TOI)- Yuunivarsiitiin Dambii Doolloo dhaloota beekumsaan guutame horachuun cinaatti damee qorannoo fi Teeknooloojiin hojiilee biyyaaf fayyadan hojjechaa akka jiru ibse. Yuunivarsiitichi hojii baruu fi barsiisuun cinaatti keessumaa qorannoo fi qu’annoo akkasumas ittigaafatama hawaasummaa bahaa akka jiru ibseera. Yuunivarsiitichi damee qonnaa, teeknooloojii Diroonii, Fayyaa fi dameelee biroon qorannoo adeemsisuun qoodasaa bahaa jira jedhan bakka bu’aan Pirezidaantii Yuunivarsiitichaa Dr. Reedaa Namoo. Soorata barattootaaf oolus ofiin ofdanda’uuf misooma qonna qindaa’aa irratti xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru eeraniiru. Teeknooloojii Dirooniin hojii bu’a qabeessa irratti akka argamu mirkaneessaniiru. Sanyii beelladaa fooyyessuu, kuduraa fi muduraa, Bunaa fi dameelee biroon qorannoo cimaa fi fulla’insa qabu gochaa jira jedhaniiru. Kanaaf hojii qorannoo adeemsisuun hojiilee ummataa fi biyya fayyadu hojjechuu kan itti fufu ta’uu mirkaneesaniiru. Akkaataa Kallattii Yuunivarsiitonni ofdanda’uutti akka cehan mootummaa kaa’een qophiin taasifamaa akka jiru ta’uus eeraniiru.
Itiyoophiyaa fi gamtaan Telekomunikeeshinii idil addunyaa hariiroo gama dijitaalaan qaban cimsuuf akka hojjetan ibsan
Mar 7, 2025 135
Guraandhala 28/2017(TOI)- Itiyoophiyaa fi gamtaan Telekomunikeeshinii idil addunyaa hariiroo gama dijitaalaan qaban cimsuuf akka hojjetan ibsan. Ministirri Innoveeshinii fi Teeknoloojii Dr. Ballaxaa Mollaa gamtaa Telekomunikeeshinii Idil addunyaatti daarektra qaxanaa Afriikaa Dr. Imaanu’eel Minaasee waajjira isaaniitti simatanii mari’ataniiru. Mariin taasisan hojiirra oolmaa tarsiimoo dijitaal tiraanisfoormeeshinii irratti tumsaan hojjechuun haala danda’amurratti kan xiyyeeffatedha. Itiyoophiyaan ijaarsa dinagdee dijitaalaa irratti xiyyeeffannoo addaa kennuun qaama tumsitootaa waliin hojjechaa jirti jedhan Ministirri Innoveeshinii fi Teeknoloojii Dr. Ballaxaa Mollaan. Guddinni dinagdee Itiyoophiyaa akka guddatuu fi dijitaal tiraanisfoormeeshinii dhugoomsuun murteessaadha kan jedhan ministirichi, dinagdee dijitaalaa irratti tumsaan hojjechuun fayyadama dijitaal teeknooloojii fi abbummaa mirkaneessuuf akka dandeessisu himaniiru. Itiyoophiyaan damee dijitaalaan hojii hundagaleessa raawwachaa akka jirtu ibsan ministirichi. Sadarkaa infoormeeshinii fi komunikeeshinii karaa gamtaa Telekoomii idil addunyaa(ITU) bahan haqa qabeessaa fi hojiiwwan biyyoonni hojjetan kan wayitaawaa ilaalcha keessa kan galchan ta’uu akka qaban dubbataniiru. Gamtaa telekomunikeeshinii idil addunyaa(ITU)tti daarektarri qaxanaa Afriikaa Dr. Imaanu’eel Minaasee galmi Itiyoophiyaan damee dijitaalaan qabatte akka milkaa’u dhaabbanni isaanii tumsaan akka hojjetu himaniiru. Gamtaan isaanii hojiilee hojiirra oolmaa dijitaal Tiraanisfoormeeshinii Itiyoophiyaa cimsuuf fedhii akka qaban dubbataniiru. Fuulduras odeeffannoowwan Itiyoophiyaa ilaalchisuun bahan ilaalchisee Itiyoophiyaa waliin akka hojjetu ibsuu isaanii odeeffannoon ministeericharraa argame nimul’isa.