ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Magaalichatti Hojii Hojjetameen Milkaa’ina argamani itti fufsiisuuf xiyyeeffannoon ni hojjetam–Kantiibaa Adaanech Abeebee
Apr 28, 2025 63
Ebla 20/2017(TOI)- Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Hojii Hojjetameen Milkaa’ina argamani itti fufsiisuuf xiyyeeffannoon akka hojjetamu Kantiibaan Adaanech Abeebee ibsan. Bulchiinsi magaala Finfinnee gamaggama hojii baatii sagali gaggeessuu eegaleera. Kantiibaan Magaala Finfinnee Adaanech Abeebee Magaalichatti hojiin fayyadamummaa hawaasa mirkaneessu raawwatamuu ibsuun, ciminoota jiran itti fufsiisuuf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru. Gamaggama raawwii baatii ja’aa irratti dhimmoota komii hawaasaa ta’an adda baasuun furamuusaanii kan qoratan ta’uus eeraniiru. Akkasumas, karoora baatiwwan sadan hafanitti, karaa guutuu ta’een haala galma ga’u irratti walii galteerra akka gahamu ibsaniiru. Gabaasa raawwii hojii baatii sagalii kan dhiheessan Itti Gaafatamaan Biiroo karooraa fi misoomaa Magaalichaa Adam Nuur, raawwiin hojii baatiiwwan saglan darbanii dhibbentaa 93 tuqaa3 ta’uu dubbataniiru. Kanaanis dhaabbileen 29 tajaajiloota 347 teekinooloojiin deeggaramuun akka kennaman taassisuu ibsuun, carraa hojii ilaalchisee, lammiilee kuma 259 fi 710 carran hojii dhaabbiin uumamuu ibsaniiru. Dabalataanis baatiiwwan saglan darbanitti, galiin birrii biliyoona 160 tuqaa 91 sassaabamuu ibsaniiru. Tuuristoonni biyya keessaa miiliyeena 9 tuqaa 3 bakkeewwan hawwata tuuristii fi hambaawwan Magaalichaa daawwachuu isaanii dubbataniiru. Nageenya Magaalichaa Amansiisa gochuuf hojii qindoominaanhojjetamanii bu’aa qabeessa ta’uu ibsuun, hojiin misooma ittifufinsa qabu kan mirkaneessan, maqaa garii biyyaa kan jijjiranii hojetamuu dubbataniiru. Hojiin tajaajila foddaa/ giddugala/ tokkon kennamu itti quufinsa hawaasaa kan guddisan ta’uu kaasuun, hojiiwwan nama irratti xiyyeefatanii hojjetamanis, aadaa waliif qooduu akka dagaagu ta’uu danda’uu ibsaniiru. Waltajjiin gamaggamichaa guyya lamaaf kan turu yoo ta’u, kallattiiwwan fuulduraa ni kaa’amu jedhamee eegama.
Jiraattonni bulchiinsichaa gumaacha yakka dursuun qolchuuf gumaachaa jiran cimsuu qabu-Kantiibaa Kadir Juhaar
Apr 28, 2025 37
Ebla 20/2017(TOI)-Jiraattonni bulchiinsichaa gumaacha yakka dursuun qolchuuf gumaachaa jiran cimsuun akka ittifufan Kantiibaa bulchiinsichaa Kadir Juhaar hubachiisan. Qaamolee waggaa afran darbaniif hojii raawwachiisaa tajaajila poolisii hawaasaa ta’uun tajaajilaniif kantiibaa Kadir Juhaar fi ajajaan olaanaa qajeelcha poolisii Dirree Dawaa Komishinar Alamuu Magraa bakka argamanitti beekamtii fi badhaasni kennameera. Kantiibaa Kadir Juhaar wayita kana akka jedhanitti, jiraattonni bulchiinsichaa qaamolee nageenyaa fi haqaan walta’uun gumaachi yakka dursanii qolchuuf jjjabeessaa ta’uu eeraniiru. Ajajaan olaanaa qajeelcha waliigalaa poolisii bulchiinsichaa Komishinar Alamuu Magraa gamasaaniin, manni marichaa yakki magaalattiitti akka hinbabal’anne hojiin qindoominaa hojjetamuu ibsaniiru. Hojii raawwachiiftonni fi miseensonni mana marichaa waldhabdeewwan uumamaa turan nageenyaan akka goolabaman gochuu fi yakka dursuun qolachuuf hojii bu’a qabeessa hojjechuusaanii yaadachiisaniiru. Qaamoleen beekamtii fi badhaafni kennameefii gaggeeffaman kabaja kennameefiif galateeffatanii fuulduras waan irraa eegamu akka bahan himaniiru.
Hojiin tjaajilli Oduu Itiyoophiyaa ittigaafatamummaa biyyaa bahuuf hojjechaa jiru dinqisiisaadha-koree dhaabbataa dhimmoota demokiraasii
Apr 28, 2025 43
Ebla 20/2017(TOI)- Hojiin tjaajilli Oduu Itiyoophiyaa (TOI)n ittigaafatamummaa biyyaa bahuuf hojjechaa jiru dinqisiisaa ta’uu mana maree bakka bu’oota ummataatti koreen dhaabbataa dhimmoota demokiraasii beeksise. Miseensonni koree dhaabbatichaa hojiilee riifoormii TOI’n itti jiru ilaalaniiru. TOI’n filmaattota qaqqabamaa dijitaalaan Itiyoophiyaarra darbee sagalee Afriikaa ta’uuf hojii jalqabe ilaalchisuun koree dhaabbatichaaf ibsameera. Itti aanaan walitti qabaa koree dhaabbatichaa Azmarawu Andam, seeronni mana marichaan bahan sirriitti yoo hojiirra oolan bu’aa qabatamaa fiduun akka danda’amu TOI’n agarsiiftuudha jedhan. Seeronni, danbiiwwanii fi qajeelfamoonni amala miidiyaalee hubannoo keessa galchan sirnaan yoo hojeeffaman jijjiirama akka fidan qajeelfama hojjettoota TOI agarsiiftuu taasifataniiru. Biyyi Miidiyaa cimaa hinqabne dhageettii hinargatu kan jedhan obbo Azmaraawu, haala Kanaan miidiyaa ofirra darbee kanneen biroof laallee ta’u ijaaruun nibarbaachisa jedhaniiru. TOI’n rakkoolee keessa ture furuun ittigaafatama biyyaa kennameef bahuuf kutannoon agarsiise dinqisiisaadha jedhan. Milkaa’ina kanaaf hooggantootaa fi hojjettoota dhaabbatichaa galateeffataniiru. Miseensi koree dhaabbatichaa Abunii Alam, TOI’n biyyarra darbee faayidaa Afriikaa kabachiisuuf odeeffannoon dabarsaa jiru dinqisiisaa ta’uu ibsaniiru. TOI’n teeknooloojii fi humna namaan deeggaramuun odeeffannoo hatattamaa fi qulqulluu dabarsuun ergamasaa bahaa jira kan jedhan ammoo miseensa koree dhaabbataa Mardiyaa Amaanidha. Hojii raawwachiisaan olaanaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa Obbo Seeyifee Darribee gamasaaniin, TOI’n waliigaltee biyyaalessaa uumuuf, maqaa gaarii biyyatti beeksisuu fi sagalee Afriikaa akka ta’u ergama kennameef bahachaa akka jiru dubbataniiru. Hammattoo seeraa manni marichaa baase TOI’n ergamasaa sirnaan akka bahatu taasisuusaa eeranii galateeffataniiru.
Masaraa Dajjaach Kumsaa Morodaa haaromsuu fi misoomsuuf waliigalteen mallatteeffame
Apr 28, 2025 38
Ebla 20/2017 (TOI)-Masaraa Dajjaach Kumsaa Morodaa haaromsuu fi misoomsuuf abbaan taayitaa hambaa Itiyoophiyaa Kontiraaktara ‘BYMT’ waliinwaliigalteen mallatteeffameera. Daarektarri olaanaa abbaa taayitichaa gargaaraa piroofeesaraa Ababaawu Ayyaalewu wayita kana akka jedhanitti, masaraa umurii dheeraa qabuu fi seensa qabeessi kun waggaa dheeraaf osoo hin haaromfamiin fi tuurizimiif osoo hinooliin tureera. Hambaan kun Hambaalee bakkeewwan senaa Itiyoophiyaa duriin walqabatan bakka tuurizimii gochuuf qabaman keessaa tokko ta’uu eeraniiru. Suphaa kana raawwachuuf waggaan lama akka qabameef ibsameera. Itti aantuun daarektara olaanaa abbaa taayitichaa adde Hiywoot Hayiluu gamasaaniin suphaan masarichaa fi mooraa isaa yeroo qabameefitti xumuramee Itiyoophiyaaf bakka turizimii dabalataa akka ta’u ibsaniiru. Hojii gaggeessaan olaanaa ‘BYM’ tiiwaanaa obbo Bazzaabih Mallasaa masaraa seena qabeessa kana yeroo barbaadametti qulqullinaan xumuruuf akka hojjetamu dubbataniiru. Dajjaach Kumsaa Morodaa Bakaree bara 1881 irraa eegalee amma bara 1916tti Wallagga duraanii bulchaa akka turan odeeffannoowwan ni’agarsiisu. Masaraan Kumsaa Morodaa Finfinneerraa gara Lixaatti Kiiloo meetira 319 irratti magaalaa Naqamteetti argama. Mootiin kun masaraa isaanii kan hundeessan bara 1830 yoo ta’u bal’inni masaraa kanaa lafa heektaar 2 tuqaa 5 irra akka ta’e odeeffannoon abbaa taayiticha nimul’isa.
Biirichi teekinoloojii fi kalaqa jajjabeessuu fi dhaabbilee pooliitekinikaa deggeruun gahoomsuuf hojjetaa jira
Apr 28, 2025 30
Bitootessa 20/2017(TOI)-Biiroon Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaas teekinoloojii fi kalaqa jajjabeessuu fi dhaabbilee pooliitekinikaaf deggarsaa fi hordoffii taasisuun gahoomsuuf hojjetaa jira. Waldorgommii fi agarsiifni ogummaa, teeknoloojii, yaadama biizinesii fi qorannoo gochaa marsaa 6ffaa sadarkaa naannoo magaalaa Adaamaatti geggeeffamaa jira Sagantaan kun qindeessummaa Biiroo Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaatiin geggeeffamaa jiraachuun beekameera. Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhaloota kalaqaa fi ogummaan gahoomsuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuun himameera. Haala Kanaan hojiileen waldaalee IMX fi dhaabbilee Poolitekinikaan hojjetaman bu'a qabeessa ta'an jiraachuun ibsameera. Waldorgommii fi agarsiifni kunis guyyoota afuriif kan turu ta’uu odeffannoon biiroo komunikeeshinii Oromiyaarraa argame nimul’isa.
Siyaasa

Itiyoophiyaa fi Ruusiyaa tums agama aadaa, aartii fi Ispoortiin qaban nicimsu
Apr 28, 2025 45
Ebla 20/2017 TOI)-Ministirri Aadaa fi Ispoortii Shawiit Shaankaa Itiyoophiyaatti ambaasaaddara Ruusiyaa Iivgeenii Tarakhiin waliin waajjirasaaniitti mari’ataniiru. Tumsa damee aadaa, Aartii fi Ispoortii biyyoota lamaanii cimsuun haala danda’amurratti mari’ataniiru. Aadaa fi seenaa heddumminaa Itiyoophiyaan qabdurraa ka’uun gama Kanaan Ruusiyaa waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uun kaafameera. Tiyoophiyaa qabeenyashee aadaa fi aartii biyyoota miseensa BRICS’f beeksisuun akkasumas mootummaan Ruusiyaa walitti dhufeenya ummattoota biyyoota lamaanii cimsuuf hojii hojjechaa jirtu deeggaruun tumsaan akka hojjetu ibsameera. Qaamni lamaan gara fuula duraa waliigaltee mallatteessuun hariiroo dippilomaasii biyyoota lamaanii cimsuuf waliigaluusaanii odeeffannoon ministeera aadaa fi Ispoortii nimul’isa.
Magaalichatti hojiiwwan Misoomaa uummaticha fayyadamaa taassisan hojjetamaniiru- kantiibaa Adaanech Abeebee
Apr 28, 2025 48
Ebla 20/2017(TOI)–Magaalichatti hojiin misoomaa kallattii hundaan uummaticha fayyadamaa taasisan karaa milkaa’ina qabuun hojjetamuu isaa Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ibsan. Bulchiinsi Magaala Finfinnee raawwii hojii baatii sagalii gamaggamuu eegalee jira. Magaalichatti hojiiwwan kallattii hundaan uummaticha fayyadamaa taasisan milkaa’inaan hojjetamuu isaa saganticha irratti eerameera. Kantiiba Adaanech Abeebee haasaa baninsaa taassisaniin, baatiiwwan saglan darbanitti, hojiiwwan milkaa’oo sakatta’uun ciminoota turan itti fufsiisuuf nigamaaggamama jedhaniiru. Gamaggama raawwii hojii baatii ja’aa irratti adda bahanii dub-deebii kennamanii fi kallattiiwwan kaa’aman irratti hundaa’uun madda komii uummataa kan ta’an hanqinoota jiran adda baasuun gad-fageenyan akka gamaggamaman ibsaniiru. Waltajicha irratti baatiiwwan sadan hafanitti karoora keenya karaa guutuu ta’een milkeessuu kan dandeessisu irratti walii galteerra akka gahan ibsaniiru. Kanaanis Magaalichatti Baatiiwan Saglan darbanitti, hojiiwwan raawwataman, bu’a qabeessa ta’uu ibsuun kunis jabaatee itti fufa jedhaniiru. Raawwii karoora baatii sagalii kan dhiheessan Itti gaafatamaan Biiroo Karooraa fi Misoomaa Magaalichaa Adam Nuurii, raawwiin walii galaa dhibbentaa 93 tuqaa 3 ta’uu dubbataniiru. Kenna Tajaajila Ammayyeesuu teekinooloojiin hojjechuu fi haala mijataa naannoo hojii uumuuf hojiin bu’aa qabeessi hojjetamuu ibsaniiru.
Qorannoon raawwii karoora baatii sagalii bulchiinsa magaalaa keenyaa qorachuu eegalame
Apr 28, 2025 42
Ebla 20/2017(TOI)- Qorannoon raawwii karoora baatii sagalii bulchiinsa magaalaa keenyaa qorachuu eegalameera. Kantiibaa Adaanech Abeebee ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti dabarsaniin, qorannoon raawwii hojii baatii sagalii bulchiinsa magaalaa Finfinnee eegalameera jedhan. Qorannoo Kanaan hojiiwwan baatii sagal darban itti milkoofne sakatta’uun cimina itti fufsiisuuf qorannoo gadifagoo nigoona jedhaniiru. ,Hojiiwwan karoorfamanii hinraawwatamnee fi qorannoo baatii jahaa wayita adeemsifnetti akkaataa dub-deebii kenninee fi kallattii keenyeen akkaataa hanqinoota madda komii ummataa furuun danda’amu gadi fageenyaan jechuun ibsaniiru. Dabalataanis dandeettii hooggansi rakkoo furuuf qabu, hanqina dhaabbata inni gaggeessuu adda baasuun ammam fooyyessuu akka danda’ee fi jijjiiramoota hanqinoota dursuun adda baasuun hatattamaan furuurratti dhufan waltajjii Kanaan niqoratamu jedhaniiru. Waltajjii qorannoo Kanaan baatii sadan hafanitti karoora keenya guutummaatti milkeessuuf waliigalteerra nigeenya jedhan kantiibaa Adaanech ergaa dabarsaniin. Hanqunoota adda baafne sirreessuun akkaataa waadaa ummata keenyaaf galleen tajaajiluuf caalaatti kan qophoofnu ta’a jechuun eeraniiru.
Riifoormichi dhaabbata nageenyaa ofdanda’aa fi yeroon gaafatu ijaaruu keessatti bu’aa gaarii argamsiisaa jira-obbo Ordiin Badrii
Apr 26, 2025 220
Ebla 18/2017 (TOI)- Riifoormichi dhaabbata nageenyaa ofdanda’aa fi yeroon gaafatu ijaaruu keessatti bu’aa gaarii argamsiisaa akka jiru bulchaan naannoo Hararii obbo Ordiin Badrii beeksisan. Bulchaan naannichaa obbo Ordiin Badrii dhaabbileen nageenyaa naannoo Harariitti argaman ayyaana hundeeffama poolisii waggaa 116ffaa ilaalchisee duula qulqullinaa fi kunuunsa bakkeewwan magariisaa magaalichatti taasisuusaanii ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti barreessanii ibsaniiru. Hojiin ijaarsa dhaabbilee qaama riifoormii keessaa tokko ta’e dhaabbata nageenyaa ofdanda’aa, yeroon gaafatuu fi gama ijaaruutiin bu’aa gaarii fidaa jira jedhaniiru. Keessumaa poolisiin naannihaa rakkoolee addaddaa keessa ture jalaa bahee hojii nageenyaa fi seera kabachisuu jalaa bahee hojii nageenyaa gahumsaan raawwacguu bira darbee hojii misoomaa akkasiirratti hirmaachuunsaa raayyaa ummataa ta’uusaa agarsiisa jedhaniiru. Fuulduras hojii ijaarsa dhaabbilee cimsuuf deeggarsa barbaachisu akka taasisu ibsanii gaggeessitootaa fi miseensota hojii misoomaa har’aarratti hirmaatan galateeffataniiru.
Itiyoophiyaan Mallattoo Birmadummaa Afriikaati-Letenaal Jeneraal Mahammed Baared
Apr 26, 2025 173
Ebla 18/2017(TOI)-Itiyoophiyaan Mallattoo Birmadummaa Afriikaati jedhan Inspeektar Jeneraala fi Rooyaal Moorookoo fi Ajajaan humna Waraanaa godina kibbaa Kibbaa letenal Jeneral Mahaammad Baared ibsan. Itiyoophiyaa Deeggarsa Nagaa fi tas-gabbii Afriikaatiif taassisaa jirtuuf dinqisiifataniiru. Jilli Raayyaa Morokoo Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaatti, de’etaa Ministira faayinaansii aadde Maartaa Luwiji waliin marii gaggeessaniiru. Ministirri Raayyaa ittisa biyyaa Injiinar Ayishaa Mahaammadiin bakka bu’uun marii kan gaggeessan de’eetaan ministiraa Maartaa Luwiji Itiyoophiyaan dhimma waliinii irratti deeggarsa Raayyaan hojjechuu fi Raayyaa ittisa biyyaa jabaa ijaaruuf qophii ta’uu ibsaniiru. Deeggarsichi, wal kabajuu fi fedhii waliinii irratti kan bu’uureffate ta’uu akka qabu ibsaniiru. Inspeektariin Jeneraala fi Ajajaan Zoonii Kibba Humna Waraanaa Morokoo royal Letenaal Jeneraal Mahaammad Baared gama isaaniin, Itiyoophiyyaan mallattoo Birmaduu Afriikaati jedhaniiru. Deeggarsa loltuu nagaa fi tas-gabbii ardii Afriikaatiif gochaa jirtu dinqisiifataniiru. Deeggarsi Loltuu nagaa fi tas-gabbii Afriikaatiif shoora guddaa akka qabu ibsaniiru. Jilli garee Morokoo Itiyoophiyaa fi Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaatiif kabaja guddaa qabaachuu ibsaniiru. Mariisaaniin, dhimmoota Loltuu, biyyaa fi Ardii irratti xiyyeeffannoo nageenyaa irratti waliin hojjechuuf kutannoo qabaachuu isaaniii hoggantoonni biyyoota lamaanii ibsaniiru. Maricha irratti Daarektarri Olaanaan Hariiroo Alaa Raayyaa itti biyyaa fi tumsa Loltuu Mejer Jeneraal Tashoomaa Gammachuu dabalatee hoggantoonni olaanoon argamuu Odeeffannoon Raayyaa Ittisa Biyaa irratii arganne mul’isa.
Magaalattii keessatti nagaa eeguu fi yakka ittisuuf tarkaanfiiwwan bu’a qabeessi fudhatamaniiru
Apr 26, 2025 166
Ebla 18/2017(TOI)- Magaalattii keessatti nagaa eeguu fi yakka ittisuuf tarkaanfiiwwan bu’a qabeessa ta’an fudhatamuu Biiroon bulchiinsa nagaa fi tasgabbii Finfinnee beeksise. Biirichi abbaa taayitaa dambii raawwachiisaa Finfinnee waliin ta’uun raawwii karoora baatii sagalii bara bajataa 2017 qorachaa jira. Hooggantuun biirichaa Liidiyaa Girmaa wayita kana bara bajatichaa hawaasa hirmaachisuun yakka ittisuuf akkasumas nagaa fi tasgabbii mirkaneessuuf hojjetameera. Hawaasni nagaa mirkaneessuuf hojii hojjechaa jiru akka cimsu konfaransoonni nagaa hedduun taa’amuu yaadachiisanii, bu’aan qabatamaan argamuus dubbataniiru. Raayyaa nageenyaan walqabatee bara bajatichaa miseensota haaraa hedduu fo’achuun fi leenjisuun bobbaafamuu ibsaniiru. Hojii hojjatameen baatii sagal darban yakki hir’achuu fi nageenyi itti fufuun danda’ameera jedhan. Kanneen sababa malee gatii dabaluun qaala’insa jireenyaa uumanirrattis tarkaanfiin fudhatamuu ibsaniiru. Dambii kabachiisuuf jecha daldala daandiirraa akkasumas misooma kooriidariin walqabatee qaamoleen danbii cabsan adabamuu kaasaniiru. Abbaan taayitaa dambii kabachiisu Lafa weeraruu fi ijarsa seeraan alaa to’achuun hojii milkaa’aa hojjechuu eeraniiru.

Hawaasummaa
Hojiin tjaajilli Oduu Itiyoophiyaa ittigaafatamummaa biyyaa bahuuf hojjechaa jiru dinqisiisaadha-koree dhaabbataa dhimmoota demokiraasii
Apr 28, 2025 43
Ebla 20/2017(TOI)- Hojiin tjaajilli Oduu Itiyoophiyaa (TOI)n ittigaafatamummaa biyyaa bahuuf hojjechaa jiru dinqisiisaa ta’uu mana maree bakka bu’oota ummataatti koreen dhaabbataa dhimmoota demokiraasii beeksise. Miseensonni koree dhaabbatichaa hojiilee riifoormii TOI’n itti jiru ilaalaniiru. TOI’n filmaattota qaqqabamaa dijitaalaan Itiyoophiyaarra darbee sagalee Afriikaa ta’uuf hojii jalqabe ilaalchisuun koree dhaabbatichaaf ibsameera. Itti aanaan walitti qabaa koree dhaabbatichaa Azmarawu Andam, seeronni mana marichaan bahan sirriitti yoo hojiirra oolan bu’aa qabatamaa fiduun akka danda’amu TOI’n agarsiiftuudha jedhan. Seeronni, danbiiwwanii fi qajeelfamoonni amala miidiyaalee hubannoo keessa galchan sirnaan yoo hojeeffaman jijjiirama akka fidan qajeelfama hojjettoota TOI agarsiiftuu taasifataniiru. Biyyi Miidiyaa cimaa hinqabne dhageettii hinargatu kan jedhan obbo Azmaraawu, haala Kanaan miidiyaa ofirra darbee kanneen biroof laallee ta’u ijaaruun nibarbaachisa jedhaniiru. TOI’n rakkoolee keessa ture furuun ittigaafatama biyyaa kennameef bahuuf kutannoon agarsiise dinqisiisaadha jedhan. Milkaa’ina kanaaf hooggantootaa fi hojjettoota dhaabbatichaa galateeffataniiru. Miseensi koree dhaabbatichaa Abunii Alam, TOI’n biyyarra darbee faayidaa Afriikaa kabachiisuuf odeeffannoon dabarsaa jiru dinqisiisaa ta’uu ibsaniiru. TOI’n teeknooloojii fi humna namaan deeggaramuun odeeffannoo hatattamaa fi qulqulluu dabarsuun ergamasaa bahaa jira kan jedhan ammoo miseensa koree dhaabbataa Mardiyaa Amaanidha. Hojii raawwachiisaan olaanaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa Obbo Seeyifee Darribee gamasaaniin, TOI’n waliigaltee biyyaalessaa uumuuf, maqaa gaarii biyyatti beeksisuu fi sagalee Afriikaa akka ta’u ergama kennameef bahachaa akka jiru dubbataniiru. Hammattoo seeraa manni marichaa baase TOI’n ergamasaa sirnaan akka bahatu taasisuusaa eeranii galateeffataniiru.
Masaraa Dajjaach Kumsaa Morodaa haaromsuu fi misoomsuuf waliigalteen mallatteeffame
Apr 28, 2025 38
Ebla 20/2017 (TOI)-Masaraa Dajjaach Kumsaa Morodaa haaromsuu fi misoomsuuf abbaan taayitaa hambaa Itiyoophiyaa Kontiraaktara ‘BYMT’ waliinwaliigalteen mallatteeffameera. Daarektarri olaanaa abbaa taayitichaa gargaaraa piroofeesaraa Ababaawu Ayyaalewu wayita kana akka jedhanitti, masaraa umurii dheeraa qabuu fi seensa qabeessi kun waggaa dheeraaf osoo hin haaromfamiin fi tuurizimiif osoo hinooliin tureera. Hambaan kun Hambaalee bakkeewwan senaa Itiyoophiyaa duriin walqabatan bakka tuurizimii gochuuf qabaman keessaa tokko ta’uu eeraniiru. Suphaa kana raawwachuuf waggaan lama akka qabameef ibsameera. Itti aantuun daarektara olaanaa abbaa taayitichaa adde Hiywoot Hayiluu gamasaaniin suphaan masarichaa fi mooraa isaa yeroo qabameefitti xumuramee Itiyoophiyaaf bakka turizimii dabalataa akka ta’u ibsaniiru. Hojii gaggeessaan olaanaa ‘BYM’ tiiwaanaa obbo Bazzaabih Mallasaa masaraa seena qabeessa kana yeroo barbaadametti qulqullinaan xumuruuf akka hojjetamu dubbataniiru. Dajjaach Kumsaa Morodaa Bakaree bara 1881 irraa eegalee amma bara 1916tti Wallagga duraanii bulchaa akka turan odeeffannoowwan ni’agarsiisu. Masaraan Kumsaa Morodaa Finfinneerraa gara Lixaatti Kiiloo meetira 319 irratti magaalaa Naqamteetti argama. Mootiin kun masaraa isaanii kan hundeessan bara 1830 yoo ta’u bal’inni masaraa kanaa lafa heektaar 2 tuqaa 5 irra akka ta’e odeeffannoon abbaa taayiticha nimul’isa.
Sirna odeeffannoo Fayyaa ammayyeessuun qaqqabummaa odeeffannoo fayyaa hundagaleessi akka fooyya’u taasiseera
Apr 28, 2025 34
Ebla 20/2017(TOI)- Sirna odeeffannoo Fayyaa ammayyeessuun qaqqabummaa odeeffannoo fayyaa hundagaleessi akka fooyya’u gochuusaa de’etaan ministira fayyaa Dr. Darajjee Dhugumaa beeksisan. Odeeffannoon Fayyaa biyyaalessaa fi torbeen Fayyaa dijitaalaa 4ffaan mata duree “odeeffannoorraa gara qabatamaatti cehuun tarkaanfii kunuunsa fayyaa sadarkaa jalqabaa” jedhuun sadarkaan jalqabsiisaa adeemsifamaa jira. Hooggantoota olaanoo Ministeera fayyaa dabalatee gaggeessitoonni biiroo fayyaa naannolee, pirezidaantonni Yuunivarsiitii hundaa fi walitti qabdoonni boordii Hoospitaalaa akkasumas hirmaattonni biroon saganticharratti argamaniiru. De’etaan ministiraa fayyaa Dr. Darajjee Dhugumaa wayita kana akka jedhanitti, sirna odeeffannoo fayyaa fooyyessuuf waggoota darban hojiin bu’aa fide hojjetameera. Dandeettii teeknooloojii ogeeyyota fayyaa guddisuun Fayyaa hawaasaa fooyyessuuf murteessaa ta’uu dubbataniiru. Aadaa murtoo kennuu odeeffannoo qulqulluu, odeeffannoo guutuu fi wayitaawaa bu’uureffate kan teeknooloojii dijitaalaan gargaarame akka gabbatu hojjetamaa jira jedhan. Hojiiwwan Waggoottan sadan darban hojjetamaniin sirni odeeffannoo fayyaa akka fooyya’u taasisuu eeraniiru. Akkasumas qaqqabummaan odeeffannoo Fayyaa hundagaleessi akka fooyya’u nigargaara jedhaniiru. Torbeen odeeffannoo biyyaalessaa afraffaan har’a Ebla 20 bara 2017 irraa eegalee naannolee hundatti sagantaalee garagaraan nikabajama.
Lammiileen Itiyoophiyaa kuma 22 caalan Saa’udii Arabiyaarraa biyyaatti deebi’aniiru
Apr 27, 2025 112
Ebla 19/2017(TOI)-Marsaa afraffaa irraa eegalee amma ammaatti Itiyoophiyaanonni haala rakkisaa keessa tura kuma 22 caalan biyyatti deebi’uusaanii ministeerri dubartootaa fi dhimmi hawaasumma. Balallii marsaa sagal torbee keessatti taasifameen lammiileen Itiyoophiyaa Saa’udii Arabiyaa haala rakkisaa keessa tura kuma 3 fi 240 biyyatti deebi’uunsaanii himameera. Kanneen deebi’an keessaa dhiirri kuma 2 fi 745 dhiira, 479 dubartoota, daa’imni 16 yoo ta’an, kanneen deebi’an keessaa 210 umuriinsaanii guddattoota waggaa 18 gadii keessatti argamu.
Diinagdee
Itiyoophiyaan konfiraansii Dinagdee 3ffaa Afriikaa -Iran, Tehiranitti gaggeeffamu irratti hirmaachaa jirti
Apr 28, 2025 38
Ebla 20/2017 (TOI) -Tehiranitti gaggeeffamaa kan jiru Kofiraansii 3ffaa Tumsa Dinagdee Afrika – Iraan fi Ekispo Idil Addunyaa 7ffaa Iran irratti Jilli de’eetaa Ministira Industrii Hasan Mo’aaliin Durfamu Hirmaachaa Jira. Konfiraansiin Daldalaa 3ffaan Afriika– Iran fi eksipoon Iraan 2025 A.L.A Ebla 27- /May/ 1tti kan gaggeeffamudha. Konfiraansii Dinagdee Afrika-Iran A.L.A Ebla 27-28 gaggeefamu irra caalaatti hariiroo Industirii daldalaa fi Investimentii Iraan fi biyyoota Afriikaa gidduu jiru jabeessuuf xiyyeeffatamee kan gaggeeffamu ta’uun ibsameera. Pirezedaantiin Iran Masuud Pezshikiyan baniinsa konfiraansichaa irratti haasaa taassisaniin, Iran gama Fayyaa, Daldalaan, Industiriin fi gama Qonnaan, Milkaa’ina galmessiste ilalchisuun, Muuxannoo fi teekinooloojii biyyoota Afriikaaf qooduuf qophii ta’uushee ibsiteetti. Baay’ina wal-jijiirraa daldalaa Iraanii fi Biyyoota Afriika gidduu jiru waggoottan dhufanitti gara Doolaara Biliyoona 10tti guddisuuf karorfamuu konfiraansicha irratti eerameera. Konfiraansichi zayitaa fi Gaazii, peetirookeemikaalii, faarmaasiyutikaalii, kemikaal Industirii, Albuudaa fi industrii Albuudaa akkasumas qonnaa fi Inarjii daldalaa fi Investimentii irratti xiyyeeffatee akka gaggeeffamu Odeeffannoon Misteera Dhimma Alaa irraa arganne ni mul’isa.
Ministirri maallaqaa Ahimad Shidee gaggeessitoota ministeera maallaqaa Yuunaayitid Steetis waliin mari’atan
Apr 27, 2025 109
Ebla 19/2017(TOI)- Ministirri maallaqaa Ahimad Shidee gaggeessitoota ministeera maallaqaa Yuunaayitid Steetis waliin mari’ataniiru. Marii kana walgahii wayitii Birraa dhaabbata maallaqa addunyaa fi baankii addunyaa A.L.A 2025tti Waashiingito Diisiitti taa’amaa jiru jinaatti adeemsisaniiru. Obbo Ahimad Shidee itti aanaa ministira maallaqaa Yuunaayitid Staatis Eriik Maayeer waliin dhimmoota gamlamee fi idil addunyaarratti marii bu’a qabeessa taasisuunsaanii ibsameera. Itti aanaa ministira maallaqaa Yuunaayitid Staatis Eriik Maayeer riifoormiin mootummaan Itiyoophiyaa hojeessaa jiruun dinagdee rakkoolee idil addunyaa damdamachuu danda’u ijaaraa waan jiruuf dinqisiifataniiru. Obbo Ahimad Shidee akka ibsanitti, Itiyoophiyaan daldala, Invastimantii fi tasgabbii riijiniif akkasumas dameelee garagaraan fedhii waloorratti hundaa’uun olaanaa Yuunaayitid Steetis waliin qabdu cimsuuf kutannoo qabdi.
Itiyoophiyaan adeemsa miseensa dhaabbata daldala addunyaa ta’uuf itti jirtu yeroo qabameefitti xumuruuf kutannoon hojjechaa jirti-Dr. Iyyoob Takkaaliny
Apr 26, 2025 111
Ebla 18/2017(TOI)- Itiyoophiyaan adeemsa miseensa dhaabbata daldala addunyaa ta’uuf itti jirtu A.L.A Bitootessa 2016tti xumuruuf kutannoon hojjechaa jirti de’etaan ministira maallaqaa Dr. Iyyoob Takkaaliny ibsan. Itiyoophiyaa fi Uzbeekistaan walgahii baatii birraa kan waggaa garee baankii addunyaa fi dhaabbata maallaqaa idil addunyaa Waashiingiteen Diisiitti adeemsifamaa jiru cinaatti miseensummaa dhaabbata daldalaa addunyaa ilaalchisee marii sadarkaa olaanaa taasisaniiru. Mariin kanagaree baankii addunyaa fi dhaabbata maallaqaa addunyaatu walta’uun qopheesse. Daarektarri olaanaa dhaabbata daldala addunyaa Nigoozii Okonjo-Iiwiilaa, baankii addunyaatti itti aanaan pirezidaantii riijinii Afriikaa bahaa fi kibbaa Nidyaamee Diiyop fi daarektarri itti aanaa tarsiimoo Keen Kaang waltajjicharratti hirmaataniiru. De’etaan ministiraa Dr. Iyyoob Itiyoophiyaan walgahii ministirootaa dhaabbata daldala addunyaa 14ffaa A.L.A Bittootessa bara 2026 Kaameeroon Yaawundeetti taa’amurratti adeemsa miseensummaa xumuruuf cimtee akka hojjettu ibsaniiru. Daarektarri olaanaa dhaabbata daldala addunyaa Nigoozii Okonjo-Iiwiilaa waa’ee miseensummaa Itiyoophiyaa fi Uzbeekiistaan akka si’atu dhaabbileen biyyoota hedduu fi deeggartoonni gamlamee deeggarsa teekinikaa fi gabbisa dandeettii barbaachisu akka taasisan waamicha godhaniiru. Hirmaattonni walgahichaa Itiyoophiyaan seera hordoftee qaama sirna daldala addunyaa ta’uuf kutannoo agarsiifte dinqisiifachuun guutummaatti akka deeggaran ibsuusaanii odeffannoon ministeera maallaqaa nimul’isa.
Koreen hojii raawwachiisaa paartii badhaadhinaa yaa’ii guyyoota lamaaf taa’een ilaalchisee ibsa baaseen dinagdee ilaalchisee qaxiilee ijoo irratti mari’ate keessaa-
Apr 26, 2025 100
Bara kana dinagdeen walii gala akkaataa karoorfameen dhibbantaa 8 tuqaa 4n akka guddatu hojii raawwachiisaan kun qorateera. Qonni dhibbantaa 6 tuqaa 1, Industiriin dhibbantaa 12 tuqaa 8, Maanuufaakchariingiin dhibbantaa 12n, Konistiraakshiniin dhibbantaa 12 tuqaa 3n, Tajaajilli dhibbantaa7 tuqaa 1’n kan guddatan ta’uun qoratameera. Baatii sagal darban Galiin mootummaa waliigalaa kan bardheengaddaa yeroo walfakkaataan walbira yoo qabamu dhibbantaa 134n caala. Liqiin alaa qoonni oomisha dimshaashaa biyya keessaa dhibbantaa 13 tuqaa 7tti gadi bu’eera. Oomishaaleen ijoo jaha biyya alaatti ergaman, dhibbantaa 82 amma 386 kan bardheengaddaa caalu. Afriikaarraa Qamadii, Ruuzii, Buna, Baala Shaayeen Friikaarraa adda duree ta’uuf ccarraaqqiin taasifamaa jiru firii godhachaa akka jiru argineerra. Riifoormiin dinagdee Gooroo lammiilee jireenya gadi aanaa jiraatan irratti dhiibbaa akka hin uumne sagantaaleen deeggarsaa hojjetamuusaanii koreen hohii raawwachiisaa sakatta’eera. Xaa’oof birriin biiliyoona 62, Seeftiineetiif birriin biiliyoona 41 tuqaa 2, Boba’aaf birriin biiliyeena 60, dawaaf birriin biiliyoona 3 tuqaa 5, Zayita nyaataaf birriin biiliyoona 6 tuqaa , akkasumas mindaaf birriin biiliyoona 38 tuqaa 4 deeggarsi taasifameera. Baatii sagal darban qofa carraaleen hojii biyya alaa kuma 344 fi 790 fi carraaleen hojii biyya keessaa miiliyoona 3 ol uumamaniiru. #Oromiyaa #Tajaajila Odfuu Itiyoophiyaa #TOI#Badhaadhina
Saayinsii fi teeknooloojii
Biirichi teekinoloojii fi kalaqa jajjabeessuu fi dhaabbilee pooliitekinikaa deggeruun gahoomsuuf hojjetaa jira
Apr 28, 2025 30
Bitootessa 20/2017(TOI)-Biiroon Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaas teekinoloojii fi kalaqa jajjabeessuu fi dhaabbilee pooliitekinikaaf deggarsaa fi hordoffii taasisuun gahoomsuuf hojjetaa jira. Waldorgommii fi agarsiifni ogummaa, teeknoloojii, yaadama biizinesii fi qorannoo gochaa marsaa 6ffaa sadarkaa naannoo magaalaa Adaamaatti geggeeffamaa jira Sagantaan kun qindeessummaa Biiroo Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaatiin geggeeffamaa jiraachuun beekameera. Mootummaan Naannoo Oromiyaa dhaloota kalaqaa fi ogummaan gahoomsuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuun himameera. Haala Kanaan hojiileen waldaalee IMX fi dhaabbilee Poolitekinikaan hojjetaman bu'a qabeessa ta'an jiraachuun ibsameera. Waldorgommii fi agarsiifni kunis guyyoota afuriif kan turu ta’uu odeffannoon biiroo komunikeeshinii Oromiyaarraa argame nimul’isa.
Walgahiin Innoveeshin Afriikaan Finfinneetti Taa’amuufi
Apr 25, 2025 147
Ebla 17/2017 (TOI)- Walgahiin Innoveeshin Afriikaan 2025 Ebla 20 amma 22 bara 2017tti Finfinneetti nitaa’ama. Walgahiin kun barnoota, infoormeeshinii fi komunikeeshinii, (ICT) fi ogummaa dijitaalaarrattinkan xiyyeeffate ta’uu odeeffannoon ministeera Innoveeshinii fi teeknooloojiinimul’isa. Ministiroonni biyyoota Afriikaa walgahicharratti akka hirmaatan ibsameera. Taatee kana ministeera Innoveeshinii fi teeknooloojii, ministeera barnootaa fi ministeera hojii fi ogummaatu walta’uun qopheesse.
Kubbaaniyaan Ameerikaa Tajaajila Idila Addunyaa hawaalaa babal’isuuf fedhii qabachuu beeksise
Apr 25, 2025 117
Ebla 17/2017 (TOI)-Kaampaaniin Baankii Viizaa Amerikaa Itiyoophiyaa dabalatee riijinichatti, Tajaajila Idila Addunyaa hawaalaa babal’isuuf fedhii qabachuu beeksiseera. Minsteerri Innooveeshinii fi Teekinooloojii Viizaa Amerikaa, kaardii kaffaltii Idila Addunyaa Inki tajaajila hawaalaa, faayinaansii dijitaalaa fi carraawwan deeggarsaa haaraa irratti waliin hoojechuuf marii’ateera. De’etaan Ministiraa Innoveeshinii fi Teekinooloojii Dr.Yishuruun Alamaayyoo Mootummaan Itiyoophiyyaa wal-qixxummaa fi faayidaa waloo irratti kan Xiyyeeffate Tumsa Dijiitaalayizeeshinii akka guddatu fedhii guddaa qabaachuu ibseera. Milkaa’ina Tiranisfoormeeshinii Dijiitaalaa seeraan, bu’uuraalee misoomaa fi ijaarsa humna namaan hojiiwwan bal’aan raawwatamaniiru. Hojiiwan Biyyoolessaa Dijiitaalayizeeshinii gochuu fi omisha faayinaansii tajaajila haarawaa Itiyoophiyaatti qaqqabsiisuuf tattaaffii gochaa jiraachuu ibsaniiru. Itti aanaan Pirezidantiin riijinii kibba Baha Afriikaa Viizaa Inki Mikaa’el Berner, Tajaajila Viizaa Idil Adduyaa, Itiyoophiyaa fi biyyoota Riijinichatti dhaqabamaa taassisuuf fedhii qabaachuu ibseera. Kaffaltiin Dijiitaalaa Viizaa Itiyoophiyaatti hojiirra oolchuun akka dandahamu ibsuun , Muuxannoo Idil Adunyaa fi naannoo hojiirra akka oolu ibsaniiru. Ajandaan Tiraanisfoormeeshiniin Dijiitaala Itiyoophiyaa akkasumas, tarsiimoon Pirojektii Dijitaalaa fi karoora raawwiisaa ilaalchisee, waliin hojjechuuf walii galteerra gahuu odeeffannoon minisreerichaa ni’agarsiisa.
Itiyoo Telekoom fi kaampaaniin Viizaa Ink tumsa dijitaal Faayinaansii qaban cimsuuf waliigalan
Apr 24, 2025 125
Ebla 16/2017 (TOI)- Itiyoo Telekoom fi kaampaaniin tajaajila kaardii kaffaltii Ameerikaa Viizaa Ink tumsa dijitaal Faayinaansii qaban cimsuuf akka hojjetan beeksisan. Hojii raawwachiiftuun olaanaa Itiyoo Telekoom Fireehiywoot Taammiruu garee jilaa kaampaanii Viiza Ink Ameerikaatti itti aanaan Pirezidaantii fi gaggeessaan riijinii kibbaa fi baha Afriikaa Mikaa’el Barnariin durfamu waliin mari’ataniiru. Qaamni lamaan tajaajiloota faayinaansii dijitaalaa idil addunyaa irratti carraalee tumsaa uumuun haala danda’amurratti mari’ataniiru. Dhaabbileen lamaan Viizaa kaardii waaleet varchuwaalii fi Viizaa daayirakti jalqabaaf Itiyoophiyaatti Hagayya 2016 dhugoomsan akkasumas sadarkaan raawwii tajaajiloota hawaalaa idil addunyaa karaa teelee birr Remiiti kennamanii irra jiru dhihaateera. Raawwiin onnachiisaan karaa tajaajiloota Hawaalaa galmaa’ee fi keessumaa sababa riifoormii dinagdee goorootiin carraan gabaa guddachuun ibsameera. Riifoormiin tajaajiloota hawaalaa idil addunyaa fedhii maamiltootaarratti bu’uureffate ittifufiinsaan hojjetamaa jiraachuun kaafameera. Teelee birriin ijaarsa dinagdee dijitaalaa hammataa fi qaqqabamaaf qooda ijoo bahaa jira jedhan. Teelee birriin neetwoorkii idil addunyaa Viizaa waliin qindaa’uun tajaajiloota faayinaansii dijitaalaa kalaqa ofkeessaa qabu dhiheessuuf carraaleen akka jiran ibsaniiru.
Ispoortii
Dorgommii Maaraattoonii Dubartootaa Landaniin Atileet Tigist Asaffaa mo’atte
Apr 27, 2025 88
Ebla 19/2017(TOI)- Dorgommii Maaraattoonii Dubartootaa Landaniin Atileet Tigist Asaffaa mo’atteetti Maaraatoonii Landan 45ffaa dorgommii ramaddii dubartootaan olompiikii Paarisirratti Meedaaliyaa Meetii kan argatte Tigist Asaffaa mo’achuushee odeeffannoon federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa beeksiseera. Atileet Tigist Asaffaa dorgommii kana አsa’aatii 2:15.50 n xumuruun tokkoffaa yoo baatu Atileetiin lammii Keeniyaa Jooyisiliin Jeepkoosgii lammaffaa akkasumas Atileetiin lammii Nezerland Atileet Siifan Hasan sadaffaa baateetti.
Kaayyoon ijoo fiigichi daandiirraa Itiyoophiyaan haa oomishtuu oomisha Itiyoophiyaa addunyaatti beeksisuudha-Ministira Malaakuu Allebal
Apr 27, 2025 80
Ebla 19/2017(TIO)- Kaayyoon ijoo fiigichi daandiirraa Itiyoophiyaan haa oomishtuu oomisha Itiyoophiyaa addunyaatti beeksisuu akka ta’e Ministirri Industirii Malaakuu Allebal ibsan. Dorgommiin daandiirraa k,m 10 eksipoo Itiyoophiyaan haa oomishtuu 2017naddababayii Masqalaatti taasifamaa jira. Ministirri Industirii federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa waliin ta’uun dorgommii kana kan qopheessan yoo ta’u, waggaa 4ffaa Itiyoophiyaan haa oomishtuu ilaalchisuun kan qophaa’e ta’uun ibsameera. Ministirri Industirii Malaakuu Allabal dorgomicha wayita jalqabsiisan akka jedhanitti, kaayyoon dorgommii daandiirraa kun oomisha Itiyoophiyaa addunyaaf beeksisuudha. Dorgomichi dhaloota fayyaalessaa fi oomishu horachuuf qooda olaanaa akka qabu dubbataniiru. Ambaasaaddaroonni biyya alaa, kilaboonnii fi kutaaleen hawaasaa garagaraa dorgommicharratti hirmaachaa akka jiran beeksisaniiru. Ministirri aadaa fi Ispoorrtii Shawiit Shaankaa waggoottan jijjiiramaa darban hojiileen Ispoortii irratti hojjetaman Ispoortiin bu’ura akka jabeeffatu taasisaa jira jedhan. #Oromiyaa #Tajaajila oduu Itiyoophiyaa #TOI #Itiyoophiyaan haa oomishtu #Itiyoophiyaan haa oomishtuu
Ispoortii Aadaa Itiyoophiyaa guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira- Federeeshinicha.
Apr 21, 2025 309
Ebla 13/2017 (TOI)- Federeeshiniin Ispoortii Aadaa Itiyoophiyaa Ispoortiiwwan aadaa guddisuuf qoodafudhattoota waliin xiyyeeffanoon hojjechaa jiraachuu pirezedaantiin Federeeshinichaa Hiywot Mahammed ibsaniiru. Federeeshiniin Ispoortii Aadaa Itiyoophiyaa fi Yuunvarsiiti Kotobee waliin hojjechuuf har’a waliigaltee mallatteessaniiru. Waliigalticha pirezedantii Federeeshiniin Ispoortii Aadaa Itiyoophiyaa Hiywot Mahaammadii fi yuunvarsiitii Barnootaa Kotobeetti, IttiAanaa Pirezedantii Dr, Faqqadaa Tuulii Mallatteessaniiru. Waliigaltichi Ispoortii aadaa irratti Qorannoo fi qo’annoo gaggeessuuf, Akkasumas, leenjii gahumsa ogummaa ogeessotaa kennuu irratti waliin hojjechuuf kan isaan dandeessisu ta’uu Eeraniiru. Pirezidaantiin Federeeshiniin Ispoortii Aadaa Itiyoophiyaa Hiywot Mahamed akka ibsanitti, Ispoortii aadaa guddisuuf qooda fudhattoota waliin hojjechaa jirra jedhaniiru. Waliigalteen gam-lamee Yuunversiitii Kotobee waliin taassifame , Ispoortiiwwan Aadaa hedduu qorachuu fi guddisuuf, akkasumas uummata biratti hojiirra oolchuuf kan dandeessisudha jedhaniiru. Itti Aanaa Pirezedantii Yuunversiitii Kotobee Dr.Faqqadaa Tuulii gama isaniin, hoggansii fi barsiisoni gahumsa qaban jiraachuu ibsuun, waliigaltichi, Ispoortii aadaa biyyattii guddisuuf murteessaa tahuu ibsuun yuunvarsiitichi gaheesaa akka bahu mirkaneesseera.
Federeeshiniin Ispoortii Aadaa Itiyoophiyaa fi Yuunvarsiitiin Kotobee Waliin Hojjechuuf walii galtee Mallatteessan.
Apr 21, 2025 211
Ebla13/2017(TOI) - Federeeshiniin Ispoortii Aadaa Itiyoophiyaa fi Yuunvarsiitiin Kotobee waliin hojjechuuf walii galtee Mallatteessaniiru. Waliigalticha Pirezidantiin Federeeshinii Ispoortii Aadaa Hiywot Mahammadii fi Itti Aanaan Pirezedantii Yuunversiitii Kotobee Dr. Feqedee Tuulii mallatteessaniiru. Walii galtichi Ispoortii Aadaa irratti Qorannoo fi Qo’annoo, dandeettii gahumsa ogummaa ogeessotaa fi barnootaan waliin hojjechuu kan isaan dandeessisu tahuu ibsaniiru. Pirezedantiin Federeeshinii Ispoortii Aadaa Hiywot Mahammad saganticha irrattti akka dubbatanitti, walii galtichi Ispoortii Aadaa biyyattii keessa jiran Qorachuuni fi guddisuuf, akkasumas Hawaasa biratti akka baratamu gochuuf tahuu ibsaniiru. Akkasumas, Ispoortiiwwan Aadaa Qorachuun Sadarkaa Idil Addunyaatti beeksisuu fi babal’isuuf kan kaayyefate tahuu ibsaniiru. Itti Aanaan Pirezedantii Yuunvarsiitii Kotobee Dr.Feqedee Tuulii gama isaaniin , Yuunversiitichi kallattiiwaan adda addaan beekumsaa fi dandeettiin barsiisotaa fi gaggeessitoota barnootaa horachaa jiraachuu dubbataniiru. Ispoortiiwwan Aadaa biyyattii guddisuuf waliigaltichi murteessaa tahuu ibsuun , Yuunversiitichi kan isarraa eegamu akka raawwatu dubbateera.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Biqiltuun Sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabamu godina Wallagaa Bahaa fi Harargee Lixaatti qopheeffamaa jira
Apr 26, 2025 120
Ebla 18/2017 (TOI):-Naannoo Oromiyaa godina Wallagaa Bahaa fi Harargee Lixaatti biqiltuuwwan akaakuu garagaraa ganna dhufu Sagantaa ashaaraa Magariisaan dhaabamu qophaa’aa jiraachuu waajjiraalee qonnaa godinootaa beeksisaniiru. Akka itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa godina Wallagaa Bahaa Asfaaw Hambisaa ibsanitti, Sagantaa ashaaraa Magariisaa bara kanaatiin biqiltuu miiliyoona 544 ol godinicha keessatti dhaabuuf qophiin taasifamaa jira. Waggoota darbanitti biqiltuu dhaabame irraa hawaasni fayyadamoo ta’uu hubachiisuudhaan, bara kana kana caalaa hojjechuuf qophiin taasifamaa jira jedhan. Waajjirichatti gaggeessaan adeemsa hojii sululaa fi misooma bosonaa Obbo Dassaleny Bal’ataa, godinichatti sagantaa ganna bara kanaatiif biqiltuuwwan bosonaa, nyaata horii, fuduraalee fi biqiltoota biroo qophaa’uu ibsaniiru. Haaluma walfakkaatuun, Itti Gaafatamaan Garee Misooma Qabeenya Uumamaa Waajjira Qonnaa fi Misooma Qabeenya Uumamaa godina Harargee Lixaa obbo Waasee Baqqalaa Sagantaa ashaaraa Magariisaa bara kanaaf baroota darban caalaa haala fooyya’aa ta’een qophiin taasifamaa jira jedhan. Bara kanas biqiltuuwwan gosa adda addaa miiliyoona 413 ol godinicha keessatti dhaabuuf qopheeffamaa kan jiran yoo ta’u, kana keessaa miiliyoona 82 ol biqiltuu firii kan akka giishxaa, avokaadoo; maangoo akka ta’an ibsaniiru. Lakkoofsi gosoota muka firii bara kana dhaabuuf karoorfame kan bara darbee miiliyoona 20 ol ta’uu agarsiisaniiru. Biqiltuun firii waggaa waggaan godinicha keessatti dhaabamaa jiru galii qonnaan bulaa dabaluu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf gumaacha taasisaa jiraachuu ibsaniiru.
Naannoo Amaaraatti lafa heektaara kuma 207 irra biqiltuu dhaabuuf qophiin taasifamaa jira-biiroo qonnaa naannichaa
Apr 24, 2025 129
Ebla 16/2017(TOI)- Naannoo Amaaraatti sagantaa ashaaraa magariisaa ganna dhufu adeemsifamuuf lafa miidhame heektaara kuma 207 irra biqiltuu dhaabuuf qophiin taasifamaa jiraachuu biiroon qonnaa naannichaa beeksise. Lakkoofsa marsaa jalqabaa taasifameen biqiltuu ganna darbe naannichatti dhaabame biiliyoona 1 tuqaa 4 ol keessaa harki 85 qabateera jedhame. Biiroo qonnaa naannichaatti daarektarri eegumsaa fi itti fayyadama misooma qabenya uumamaa obbo Ismala’alam Mihirat ibsa TOI’f kennaniin, naannichatti lafa sababa namtolchee fi uumamaan miidhame bosona gochuuf hojjetamaa jira. Hojii amma ammaatti hojjetameen qophiin biqiltuu karaa mootummaan, dhuunfaa, waldaalee fi dhaabbileedhaan cimee itti fufuu himaniiru. Uwwisi bosonaa naannichaa amma jiru biqiltuu dhaabamuun harka 16 tuqaa 3 irraa gara harka 17 tuqaa 3tti guddisuuf kan yaadame ta’uu ibsaniiru.
Guyyoota itti aananitti naannawoota daangaa Itiyoophiyaa, Sudaan, fi Sudaan Kibbaatti qilleensi ho'aan ni eegama
Apr 22, 2025 203
Ebla 14/2017 (TOI)- Giddu-galli odeeffannoo haala qilleensaa Baha Afrikaa guyyoota itti aananitti naannawoota daangaa Itiyoophiyaa, Sudaan fi Sudaan Kibbaatti, akkasumas kaaba baha Keeniyaatti ho’i idilee ol akka galmaa’u beeksise. Akka odeeffannoon raaga qilleensaa ‘ICPAC’ ibsutti, guyyoota saddeet dhufan keessatti naannoolee Sudaan fi Itiyoophiyaa hedduu keessattuu naannoo Affaar keessatti ho’i ol’aanaan ni galmaa’a jedhamee eegama. Sudaan Kibbaa fi Eertiraa, akkasumas naannawoota kaaba, dhihaa, fi baha Itiyoophiyaa keessatti ho’i giddu galeessaa hanga ol’aanaa ni mudata. Jibuutii, Somaaliyaa, Yugaandaa, Keeniyaa fi Taanzaaniyaa keessatti ho’i giddu galeessaa hanga ol’aanaa galmaa’uu akka danda’u odeeffannoon raga qilleensaa ni mul’isa. Eertiraa, Jibuutii, Taanzaaniyaa, Itiyoophiyaa, Yugaandaa, dhiha Keeniyaa, akkasumas giddu-galeessa fi kaaba Somaaliyaa keessatti ho'i idilee ol ta'a jedhamee eegama. Roobni xiqqaan kutaalee dhiha Itiyoophiyaa, Ruwaandaa, Burundii, kaabaa fi kibba Taanzaaniyaa, dhiha Yugaandaa, fi naannoo qarqara galaanaa Keeniyaattis ni eegama. Tajaajilli Odeeffannoo Haala Qilleensaa Baha Afrikaa (ICPAC) haala qilleensaa fi taateewwan haala qilleensaa kanaan walqabatan biroo raaguun xiinxaluu, akkasumas ergaa akeekkachiisa dursaa waliif qooduun beekama.
Guyyoota 10 dhufan naannawoota qonna Arfaasaa raawwatanitti haalli meetirooloojii itti fufu-Inistiitiyuuticha
Apr 22, 2025 180
Ebla 14/2017(TOI)- Guyyoota 10 dhufan naannawoota qonna Arfaasaa raawwatan hedduutti haalli meetirooloojii itti fufu Inistiitiyuutiin mitiwoorooloojii Itiyoophiyaa beeksise. Inistiitiyuutichi ibsa TOI’f ergeen naannawoonni kibbaa, kibba lixaa, lixaa, bahaa akkasumas riifti vaalii bokkaa ni’argatu. Naannawoonni biyyattii kibbaa fi kibba lixaa rooba jiddugaleessaa akka argatan inistiitiyuutichi raageera. Naannawoota Arfaasaa qotaman dabalatee, kibba lixaa fi lixa akkasumas lixa Kaaba biyyattii rooba xiqqaa amma jiddugaleessaatti akka argatan injistiitiyuutichi ibseera. Rooba darbee darbee cimurraa ka’uun kibba, kibba bahaa fi kibba lixaa biyyattiitti sa’aatii 24 keessatti roobni cimaan miilii meetirii 30 ol akka argatan raagamuu beeksiseera. Humna aduu Epiriil guyyoota sadan kurnaniitti jiruun walqabatee keessumaa Gaambeellaa, Affaar, Somaalee, Beeniishaangul Gumuzii fi lixa amaaraatti hoo’inni olaanaan kn guyyaa digirii seelshiyeesii 35 akkasumas bakkeewwan muraasatti digirii seelshiyeesii 40 ol akka ta’u odeeffannoon raaga inistiitiyuutichaa nimul’isa.
Gabaasa addaa
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 2091
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.
Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qaqqabe daawwata.
Oct 22, 2024 2460
Onkoloolessa 12/2017(TOI) - Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qabeenyarra gahee bakkatti argamuun ilaalaniiru. Paartii Badhaadhinaatti hogganaan damee wajjira Finfinnee obbo Mogas Baalchaa wayita kana akka himanitti; gamoo balaan ibiddaa irratti mudatee qaama isaa gar tokko balaa kanarraa baraaruun danda'ameera. Kutaaleen hawaasaa fi qaamoleen nageenyaa karaa qindaa'een balaa kana to'achuu fi balaan kun gara biraatti akka hin babal'anneef hojii hojjetaniif galateeffataniiru. Bulchiinsi magaalichaa balaa ibiddaa mudate kanaan kanneen miidhaman deebisee dhaabuuf xiyyeeffannoon akka hojjetu obbo Mogos Baalchaa ibsuu isaanii Odeeffannoon Waajjira Kantiibaarra argame ni mul'isa.