Itoophiyaanonni biyya alaa jiraatan deeggarsa biyya isaaniif taasisaa jiran cimsanii itti fufuu qabu. - ENA Afaan Oromoo
Itoophiyaanonni biyya alaa jiraatan deeggarsa biyya isaaniif taasisaa jiran cimsanii itti fufuu qabu.

Guraandhala 07/2015(TOI) - Itoophiyaanonni biyya alaa jiraatan deeggarsa biyya isaaniif taasisaa jiran cimsanii itti fufuu akka qaban Gareen Diyaaspooraa Itoophiyaa hojii gochaan muli'isuurratti xiyyeeffate beeksise.
Gareen kun meeshaalee yaalaa fayyaaf oolaan kan gatiin isaanii Doolaara Ameerikaa miiliyoona 8.2tti tilmaamamu gara biyyaatti galchaa jiraachuu beeksiseera.
Daarektarri Boordii Garichaa obbo Alamaayyoo Ababeefi barreessaan olaanaa Boordii Garichaa Amsaalee Gasasee waa’ee hirmaannaa lammiileen Itoophiyaa biyya alaa jiraatan dhimma biyya isaanii irratti gochuu qaban irratti TOI waliin turtii taasisaniiru.
Turtii isaanii kanaanis waamichaa Ministirri Muummee Itoophiyaa Diyaaspooraa Miliyoona tokkoof taasisaan keessaatti garichii hirmaanna guddaa taasisaa turuu himaniiru.
Yeroo Itoophiyaan waraana keessa turtetti meeshaalee yaalaa fayyaa dabalatee deeggarsa adda addaa taasisaa akka turan eeraniiru.Obbo Alamaayyoo Ababee akka jedhanitti, Waldaan kun erga hundaa'ee yeroo gabaabaa ta'us yeroo gabaabaa kana keessatti lammiilee Itoophiyaa biyya alaa jiraatan qindeessuun deeggarsa bal’aa akka taasisaan taasisuu ibsaniiru.
Yeroo dhihoottis meeshaalee yaalaa fayyaa gatiin isaanii Doolaara Ameerikaa miiliyoona 8.2tti tilmaamamu gara biyyaatti fiduuf akka jiran beeksisaniiru.

Barreessituun olaantuu garichaa aadde Amsaalee Gasasee gama isaaniin akka jedhanitti gareen isaanii dubartoota sababa waraanaan miidhamaniif deeggarsa gosaafi maallaqaa taasisaa turuus himaniiru.
Deeggarsa Doolaara Ameerikaa kuma 100 walitti qabuun lammiilee naannoo adda addaa irraa buqqa’anii buufata dahannnaa keessaa jiraniifis deeggarsa taasisuuf qophiirra kan jiran ta'uu himaniiru.
Bara 2022 lammiileen Naayijeeriyaa biyya alaa jiraatan Doolaara Ameerikaa biiliyoona 17.6 gara biyya isaaniitti erguun Afrikaa keessatti lammilee biyya alaa jiraatan keessa adda duree ta'uu himaniiru.
Lammiileen Itoophiyaa biyya alaa jiraatan lammiilee Naayijeeriyaa irraa barumsa fudhatanii biyya isaanii akka deeggaran waamicha dhiyeessaniiru.
Garichi ijaarsa manneen barnootaa fi bu’uuraalee misoomaaf deeggarsa taasisuu kan itti fufu ta'uu himaniiru.
Gareen kun maallaqa lammiilee Itoophiyaa irraa argateen deeggarsa gosaafi maallaqaan hojjechaa akka jiru hubachiisaniiru. Gara fuulduraattis deeggarsa isaanii akka cimsan gaafataniiru.
Mootummaan dhaabbilee diyaaspooraa fi miseensota diyaaspooraa biyya isaaniif gumaacha godhaniif beekamtii kennuun hojii dabalataaf akka kakaasu eeraniiru