Hojiiwwan riifoormii damee baankii lakkoofsa fayyadamtoota dijitaala baankiingii dabaleera

Sadaasa10/2015(TOI) Hojiiwwan riifoormii damee baankii irratti raawwatan lakkoofsi fayyadamtoota dijitaal baankiingii akka dabalu gochuusaa baankiin biyyaalessaa Itiyoophiyaa beeksise.

Baankiin biyyaalessaa Caamsaa 11 bara 2012 irraa kaasee birriin callaan baankotarraa baasii taasifamu irratti qajeelfama daangessu baasuunsaa ni yaadatama.

Haala kanaan sadarkaa dhuunfaatti guyyaatti amma birrii kuma 200, baatii tokkotti ammoo amma birrii miiliyoon 1tti, sadarkaa kaampaaniitii guyyaatti amma birrii kuma 300tti, baatii tokkotti amma birrii miiliyoona 2 tuqaa 5tti qofa baasuun akka danda’amu ibsamuunis niyaadatama.

Kana malees kafaltii raawwachuun kan danda’amu akkaawuntiirraa gara akkaawuntiitti, cheekii fi CPOn akkasumas karaa elektirooniiksii qofa akka ta’e ni beekama.

Baankonnis baay’ina maallaqaa eyyamamee ol yoo kafalan adabbii garaagarummaa dhibbantaa 25 akka kafalan qajeelfamni baankiin biyyaalessaa baase ni agarsiisa.

Qajeelfamni birrii calla baankiirraa ba’u irratti dhorkaa taasisu yakka ittisuu fi maallaqa seeraan ala socho’u hir’isuuf akkasumas cehumsa dijitaalaa idil addunyaa milkeessuuf kan kaayyeffatedha.

Kana malees sirna faayinaansiirratti iftoomaa fi bu'a qabeessummaa diriirsuu, fayyadamummaa dinagdee dubartootaa gama mirkaneessuutiin, guddina faayinaansii hunda galeessagama fiduutiin faayidaalee hedduu ni argamsiisa jedhamee aamanameera.

Bulchaan itti aanaa supparviijinii dhaabbilee faayinaansii baankii biyyaalessaa ob. Salamoon Dastaa TOIf akka ibsanitti, hojiiwwan fooyyessa dame baankii irratti taasifaman keessaa dhaangeffamni maallaqa calla ni eerama.

Tarkaanfii fooyyessaa fudhatameenis ga’een maallaqa calla qabbanaa’aa akka dhufu akkasumas maallaqni sharafa alaa hedduun itti ba’ee maxxanfamu miidhaan akka irra hin geenye gargaareera jedhaniiru.

Hawaasni gara sirna dijitaal baankiingiitti akka galu qajeelfamni kun gumaacha olaanaa akka taasise ibsaniiru.

Tarkaanfii kanaan maallaqni karaa moobaayil baankiingii kan socho’u yoo ta’u, lakkoofsi fayyadamtoota moobaayil baankiingii miiliyoona 52 qaqqabeera jedhaniiru.

Wayita ammaa filmaanni dijitaal baankiingii hedduun akka jiran ob Salamoon eeranii, kanneenis itti fayyadama dijitaal baankiingii hawaasaa gama guddisuutiin faayidaalee hedduu argamsiisaniiru jedhan.

Kunis fayyadamaan baankii tuttuqaa maallaqa calla waliin qabu hir’isuusaa dubbataniiru.

Jijjiirraa maallaqaan walqabatee maamiltoonni hedduun gara baankii dhufuusaanii ibsanii, yeroo ammaa erragni baankii miiliyoona 100 ol jiraachuusaa dubbataniiru.

Akkasumas baay’inni maallaqni baankonni qaban kan taa’u tiriiliyoona 1 tuqaa 84 qaqqabuusaa ob. Salamoon dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015