ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Waxabajjii bara 2017 irraa eegalee Paaspoortii fudhachuuf odeeffannoon Faayidaa barbaachisaadha
Apr 26, 2025 89
አEbla18/2017 (TOI)-Waxabajjii 1 bara 2017 irraa eegalee namoonni Paaspoortii eeggachaa jiran paaspoortii fudhachuuf wayita dhufan odeeffannoo Faayidaa qabatanii dhihaachuu akka qaban ibsame. Tajaajila Paaspoortii argachuuf Faayidaan ulaagaa haalduree akka ta’u waliigalteen har’a magaalaa Arbaa Mincitti mallatteeffameera. Waliigalteen tatajila immigireeshinii fi lammummaa fi sagantaa waraqaa eenyummaa dijitaalaa jidduutti mallatteeffame Waxabajii 1 bara 2017 irraa eegalee waraqaa eenyummaa faayidaa sanadoota ijoo paaspoortiif barbaachisan keessa galchuun tajaajila kennuuf akka dandeessisu ibsameera. Daarektarri olaantuu tajaajila immigireeshinii fi lammummaa adde Salaamaawiit Daawit ibsa miidiyaaleef kennaniin, dhaabbatichi riifoormii eegale itti fufuun Waxabajii 1 bara 2017 irraa eegalee Waraqaa eenyummaa Faayidaa tajaajila paaspoortiif haalduree gochuuf qophiin xumuramuu ibsaniiru. Daarektarri olaanaa sagantaa waraqaa eenyummaa dijitaalaa Yoodaahee Ar’ayasillaasee gamasaaniin, waliigaltichi eenyummaa waliin dhahuun carraaqqii sanadoota garagaraa argachuuf taasifamu kan ittisudha jedhan. Lammiileen gaaffii tajaajila paaspoortii dhiheessanii paaspoortii fudhachuu wayita dhufan waraqaa eenyummaa Faayidaa kan maxxanfame ykn bilbilasaaniin qabatanii dhufuun tajaajila argachuu akka danda’an hubachiisaniiru. Tajaajilamtoonni lakkoofa faayidaa addaa qabachuun, Koodii QR waraqaarratti maxxansuun, dijitaal koppii karaa appilikeeshinii “Faayidaa ID” qabatanii ykn filannoo biraa kan QR ia sirrii qabatetti fayyadamanii qabatanii dhufuun tajaajila argachuu nidanda’u jedhameera. Tajaajiloota waraqaa eenyummaa dijitaalaa Faayidaan walqabsiisuun odeeffannoon bifa tokkoo fi kan walsime sadarkaa biyyaalessaatti akka jiraatu gochuun qooda olaanaa akka bahu himameera.
Hambaaleen qabeyyeensaanii eegamee sadarkaasaanii eegguun haaromfamanii tajaajilaaf banamaa jiru-Kantiibaa Adaanech Abeebee
Apr 26, 2025 35
Ebla 18/2017 (TOI)- Hambaaleen magaalaa Finfinnee qabeyyeensaanii eegamee sadarkaasaanii eegguun haaromfamanii tajaajilaaf banamaa jiraachuu Kantiibaaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee Kantiibaa Adaanech Abeebee jiddugaleessa aadaa fi barnootaa Xaayituu eebbisanii bananiiru. Jiddugalichi mana jireenyaa Bitwaddad Hayilagoorgis Waldamikaa’el fi mana qopheessaa Finfinnee kan jalqabaa akka ture himameera. Kantiibaa adaanecha wayita kana. Hambaalee seenaa magaalattii haaromsuu, ammayyeessuu, beeksisuu akkasumas tuurizimiif fayyadamuun qabeenyi uumamaa jira. Hambaaleen qabiyyeensaanii eegamee dhaloota dhufuuf akka darbanii fi dhaloonni akka irraa baratu gochuun ittifufa jedhaniiru. Waggoottan jijjiiramaa darban hambaaleen magaalattii haaromfamaa akka turan eeraniiru. Hambaalee Finfinnee duree har’aan walqabsiisuun borutti ceesisuuf kanneen haaromfamuu qaban haaromsuun fi ammayyeessuun tuuristii akka hawatan hojjetamaa akka jiru dubbataniiru. Dureeyyiinis hambaalee haaromsuu fi beeksisuurratti hirmaachuu akka qaban dubbataniiru. Jiddugalli aadaa fi barnootaa Xaayituu aartistoota bakka bu’an horachuuf akka gargaaru gama gochuutiin artist Alamtsahaayi Wadaajoo galateeffataniiru. Hooggantuun biiroo aadaa, artii fi tuurizimii Finfinnee Dr. Hiruut Kaasaa gamasaaniin, giddugalli kun qabiyyeesaa eegee dhaloota dhufuuf akka darbu taasifamee hojjetamuusaa ibsaniiru. Hojiileen misooma Kooriidarii Finfinnee hambaaleen magaalattii akka haaromfaman gumaacha guddaa akka taasise beeksisaniiru. Artist Alamtsahaayi Wadaajoo gamasheetiin, haaromsi kun waggaa 4tti xumuramuusaa fi hojiileen aartii jiddugala kanatti akka agarsiifamanii fi meeshaaleen aadaa fi seenaa agarsiisaaf akka dhihaatan ibsiteetti. Haaromsi giddugala aadaa fi barnootaa Xaayituu Artist Alamtsahaay Wadaajoo fi bulchiinsa magaalaan hojjetamuun himameera.
Itiyoophiyaan adeemsa miseensa dhaabbata daldala addunyaa ta’uuf itti jirtu yeroo qabameefitti xumuruuf kutannoon hojjechaa jirti-Dr. Iyyoob Takkaaliny
Apr 26, 2025 58
Ebla 18/2017(TOI)- Itiyoophiyaan adeemsa miseensa dhaabbata daldala addunyaa ta’uuf itti jirtu A.L.A Bitootessa 2016tti xumuruuf kutannoon hojjechaa jirti de’etaan ministira maallaqaa Dr. Iyyoob Takkaaliny ibsan. Itiyoophiyaa fi Uzbeekistaan walgahii baatii birraa kan waggaa garee baankii addunyaa fi dhaabbata maallaqaa idil addunyaa Waashiingiteen Diisiitti adeemsifamaa jiru cinaatti miseensummaa dhaabbata daldalaa addunyaa ilaalchisee marii sadarkaa olaanaa taasisaniiru. Mariin kanagaree baankii addunyaa fi dhaabbata maallaqaa addunyaatu walta’uun qopheesse. Daarektarri olaanaa dhaabbata daldala addunyaa Nigoozii Okonjo-Iiwiilaa, baankii addunyaatti itti aanaan pirezidaantii riijinii Afriikaa bahaa fi kibbaa Nidyaamee Diiyop fi daarektarri itti aanaa tarsiimoo Keen Kaang waltajjicharratti hirmaataniiru. De’etaan ministiraa Dr. Iyyoob Itiyoophiyaan walgahii ministirootaa dhaabbata daldala addunyaa 14ffaa A.L.A Bittootessa bara 2026 Kaameeroon Yaawundeetti taa’amurratti adeemsa miseensummaa xumuruuf cimtee akka hojjettu ibsaniiru. Daarektarri olaanaa dhaabbata daldala addunyaa Nigoozii Okonjo-Iiwiilaa waa’ee miseensummaa Itiyoophiyaa fi Uzbeekiistaan akka si’atu dhaabbileen biyyoota hedduu fi deeggartoonni gamlamee deeggarsa teekinikaa fi gabbisa dandeettii barbaachisu akka taasisan waamicha godhaniiru. Hirmaattonni walgahichaa Itiyoophiyaan seera hordoftee qaama sirna daldala addunyaa ta’uuf kutannoo agarsiifte dinqisiifachuun guutummaatti akka deeggaran ibsuusaanii odeffannoon ministeera maallaqaa nimul’isa.
Dhaabbilee fayyaa babal’isuun cinaatti dhukkuba ittisuu fi to’achuuf hojmaanni qindoominaa jabaachuu qaba-Ministeera Fayyaa
Apr 26, 2025 51
Ebla 18/2017(TOI)- Dhaabbilee fayyaa babal’isuun cinaatti dhukkuba ittisuu fi to’achuuf hojmaanni qindoominaa jabaachuu akka qabu de’etaan Ministirara Fayyaa Dr. Darajjee Dhugumaa hubachiisan. Guyyaan busaa idil addunyaa 18ffaan gaggeessitoonni federaalaa, naannolee fi godinaa bakka argamanitti magaalaa jimmaatti adeemsifameera. De’eetaan ministira fayyaa Dr. Darajjee Dhugumaa saganticharratti akka jedhanitti, dhaabbilee fayyaa babal’isuuf carraaqqiin taasifamee bu’aan argameera. Kanuma cinaatti hawaasa qindeessuun qabenya walitti qabuun dhukkuba busaa dabalatee mala dhukkuboota yaaddoo fayyaa ta’an ittisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Haala Kanaan hawaasni mala dhukkubni ittiin ittifamu akka hojeessu hubannoon kennamaa jiraachuu dubbataniiru. Ogeeyyonnii fi gaggeessitoonni dhaabbilee fayyaa akkasumas qooda fudhattoonni hojii qindoominaa fi tumsaa akka cimsan hubachiisaniiru. Hooggantuun biiroo fayyaa Oromiyaa piroofeesar Natsaannat Warqinaa gamasaaniin, bu’uraaleen misoomaa fayyaa naannichatti xiyyeeffannoon kennameefii hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Keessumaa dhukkuba busaa ittisuurratti hubannoo uumamaa jiruun bu’aan argamuu dubbatanii, kun cimee itti fufa jedhan. Bulchaan godina Jimmaa Obbo Tijaanii Naasir gamasaaniin, aanaalee fi gandoota godinichaa busaan keessatti mudate adda baasuun qindoominaan hojjechuun dhukkubicha to’achuun akka danda’ame himaniiru. Bu’uraalee misoomaa damee fayyaa babal’isuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa akka jiru dubbataniiru. Keellaawwan fayyaa dhaloota lammaffaa 28 hirmaannaa ummataa birrii miiliyoona 600n godinicha keessatti ijaaramuusaanii kaasaniiru.
Turistoonni miiliyoona 9 tuqaa 7 caalan Baatii sagal keessatti Finfinnee daawwataniiru-Biiricha
Apr 26, 2025 49
Ebla 18/2017 (TOI)-Bara bajatichaa baatii sagal keessatti turistoonni miiliyoona 9 tuqaa 7 caalan Finfinnee daawwachuusaanii biiroon aadaa, aartii fi turizimii Finfinnee beeksise. Biiricha Itti aanaan biirichaa Hundee Kabbadaa TOI’tti akka himanitti, daawwattoonni Finfinnee dhufan yeroo yerootti dabalaa jira. Daawwattoonni biyya alaa fi biyya keessaa baranaa kan bardheengaddaa yeroo wal fakkaataa waliin walbira yoo qabamu guddaa akka caalu beeksisaniiru. Baatii sagal keessatti tuuristoonni biyya keessaa fi biyya alaa miiliyoona 9 fi kuma 140 ol Finfinnee daawwachuu beeksisaniiru. Feestivaalonni amantaa fi aadaa Finfinneetti adeemsifaman baayy’inni daawwattoota biyya keessaa akka dabalu taasisuu ibseera. Misoomni bakkeewwan tuurizimii fi kooriidarii haala mijataa uumuusaa dabalanii ibsaniiru. Pirezidaantiin waldaa ogeeyyota daawwachiiftota tuuristii Itiyoophiyaa obbo Endii Asaffaa gamasaaniin, hojiileen misooma tuurizimii yeroo dhihoo asitti hojjetamaa jiran tuuristoonni akka dabalan taasisuusaa ibsaniiru. Misoomni bakka tuurizimii fi kooriidarii Finfinneen damee turizimiin magaagaawwan idil addunyaa waliin akka dorgomtu taasisaa akka jiru dubbataniiru. Magaalattiin tuurizimii istoop aappiif, tuurizimii konfaransiif jaalatamtuu ta’uushee guddina turizimii magaalattiif gumaacha taasisuusaa eeraniiru.
Siyaasa
Riifoormichi dhaabbata nageenyaa ofdanda’aa fi yeroon gaafatu ijaaruu keessatti bu’aa gaarii argamsiisaa jira-obbo Ordiin Badrii
Apr 26, 2025 100
Ebla 18/2017 (TOI)- Riifoormichi dhaabbata nageenyaa ofdanda’aa fi yeroon gaafatu ijaaruu keessatti bu’aa gaarii argamsiisaa akka jiru bulchaan naannoo Hararii obbo Ordiin Badrii beeksisan. Bulchaan naannichaa obbo Ordiin Badrii dhaabbileen nageenyaa naannoo Harariitti argaman ayyaana hundeeffama poolisii waggaa 116ffaa ilaalchisee duula qulqullinaa fi kunuunsa bakkeewwan magariisaa magaalichatti taasisuusaanii ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti barreessanii ibsaniiru. Hojiin ijaarsa dhaabbilee qaama riifoormii keessaa tokko ta’e dhaabbata nageenyaa ofdanda’aa, yeroon gaafatuu fi gama ijaaruutiin bu’aa gaarii fidaa jira jedhaniiru. Keessumaa poolisiin naannihaa rakkoolee addaddaa keessa ture jalaa bahee hojii nageenyaa fi seera kabachisuu jalaa bahee hojii nageenyaa gahumsaan raawwacguu bira darbee hojii misoomaa akkasiirratti hirmaachuunsaa raayyaa ummataa ta’uusaa agarsiisa jedhaniiru. Fuulduras hojii ijaarsa dhaabbilee cimsuuf deeggarsa barbaachisu akka taasisu ibsanii gaggeessitootaa fi miseensota hojii misoomaa har’aarratti hirmaatan galateeffataniiru.
Itiyoophiyaan Mallattoo Birmadummaa Afriikaati-Letenaal Jeneraal Mahammed Baared
Apr 26, 2025 75
Ebla 18/2017(TOI)-Itiyoophiyaan Mallattoo Birmadummaa Afriikaati jedhan Inspeektar Jeneraala fi Rooyaal Moorookoo fi Ajajaan humna Waraanaa godina kibbaa Kibbaa letenal Jeneral Mahaammad Baared ibsan. Itiyoophiyaa Deeggarsa Nagaa fi tas-gabbii Afriikaatiif taassisaa jirtuuf dinqisiifataniiru. Jilli Raayyaa Morokoo Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaatti, de’etaa Ministira faayinaansii aadde Maartaa Luwiji waliin marii gaggeessaniiru. Ministirri Raayyaa ittisa biyyaa Injiinar Ayishaa Mahaammadiin bakka bu’uun marii kan gaggeessan de’eetaan ministiraa Maartaa Luwiji Itiyoophiyaan dhimma waliinii irratti deeggarsa Raayyaan hojjechuu fi Raayyaa ittisa biyyaa jabaa ijaaruuf qophii ta’uu ibsaniiru. Deeggarsichi, wal kabajuu fi fedhii waliinii irratti kan bu’uureffate ta’uu akka qabu ibsaniiru. Inspeektariin Jeneraala fi Ajajaan Zoonii Kibba Humna Waraanaa Morokoo royal Letenaal Jeneraal Mahaammad Baared gama isaaniin, Itiyoophiyyaan mallattoo Birmaduu Afriikaati jedhaniiru. Deeggarsa loltuu nagaa fi tas-gabbii ardii Afriikaatiif gochaa jirtu dinqisiifataniiru. Deeggarsi Loltuu nagaa fi tas-gabbii Afriikaatiif shoora guddaa akka qabu ibsaniiru. Jilli garee Morokoo Itiyoophiyaa fi Raayyaa Ittisaa Itiyoophiyaatiif kabaja guddaa qabaachuu ibsaniiru. Mariisaaniin, dhimmoota Loltuu, biyyaa fi Ardii irratti xiyyeeffannoo nageenyaa irratti waliin hojjechuuf kutannoo qabaachuu isaaniii hoggantoonni biyyoota lamaanii ibsaniiru. Maricha irratti Daarektarri Olaanaan Hariiroo Alaa Raayyaa itti biyyaa fi tumsa Loltuu Mejer Jeneraal Tashoomaa Gammachuu dabalatee hoggantoonni olaanoon argamuu Odeeffannoon Raayyaa Ittisa Biyaa irratii arganne mul’isa.
Magaalattii keessatti nagaa eeguu fi yakka ittisuuf tarkaanfiiwwan bu’a qabeessi fudhatamaniiru
Apr 26, 2025 77
Ebla 18/2017(TOI)- Magaalattii keessatti nagaa eeguu fi yakka ittisuuf tarkaanfiiwwan bu’a qabeessa ta’an fudhatamuu Biiroon bulchiinsa nagaa fi tasgabbii Finfinnee beeksise. Biirichi abbaa taayitaa dambii raawwachiisaa Finfinnee waliin ta’uun raawwii karoora baatii sagalii bara bajataa 2017 qorachaa jira. Hooggantuun biirichaa Liidiyaa Girmaa wayita kana bara bajatichaa hawaasa hirmaachisuun yakka ittisuuf akkasumas nagaa fi tasgabbii mirkaneessuuf hojjetameera. Hawaasni nagaa mirkaneessuuf hojii hojjechaa jiru akka cimsu konfaransoonni nagaa hedduun taa’amuu yaadachiisanii, bu’aan qabatamaan argamuus dubbataniiru. Raayyaa nageenyaan walqabatee bara bajatichaa miseensota haaraa hedduu fo’achuun fi leenjisuun bobbaafamuu ibsaniiru. Hojii hojjatameen baatii sagal darban yakki hir’achuu fi nageenyi itti fufuun danda’ameera jedhan. Kanneen sababa malee gatii dabaluun qaala’insa jireenyaa uumanirrattis tarkaanfiin fudhatamuu ibsaniiru. Dambii kabachiisuuf jecha daldala daandiirraa akkasumas misooma kooriidariin walqabatee qaamoleen danbii cabsan adabamuu kaasaniiru. Abbaan taayitaa dambii kabachiisu Lafa weeraruu fi ijarsa seeraan alaa to’achuun hojii milkaa’aa hojjechuu eeraniiru.
Yaa’iin ariifachiisaa ergama deeggarsaa fi tasgabbeessuu gamtaa Afriikaa har’a taa’ama
Apr 25, 2025 207
Ebla 17/2017 (TOI)-Yaa’iin ariifachiisaa biyyoota humna nagaa kabachiisuu ergama deeggarsaa fi tasgabbeessuu gamtaa Afriikaaf gumaacha taasisanii har’a Yugaandaatti nitaa’ama. Barreessaan Olaanaa ‘IGAD’ Dr. Warqinaa Gabayyoo yaa’icharratti hirmaachuuf Inteebee dhaqaniiru. Afriikaa keessumaammoo biyyoonni ollaa Somaalee nageenyi waaraan biyyattii keessatti akka mirkanaa’uuf aarsaa kafaluusaanii ‘IGAD’ ibseera. Aarsaan kun Somaaliyaa nagaa akka qabaattu kutannoo qabu kan agarsiisu himeera. Nageenyi Somaaliyaa tasgabbii addunyaaf ijoo ta’uu ‘IGAD’ beeksiseera.
Garee finxaalessaa nama ukkaamsuu fi ajjeesuun miidhaa geessisaa jirurratti tarkaanfiin cimaan fudhatamaa jira
Apr 25, 2025 157
Ebla 17/2017(TOI)- Garee finxaalessaa nama ukkaamsuu fi ajjeesuun adeemsa barumsaa jeequun barsiisotarratti miidhaa geessisaa jirurratti tarkaanfiin cimaan fudhatamaa akka jiru gaggeessaan biiroo nagaa fi tasgabbii naannoo Amaaraa ibsan. Haala nagaa fi tasgabbii naannichaa fi tarkaanfii seera kabachiisuu garee kanarratti fudhatamaa jiru ilaalchisee gaggeessaan damee nagaa fi tasgabbii naannichaa Dr. Isheetee Yeesuuf TOI waliin turtii taasisaniiru. Ibsa kennaniin, gareen shororkeessaa biyya diiguuf ka’e bakkeewwan garagaraatti ajjeechaa, saamichaa fi badii namarraan gahaa jiraachuu kaasaniiru. Karaa nagaatti akka deebi’u mootummaan irra deddeebi’uun waamicha taasisaa ture ammallee mootummaan nageenyaaf waamicha taasisaa akka jiru ibsaniiru. Hidhattoonni hedduun waamicha taasifameen karaa nagaatti deebi’uunsaanii nibeekama. Finxaaleyyii badiirraa deebi’uu dhabuun ajjeechaa, saamichaa fi nama ukkaamsuu irratti argaman tarkaanfiin seera kabachiisuu qindaa’aa fi cimaan fudhatamaa jira jedhan. Gareen finxaalessaa kun daandii cufuun dhiheessii xaa’oo fi tajaajiloota hawaasummaa biroo gufachiisuun alatti qonnaan bulaan akka hin hojjennee fi oomisha gabaa akka hinbaafne gochaa akka jiru yaadachiisaniiru. Abbootii amantaa fi jaarsolii biyaa ajjeesuun fi ukkaamsuun badii raawwachaa turuusaa yaadachiisaniiru. Manneen barnootaarratti dhuka’aa darbachuun, barsiisota hidhuu fi ajjeesuun akkasumas barattoonni mana barumsaa akka hindeemne dhorkuun farra ummataa ta’uusaa agarsiiseera jedhan. Kanaaf finxaalessaa farra ummataa ta’e kanarratti tarkaanfiin irra deebii hinqabne fudhatamaa akka jiru ibsaniiru. Haala Kanaan bittinnaa’aa kan jiruu fi carraa argateen namoota samuu fi ukkaamsuu yaalaa akka jiru eeranii, tumsaa fi eeruu ummataan tarkaanfiin itti fudhatamaa jira jedhaniiru. Nagaa haala Kanaan uumameen bakkewwan hedduutti dhiheessiin xaa’oo fi galteewwanii qonnaan bulaa qaqqabaa akka jiru ibsaniiru.
Miseensonni garee finxaaleyyii ergama shororkeessummaa fudhachuun hawaasa jeequuf socho’aa turan to’annaa jala oolan
Apr 24, 2025 196
Ebla 16/2017(TOI)- Miseensonni garee finxaaleyyii ergama shororkeessummaa fudhachuun hawaasa jeequuf socho’aa turan to’annaa jala ooluusaanii qajeelchi nagaa fi tasgabbii bulchiinsa magaalaa Gondar beeksise. Gaggeessaan qajeelchichaa obbo Alleliny Alam ibsa har’a kennaniin, miseensonni garichaa dheengadda galgala buufata poolisii magaalichaa tokkoo fi waajjira gandaarratti dhuka’aa dhoosuun miliqanii kan turan ta’uu dubbataniiru. Hordoffii caasaan nageenyaa taasiseen gareen kun ergama shororkeessummaa biraa raawwachuuf mana nama dhuunfaa tokko keessatti meeshaa dhuka’aa qopheessan waliin to’annaa jala ooluusaanii ibsaniiru. Miseensonni finxaaleyyii kunneen sadii yoo ta’an bakka gabaa, manneen barnootaa fi bakka ummanni walgahutti dhuka’aa kiyyeessuun gocha shororkeessummaa raawwachuuf qophiirra akka turan caasaan nageenyaa qorannoo taasiseen mirkaneessuusaa beeksisaniiru. Caasaan nageenyaa namoota gocha kanarratti hirmaatanii yeroof hinqabamne to’achuuf hordoffii taasisaa akka jiru dubbataniiru. Ergamni ijoo garee shororkeessaa kun pirojektoota gurguddoo magaalattiitti hojjetamaa jiran gufachiisuun nageenya waaraa hawaasni argate booressuuf akka ta’es ibsaniiru. #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI #Oromiyaa #nageenya
Ayyaanni hundeeffama poolisii waggaa 116ffaan Ebla 19 irraa eegalee sagantaawwan garagaraan nikabajama
Apr 24, 2025 159
Ebla 16/2017(TOI)-Ayyaanni hundeeffama poolisii waggaa 116ffaan Ebla 19 amma 26 bara 2017tti sagantaawwan garagaraan akka kabajamu poolisiin federaalaa beeksise. Dubbi himaan poolisii federaalaa Itiyoophiyaa gargaaraa komishinaraa Mogos Chokkol ibsa kennaniin, guyyaa hundeeffama poolisii sagantaawwan garagaraan kabajuuf qophiin taasifameera. Ebla 19 amma 25 bara 2017tti dorgommiin Ispoortii dhaabbileen poolisii Baha Afriikaa irratti hirmaatan akka taasifamu dubbataniiru. Dorgommiin kun akaakuu Ispoortii jahaan akka taasifamu ibsaniiru. Ebla 23 bara 2017 simpooziyeemiin hayyoonni fi gaggeessitoonni poolisii akkasumas keessummoonni garagaraa bakka argamanitti golambaa saayinsiitti akka adeemsifamu eeraniiru. Agarsiifni sadarkaa poolisiin irra gahe agarsiisu ni’agarsiifama jedhaniiru. Gaggeessitoonni mootummaa olaanoon, dhaabbileen poolisii akkasumas gaggeessitoonnii fi bakka bu’oonni biyyoota miseensa BRICS bakka argamanitti Ebla 26 bara 2017 addababayii Masqalaatti akka kabajamu dubbataniiru.
Itti Aanaan Muummicha Ministiraa Tamasgeen Xurunaa itti aanaa dura taa’aa koree biyyaalessaa gumii maree partii siyaasaa ummata Chaayinaa fi dura taa’aa Federeeshinii Industirii fi Daldalaa Chaayinaa waliin marii’atan
Apr 24, 2025 181
Ebla 16/2017(TOI)- Itti Aanaan Muummicha Ministiraa Tamasgeen Xurunaa itti aanaa dura taa’aa koree biyyaalessaa gumii maree partii siyaasaa ummata Chaayinaa fi dura taa’aa Federeeshinii Industirii fi Daldalaa Chaayinaa Gaa’oo Yunlong waliin mari’ataniiru. Itti Aanaan Mummicha Ministiraa toora Miidiyaa Hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin partii siyaasaa ummata Chaayinaa Itti Aanaa Itti Gaafatamaa fi Itti Gaafatamaa Industirii fi Federeeshinii Daldalaa Ga’oo Yunlong fi Jilasaaniin baga nagaan gara Itiyoophiyaa dhuftan jedhaniiru. Itiyoophiyaa fi Chaayinaa gidduutti Invastimantii, Misooma Dinagdee fi walta’insa daldalaa jabeessuun haala dandahamu irratti, ittigaafatamicha waliin marii’achuusaanii ibsaniiru. Itti aanaan itti gaafatama Ga’oo Yunlongi Itiyophiyaan hojiiwwan misoomaa hojjechaa jirtu dinqisiifachuu isaanii ibsaniiru. Keessumattuu Magaalaan Finfinnee jijiiramuushee fi hojii milkaa’inaa argametti dinqisiifachuu isaanii himaniiru. Itiyoophiyaan gama Invastimantiin Abbootii qabeenyaa Chayinaaf Mijattuu ta’uu fi haalaan kan hin jijijjiiramne hariiroo tarsiima’aa biyyoota lamaani gama Dinagdeen Caalaatti jabaatee akka itti fufuuf walii galleera jechuun ergaasaaniin dabarsaniiru.

Hawaasummaa
Waxabajjii bara 2017 irraa eegalee Paaspoortii fudhachuuf odeeffannoon Faayidaa barbaachisaadha
Apr 26, 2025 89
አEbla18/2017 (TOI)-Waxabajjii 1 bara 2017 irraa eegalee namoonni Paaspoortii eeggachaa jiran paaspoortii fudhachuuf wayita dhufan odeeffannoo Faayidaa qabatanii dhihaachuu akka qaban ibsame. Tajaajila Paaspoortii argachuuf Faayidaan ulaagaa haalduree akka ta’u waliigalteen har’a magaalaa Arbaa Mincitti mallatteeffameera. Waliigalteen tatajila immigireeshinii fi lammummaa fi sagantaa waraqaa eenyummaa dijitaalaa jidduutti mallatteeffame Waxabajii 1 bara 2017 irraa eegalee waraqaa eenyummaa faayidaa sanadoota ijoo paaspoortiif barbaachisan keessa galchuun tajaajila kennuuf akka dandeessisu ibsameera. Daarektarri olaantuu tajaajila immigireeshinii fi lammummaa adde Salaamaawiit Daawit ibsa miidiyaaleef kennaniin, dhaabbatichi riifoormii eegale itti fufuun Waxabajii 1 bara 2017 irraa eegalee Waraqaa eenyummaa Faayidaa tajaajila paaspoortiif haalduree gochuuf qophiin xumuramuu ibsaniiru. Daarektarri olaanaa sagantaa waraqaa eenyummaa dijitaalaa Yoodaahee Ar’ayasillaasee gamasaaniin, waliigaltichi eenyummaa waliin dhahuun carraaqqii sanadoota garagaraa argachuuf taasifamu kan ittisudha jedhan. Lammiileen gaaffii tajaajila paaspoortii dhiheessanii paaspoortii fudhachuu wayita dhufan waraqaa eenyummaa Faayidaa kan maxxanfame ykn bilbilasaaniin qabatanii dhufuun tajaajila argachuu akka danda’an hubachiisaniiru. Tajaajilamtoonni lakkoofa faayidaa addaa qabachuun, Koodii QR waraqaarratti maxxansuun, dijitaal koppii karaa appilikeeshinii “Faayidaa ID” qabatanii ykn filannoo biraa kan QR ia sirrii qabatetti fayyadamanii qabatanii dhufuun tajaajila argachuu nidanda’u jedhameera. Tajaajiloota waraqaa eenyummaa dijitaalaa Faayidaan walqabsiisuun odeeffannoon bifa tokkoo fi kan walsime sadarkaa biyyaalessaatti akka jiraatu gochuun qooda olaanaa akka bahu himameera.
Dhaabbilee fayyaa babal’isuun cinaatti dhukkuba ittisuu fi to’achuuf hojmaanni qindoominaa jabaachuu qaba-Ministeera Fayyaa
Apr 26, 2025 51
Ebla 18/2017(TOI)- Dhaabbilee fayyaa babal’isuun cinaatti dhukkuba ittisuu fi to’achuuf hojmaanni qindoominaa jabaachuu akka qabu de’etaan Ministirara Fayyaa Dr. Darajjee Dhugumaa hubachiisan. Guyyaan busaa idil addunyaa 18ffaan gaggeessitoonni federaalaa, naannolee fi godinaa bakka argamanitti magaalaa jimmaatti adeemsifameera. De’eetaan ministira fayyaa Dr. Darajjee Dhugumaa saganticharratti akka jedhanitti, dhaabbilee fayyaa babal’isuuf carraaqqiin taasifamee bu’aan argameera. Kanuma cinaatti hawaasa qindeessuun qabenya walitti qabuun dhukkuba busaa dabalatee mala dhukkuboota yaaddoo fayyaa ta’an ittisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Haala Kanaan hawaasni mala dhukkubni ittiin ittifamu akka hojeessu hubannoon kennamaa jiraachuu dubbataniiru. Ogeeyyonnii fi gaggeessitoonni dhaabbilee fayyaa akkasumas qooda fudhattoonni hojii qindoominaa fi tumsaa akka cimsan hubachiisaniiru. Hooggantuun biiroo fayyaa Oromiyaa piroofeesar Natsaannat Warqinaa gamasaaniin, bu’uraaleen misoomaa fayyaa naannichatti xiyyeeffannoon kennameefii hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Keessumaa dhukkuba busaa ittisuurratti hubannoo uumamaa jiruun bu’aan argamuu dubbatanii, kun cimee itti fufa jedhan. Bulchaan godina Jimmaa Obbo Tijaanii Naasir gamasaaniin, aanaalee fi gandoota godinichaa busaan keessatti mudate adda baasuun qindoominaan hojjechuun dhukkubicha to’achuun akka danda’ame himaniiru. Bu’uraalee misoomaa damee fayyaa babal’isuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa akka jiru dubbataniiru. Keellaawwan fayyaa dhaloota lammaffaa 28 hirmaannaa ummataa birrii miiliyoona 600n godinicha keessatti ijaaramuusaanii kaasaniiru.
Turistoonni miiliyoona 9 tuqaa 7 caalan Baatii sagal keessatti Finfinnee daawwataniiru-Biiricha
Apr 26, 2025 49
Ebla 18/2017 (TOI)-Bara bajatichaa baatii sagal keessatti turistoonni miiliyoona 9 tuqaa 7 caalan Finfinnee daawwachuusaanii biiroon aadaa, aartii fi turizimii Finfinnee beeksise. Biiricha Itti aanaan biirichaa Hundee Kabbadaa TOI’tti akka himanitti, daawwattoonni Finfinnee dhufan yeroo yerootti dabalaa jira. Daawwattoonni biyya alaa fi biyya keessaa baranaa kan bardheengaddaa yeroo wal fakkaataa waliin walbira yoo qabamu guddaa akka caalu beeksisaniiru. Baatii sagal keessatti tuuristoonni biyya keessaa fi biyya alaa miiliyoona 9 fi kuma 140 ol Finfinnee daawwachuu beeksisaniiru. Feestivaalonni amantaa fi aadaa Finfinneetti adeemsifaman baayy’inni daawwattoota biyya keessaa akka dabalu taasisuu ibseera. Misoomni bakkeewwan tuurizimii fi kooriidarii haala mijataa uumuusaa dabalanii ibsaniiru. Pirezidaantiin waldaa ogeeyyota daawwachiiftota tuuristii Itiyoophiyaa obbo Endii Asaffaa gamasaaniin, hojiileen misooma tuurizimii yeroo dhihoo asitti hojjetamaa jiran tuuristoonni akka dabalan taasisuusaa ibsaniiru. Misoomni bakka tuurizimii fi kooriidarii Finfinneen damee turizimiin magaagaawwan idil addunyaa waliin akka dorgomtu taasisaa akka jiru dubbataniiru. Magaalattiin tuurizimii istoop aappiif, tuurizimii konfaransiif jaalatamtuu ta’uushee guddina turizimii magaalattiif gumaacha taasisuusaa eeraniiru.
Sosochii barnoonni dhalootaaf jedhuun Birriin biiliyoona 82 ol walitti qabameera
Apr 26, 2025 55
Ebla 18/2017 (TOI)- Sosochii barnoonni dhalootaaf jedhuun Birriin biiliyoona 82 ol walitti qabamuu koreen hojii raawwachiisaa paartii badhaadhinaa beeksise. Koreen hojii raawwachiisaa paartii badhaadhinaa walgahii idilee Ebla 17 amma 18 bara 2017tti adeemsisaa ture xumuruu ilaalchisee ibsa baaseera. Koreen hojii rawwachiisaa ibsa baaseen, dhimmoota siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa fi dippilomaasii Itiyoophiyaa irratti bal’inaan mari’ateera. Itiyoophiyaan bara 2018 abdiirraa ifa qabatamaatti cehuuf, bara 2023 badhaadhina Afriikaaf fakkeenya ta’uuf bara 2040 badhaadhina Afriikaaf fakkeenya ta’uuf mul’anni qabatte akka milkaa’u wantoonni agarsiisan mul’achuusaanii koreen hojii raawwachiisaa kun mirkaneessdeera. Haala Kanaan keesumaa sosochii “barnoonni dhalootaaf” jedhuun taasifameen deeggarsi birrii biiliyoona 82 caalu walitti qabamuu ibsuun, walumaa gala guutuu biyyaatti manneen barnootaa kuma 6 fi 815 ijaaramuusaanii mul’iseera. Dandeettii Manneen barnootaa buleeyyii fooyyessuu fi kanneen sababa walitti bu’iinsaan miidhaman suphuuf tattaaffiin taasifame hojii dhalootarratti hojjetamuuf bu’ura akka ta’e koreen hojii raawwachiisaa paartichaa beeksiseera. Gama biraan du’a haadholii fi daa’immanii gama hir’isuun bu’aan argamuun ibsameera.
Diinagdee
Itiyoophiyaan adeemsa miseensa dhaabbata daldala addunyaa ta’uuf itti jirtu yeroo qabameefitti xumuruuf kutannoon hojjechaa jirti-Dr. Iyyoob Takkaaliny
Apr 26, 2025 58
Ebla 18/2017(TOI)- Itiyoophiyaan adeemsa miseensa dhaabbata daldala addunyaa ta’uuf itti jirtu A.L.A Bitootessa 2016tti xumuruuf kutannoon hojjechaa jirti de’etaan ministira maallaqaa Dr. Iyyoob Takkaaliny ibsan. Itiyoophiyaa fi Uzbeekistaan walgahii baatii birraa kan waggaa garee baankii addunyaa fi dhaabbata maallaqaa idil addunyaa Waashiingiteen Diisiitti adeemsifamaa jiru cinaatti miseensummaa dhaabbata daldalaa addunyaa ilaalchisee marii sadarkaa olaanaa taasisaniiru. Mariin kanagaree baankii addunyaa fi dhaabbata maallaqaa addunyaatu walta’uun qopheesse. Daarektarri olaanaa dhaabbata daldala addunyaa Nigoozii Okonjo-Iiwiilaa, baankii addunyaatti itti aanaan pirezidaantii riijinii Afriikaa bahaa fi kibbaa Nidyaamee Diiyop fi daarektarri itti aanaa tarsiimoo Keen Kaang waltajjicharratti hirmaataniiru. De’etaan ministiraa Dr. Iyyoob Itiyoophiyaan walgahii ministirootaa dhaabbata daldala addunyaa 14ffaa A.L.A Bittootessa bara 2026 Kaameeroon Yaawundeetti taa’amurratti adeemsa miseensummaa xumuruuf cimtee akka hojjettu ibsaniiru. Daarektarri olaanaa dhaabbata daldala addunyaa Nigoozii Okonjo-Iiwiilaa waa’ee miseensummaa Itiyoophiyaa fi Uzbeekiistaan akka si’atu dhaabbileen biyyoota hedduu fi deeggartoonni gamlamee deeggarsa teekinikaa fi gabbisa dandeettii barbaachisu akka taasisan waamicha godhaniiru. Hirmaattonni walgahichaa Itiyoophiyaan seera hordoftee qaama sirna daldala addunyaa ta’uuf kutannoo agarsiifte dinqisiifachuun guutummaatti akka deeggaran ibsuusaanii odeffannoon ministeera maallaqaa nimul’isa.
Koreen hojii raawwachiisaa paartii badhaadhinaa yaa’ii guyyoota lamaaf taa’een ilaalchisee ibsa baaseen dinagdee ilaalchisee qaxiilee ijoo irratti mari’ate keessaa-
Apr 26, 2025 52
Bara kana dinagdeen walii gala akkaataa karoorfameen dhibbantaa 8 tuqaa 4n akka guddatu hojii raawwachiisaan kun qorateera. Qonni dhibbantaa 6 tuqaa 1, Industiriin dhibbantaa 12 tuqaa 8, Maanuufaakchariingiin dhibbantaa 12n, Konistiraakshiniin dhibbantaa 12 tuqaa 3n, Tajaajilli dhibbantaa7 tuqaa 1’n kan guddatan ta’uun qoratameera. Baatii sagal darban Galiin mootummaa waliigalaa kan bardheengaddaa yeroo walfakkaataan walbira yoo qabamu dhibbantaa 134n caala. Liqiin alaa qoonni oomisha dimshaashaa biyya keessaa dhibbantaa 13 tuqaa 7tti gadi bu’eera. Oomishaaleen ijoo jaha biyya alaatti ergaman, dhibbantaa 82 amma 386 kan bardheengaddaa caalu. Afriikaarraa Qamadii, Ruuzii, Buna, Baala Shaayeen Friikaarraa adda duree ta’uuf ccarraaqqiin taasifamaa jiru firii godhachaa akka jiru argineerra. Riifoormiin dinagdee Gooroo lammiilee jireenya gadi aanaa jiraatan irratti dhiibbaa akka hin uumne sagantaaleen deeggarsaa hojjetamuusaanii koreen hohii raawwachiisaa sakatta’eera. Xaa’oof birriin biiliyoona 62, Seeftiineetiif birriin biiliyoona 41 tuqaa 2, Boba’aaf birriin biiliyeena 60, dawaaf birriin biiliyoona 3 tuqaa 5, Zayita nyaataaf birriin biiliyoona 6 tuqaa , akkasumas mindaaf birriin biiliyoona 38 tuqaa 4 deeggarsi taasifameera. Baatii sagal darban qofa carraaleen hojii biyya alaa kuma 344 fi 790 fi carraaleen hojii biyya keessaa miiliyoona 3 ol uumamaniiru. #Oromiyaa #Tajaajila Odfuu Itiyoophiyaa #TOI#Badhaadhina
Wixineen Roodmaappii Ismarti siitii magaalaa Shaggar waggoottan sooddomman dhufan hojiirra oolchuuf qophaa'erratti mari'atamaa jira.
Apr 26, 2025 44
Ebla 18/2025(TOI)-Galma magaalaa Shaggar Ismaartii siitii taasisuu dhugoomsuu kan dandeesisu Roodmaappiin ismaarti siitii magaalaa shaggar kan waggoota soddomman dhufan hojiirra oolchuuf qopha'erratti mari'atameera. Waltajjiin marii kun magaalaa Bishooftuutti kan geggeeffame yoo ta'u hoggantoonni mootummaa naannoo Oromiyaa fi bulchiinsa magaalaa Shaggar akkasuma qooda fudhatoonni adda addaa irratti hirmaataniiru. Itti aanaan katiibaa fi qindeessaan kilaastara bulchiinsaa fi tajaajilaa Magaalaa Shaggar Obbo Gugsaa Dajanee waltajjicharratti, Magaalaan Shaggar yaadama magaalaa ammayyaa Ismaarti siitii qabachuun erga hundaa'ee waggaa lama ta’uu yaadachiisaniiru. Bulchiinsi magaalichaa galma magaalaa ismrtii siitii ijaaruu kana dhugoomsuuf hojechaa akka jiru himaniiru. Hojiiwwan kana keessaa yaadama magaalaa Ismaartii hundeesuu kana dhugoomsuuf Yuunivarsiitii Finfinnee waliin ta'uun bara darbe irraa eegaluun qorannoon roodmaappi ka'umsaa (baseline) qophaa'uu eeranii, qorannoo qophaa'eenis Magaalaan Shaggar sadarkaa maalirra akka jiru adda baafamuu himu. Qorannoon bu'uuraa kun dhimmoota danuu of keessatti kan hammate ta'uu eeranii; kanuma bu'uurefachuun roodmaapiin Ismaarti siitii magaalaa Shaggar kan waggaa 30 qophaa'uu himiiru. Roodmaapiin kunis walta'insa bulchiinsa magaalaa Shaggarii fi Yuuniivarsiitii Finfinneen qophaa'uus eeraniiru. Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Shaggar Obbo Alamaayyoo Tulluu gamasaaniin, Magaalaan Shaggar magaalaa gaaffii dinagdee fi hawaasummaa uummataa deebisuuf hundeeffame ta'uu waltajjii kanarratti eeraniiru. Kanaaf karaa waaraa ta'een magaalaa dorgomaa fi dingdee uummataa madaaluu uumuuf roodmaappii sirri mul'ata magaalichaa dhugoomsu qopheesuun ittiin hogganamuuf yaadamee roodmapiin istmarti siitii Shaggar qophaa'uu himaniiru. Roodmaapiin kun har'a magaalaan Shaggar maal qabdi maal hin qabdu kan jedhu qorannoon kan of keessatti hammate qabu ta'u ibsaniiru. Roodmapiin kun karooraa waggaa 10 bulchiinsa magaalichaa, galma hundeeffama magaalichaa fi kanneen biroo bu'uureffachuun qophaa'uus himniiru. Wixinee roodmaappii qophaa'e kunis kallattii sirrii akka akeekuuf yaanni hirmaatota marichaa irra argames kan caalaatti gabbisudha jedhaniiru.
Guyyaan Paayileetotaa Addunyaa Kabajaamaa Jira
Apr 26, 2025 46
Ebla 18/2017(TOI)-Guyyaan paayileetota idila Addunyaa (World Pilots’ Day) har’a kabajamaa jira. Odeeffannoo daandiin qilleensaa Itiyophiyaa fuula miidiyaa hawaasaan dabarseen guyyaa har’aa daandiin qilleensichaa fakkeenya milkaa’oo fi gotummaa paayileetotaaf guyya itti kabaja kenninudha jedhaniiru. Paayileetonni dandeettii isaaniitiin, tattaaffii isaanii fi jabina isaaniin, Mul’ata Afriikaa gara Biyyoota Addunyaa adda addaatti qabatanii deemuun , aadaa,biyyoota, waltti fiduun gahee olaanaa bahaa jiru. Har’as barabaraanis ni kabajna jechuun daandiin qilleensichaa ergaa dabarseen ibseera.
Saayinsii fi teeknooloojii
Walgahiin Innoveeshin Afriikaan Finfinneetti Taa’amuufi
Apr 25, 2025 94
Ebla 17/2017 (TOI)- Walgahiin Innoveeshin Afriikaan 2025 Ebla 20 amma 22 bara 2017tti Finfinneetti nitaa’ama. Walgahiin kun barnoota, infoormeeshinii fi komunikeeshinii, (ICT) fi ogummaa dijitaalaarrattinkan xiyyeeffate ta’uu odeeffannoon ministeera Innoveeshinii fi teeknooloojiinimul’isa. Ministiroonni biyyoota Afriikaa walgahicharratti akka hirmaatan ibsameera. Taatee kana ministeera Innoveeshinii fi teeknooloojii, ministeera barnootaa fi ministeera hojii fi ogummaatu walta’uun qopheesse.
Kubbaaniyaan Ameerikaa Tajaajila Idila Addunyaa hawaalaa babal’isuuf fedhii qabachuu beeksise
Apr 25, 2025 79
Ebla 17/2017 (TOI)-Kaampaaniin Baankii Viizaa Amerikaa Itiyoophiyaa dabalatee riijinichatti, Tajaajila Idila Addunyaa hawaalaa babal’isuuf fedhii qabachuu beeksiseera. Minsteerri Innooveeshinii fi Teekinooloojii Viizaa Amerikaa, kaardii kaffaltii Idila Addunyaa Inki tajaajila hawaalaa, faayinaansii dijitaalaa fi carraawwan deeggarsaa haaraa irratti waliin hoojechuuf marii’ateera. De’etaan Ministiraa Innoveeshinii fi Teekinooloojii Dr.Yishuruun Alamaayyoo Mootummaan Itiyoophiyyaa wal-qixxummaa fi faayidaa waloo irratti kan Xiyyeeffate Tumsa Dijiitaalayizeeshinii akka guddatu fedhii guddaa qabaachuu ibseera. Milkaa’ina Tiranisfoormeeshinii Dijiitaalaa seeraan, bu’uuraalee misoomaa fi ijaarsa humna namaan hojiiwwan bal’aan raawwatamaniiru. Hojiiwan Biyyoolessaa Dijiitaalayizeeshinii gochuu fi omisha faayinaansii tajaajila haarawaa Itiyoophiyaatti qaqqabsiisuuf tattaaffii gochaa jiraachuu ibsaniiru. Itti aanaan Pirezidantiin riijinii kibba Baha Afriikaa Viizaa Inki Mikaa’el Berner, Tajaajila Viizaa Idil Adduyaa, Itiyoophiyaa fi biyyoota Riijinichatti dhaqabamaa taassisuuf fedhii qabaachuu ibseera. Kaffaltiin Dijiitaalaa Viizaa Itiyoophiyaatti hojiirra oolchuun akka dandahamu ibsuun , Muuxannoo Idil Adunyaa fi naannoo hojiirra akka oolu ibsaniiru. Ajandaan Tiraanisfoormeeshiniin Dijiitaala Itiyoophiyaa akkasumas, tarsiimoon Pirojektii Dijitaalaa fi karoora raawwiisaa ilaalchisee, waliin hojjechuuf walii galteerra gahuu odeeffannoon minisreerichaa ni’agarsiisa.
Itiyoo Telekoom fi kaampaaniin Viizaa Ink tumsa dijitaal Faayinaansii qaban cimsuuf waliigalan
Apr 24, 2025 102
Ebla 16/2017 (TOI)- Itiyoo Telekoom fi kaampaaniin tajaajila kaardii kaffaltii Ameerikaa Viizaa Ink tumsa dijitaal Faayinaansii qaban cimsuuf akka hojjetan beeksisan. Hojii raawwachiiftuun olaanaa Itiyoo Telekoom Fireehiywoot Taammiruu garee jilaa kaampaanii Viiza Ink Ameerikaatti itti aanaan Pirezidaantii fi gaggeessaan riijinii kibbaa fi baha Afriikaa Mikaa’el Barnariin durfamu waliin mari’ataniiru. Qaamni lamaan tajaajiloota faayinaansii dijitaalaa idil addunyaa irratti carraalee tumsaa uumuun haala danda’amurratti mari’ataniiru. Dhaabbileen lamaan Viizaa kaardii waaleet varchuwaalii fi Viizaa daayirakti jalqabaaf Itiyoophiyaatti Hagayya 2016 dhugoomsan akkasumas sadarkaan raawwii tajaajiloota hawaalaa idil addunyaa karaa teelee birr Remiiti kennamanii irra jiru dhihaateera. Raawwiin onnachiisaan karaa tajaajiloota Hawaalaa galmaa’ee fi keessumaa sababa riifoormii dinagdee goorootiin carraan gabaa guddachuun ibsameera. Riifoormiin tajaajiloota hawaalaa idil addunyaa fedhii maamiltootaarratti bu’uureffate ittifufiinsaan hojjetamaa jiraachuun kaafameera. Teelee birriin ijaarsa dinagdee dijitaalaa hammataa fi qaqqabamaaf qooda ijoo bahaa jira jedhan. Teelee birriin neetwoorkii idil addunyaa Viizaa waliin qindaa’uun tajaajiloota faayinaansii dijitaalaa kalaqa ofkeessaa qabu dhiheessuuf carraaleen akka jiran ibsaniiru.
Ejensichi leenjifamtoota koodarsii miiliyoona shanii marsaa lammaffaa eebbisiise
Apr 22, 2025 162
Ebla 14/2017(TOI)-Ejensiin galmee siviilii fi tajaajila jiraattotaa leenjifamtoota koodarsii miiliyoona shanii marsaa lammaffaa eebbisiise 127 eebbisiiseera. De’etaan ministiraa Innoveeshinii fi teeknooloojii Dr. Yishuruun Alamaayyoo, sadarkaa itti aanaa kantiibaatti hojii gaggeessaan olaanaa magaalaa Finfinnee Injiinar Wandimmuu Seettaa fi daarektarri olaanaa ejensii galmee siviilii fi tafaajila jiraattotaa Finfinnee Yoonaas Alamaayyoo sirna eebbaarratti argamaniiru. De’etaan ministiraa Innoveeshinii fi teeknooloojii Dr. Yishuruun Alamaayyoo wayita kana akka ibsanitti, mootummaan tajaajila dijitaalaayizii qaqqabamaa taasisuuf hojjechaa jira. Humna namaa ogummaa teeknooloojiin ga’oome horachuun tajaajila dijitaalaayiz gochuuf murteessaa ta’uu ibsanii, sosochiin koodarsii miiliyoona shanii qooda olaanaa qaba jedhan. Dhaabbileen kana hubachuun hojjettoonnisaanii leenjii akka fudhatan gochuurratti sochiin taasisan ajaa’iba ta’uu ibsaniiru. Sadarkaa itti aanaa kantiibaatti hojii gaggeessaan olaanaa magaalaa Finfinnee Injiinar Wandimmuu Seettaa, bulchiinsi magaalaa Finfinnee bulchiinsa dijitaalaa diriirsaa akka jiru dubbataniiru. Kanaaf ammoo humna namaa horachuun murteessaa waan ta’eef leenjiin koodarsii miiliyoona shanii qooda olaanaa akka qabu dubbataniiru. Daarektarri olaanaa ejensii galmee siviilii fi tafaajila jiraattotaa Finfinnee Yoonaas Alamaayyoo dhaabbatichi tajaajila kennu ammayyaa fi qaqqabamaa taasisuuf riifoormii taasisaa akka jiru dubbataniiru. Leenjiin koodarsii miiliyoona shanii humna namaa ga’oome horachuuf filatamaa waan ta’eef hojjettoonni ejensichaa leenji’aa jiru jedhaniiru. Ebbifamtoota keessaa Wandimmaagany Habtaamuu fi Geetinnat Yittaayawu leenjichi beekumsa teeknooloojii garagaraa gabbifachuuf akka isaan dandeessise eeranii, kun ammoo tajaajila si’ataa gochuuf nugargaara jedhaniiru. #Oromiyaa #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Ispoortii
Ispoortii Aadaa Itiyoophiyaa guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira- Federeeshinicha.
Apr 21, 2025 275
Ebla 13/2017 (TOI)- Federeeshiniin Ispoortii Aadaa Itiyoophiyaa Ispoortiiwwan aadaa guddisuuf qoodafudhattoota waliin xiyyeeffanoon hojjechaa jiraachuu pirezedaantiin Federeeshinichaa Hiywot Mahammed ibsaniiru. Federeeshiniin Ispoortii Aadaa Itiyoophiyaa fi Yuunvarsiiti Kotobee waliin hojjechuuf har’a waliigaltee mallatteessaniiru. Waliigalticha pirezedantii Federeeshiniin Ispoortii Aadaa Itiyoophiyaa Hiywot Mahaammadii fi yuunvarsiitii Barnootaa Kotobeetti, IttiAanaa Pirezedantii Dr, Faqqadaa Tuulii Mallatteessaniiru. Waliigaltichi Ispoortii aadaa irratti Qorannoo fi qo’annoo gaggeessuuf, Akkasumas, leenjii gahumsa ogummaa ogeessotaa kennuu irratti waliin hojjechuuf kan isaan dandeessisu ta’uu Eeraniiru. Pirezidaantiin Federeeshiniin Ispoortii Aadaa Itiyoophiyaa Hiywot Mahamed akka ibsanitti, Ispoortii aadaa guddisuuf qooda fudhattoota waliin hojjechaa jirra jedhaniiru. Waliigalteen gam-lamee Yuunversiitii Kotobee waliin taassifame , Ispoortiiwwan Aadaa hedduu qorachuu fi guddisuuf, akkasumas uummata biratti hojiirra oolchuuf kan dandeessisudha jedhaniiru. Itti Aanaa Pirezedantii Yuunversiitii Kotobee Dr.Faqqadaa Tuulii gama isaniin, hoggansii fi barsiisoni gahumsa qaban jiraachuu ibsuun, waliigaltichi, Ispoortii aadaa biyyattii guddisuuf murteessaa tahuu ibsuun yuunvarsiitichi gaheesaa akka bahu mirkaneesseera.
Federeeshiniin Ispoortii Aadaa Itiyoophiyaa fi Yuunvarsiitiin Kotobee Waliin Hojjechuuf walii galtee Mallatteessan.
Apr 21, 2025 184
Ebla13/2017(TOI) - Federeeshiniin Ispoortii Aadaa Itiyoophiyaa fi Yuunvarsiitiin Kotobee waliin hojjechuuf walii galtee Mallatteessaniiru. Waliigalticha Pirezidantiin Federeeshinii Ispoortii Aadaa Hiywot Mahammadii fi Itti Aanaan Pirezedantii Yuunversiitii Kotobee Dr. Feqedee Tuulii mallatteessaniiru. Walii galtichi Ispoortii Aadaa irratti Qorannoo fi Qo’annoo, dandeettii gahumsa ogummaa ogeessotaa fi barnootaan waliin hojjechuu kan isaan dandeessisu tahuu ibsaniiru. Pirezedantiin Federeeshinii Ispoortii Aadaa Hiywot Mahammad saganticha irrattti akka dubbatanitti, walii galtichi Ispoortii Aadaa biyyattii keessa jiran Qorachuuni fi guddisuuf, akkasumas Hawaasa biratti akka baratamu gochuuf tahuu ibsaniiru. Akkasumas, Ispoortiiwwan Aadaa Qorachuun Sadarkaa Idil Addunyaatti beeksisuu fi babal’isuuf kan kaayyefate tahuu ibsaniiru. Itti Aanaan Pirezedantii Yuunvarsiitii Kotobee Dr.Feqedee Tuulii gama isaaniin , Yuunversiitichi kallattiiwaan adda addaan beekumsaa fi dandeettiin barsiisotaa fi gaggeessitoota barnootaa horachaa jiraachuu dubbataniiru. Ispoortiiwwan Aadaa biyyattii guddisuuf waliigaltichi murteessaa tahuu ibsuun , Yuunversiitichi kan isarraa eegamu akka raawwatu dubbateera.
Taphni piriimer liigii sadii har’a nigaggeeffama
Apr 21, 2025 187
Ebla 13 (TOI)- Piriimer Liigii Itiyoophiyaatti torban 26ffaa taphoota oolmaa guyyaa sadiin taphoonni sadii ni gaggeffamu. Taphni jalqabaa ganama sa’aatii 3 fi 30 Magaalaa Aadaama fi Machaal Gidduutti Istaadiyeemii Yuunversiitii Hawaasaatti nigaggeeffama. Magaalaan Adaamaa qabxii 21n sadarkaa 16ffaa qabatee sadarkaa gadiirratti argama. Machaal qabxii 35n sadarkaa 6ffaa qabateera. Guyyaa sa’aatii 9 irratti Fasil kanamaan Diredawaa kanamaa waliin nitaphatu. Fasil kanamaan qabxii 33n sadarkaa 11ffaa yoo qabatu, Magaalaan Diree Dawaa qabxii 26n sadarkaa14ffaa qabateera. Tapha guyyaa dhumaan galgala sa’aatii 12 irratti Magaalaan Baahir Daar fi Maqalee 70 Indartaan wal Morkatu. Magaalaan Baahir Daar qabxii 37n sadarkaa 3ffaa qabateera. Maqalee 70 Indartaan qabxii 28n sadarkaa 13ffaa irra jira. Oduu wal fakkaatuun, taphoota torban 26ffaa kaleessa gaggeeffamaniin taphooota guyyaa lamaniin , Bunni Sidaamaa buna Itiyoophiyaa 1 fi 0 yoo injifatu, Magaalaan Arbaa Mincii fi Sihuul Shireen goolii tokko malee wal qixa addan bahaniiru.
Taphni Madin Itiyoohiyaa fi Magaalaa Adaamaa ni’eegama
Apr 16, 2025 366
Ebla 08/2017(TOI)- Olmaa guyyaa xumuraa torbee 25ffa piriimer liigii Itiyoophiyaatiin liigicha dursaa kan jiru Madin Itiyoophiyaan magaalaa Adaamaa waliin nitaphatu. Kilaboonni lamaan guyyaa keessaa sa’aatii 9tti Istaadiyeemii Yuunvarsiitii Hawaasaatti nidorgomu. Madin Itiyoophiyaan qabxii 45niin dursaa jira. Qabxii 21n sadarkaa 16ffaarra qabachuun sadarkaa gadiirra kan jiru magaalaan Adaamaa yoo mo’ate sadarkaa gadi bu’aarraa kan isa baasu qabxii 3 argata. Sagantaa xumuraa torbee 25ffaan Magaalaan Dirree Dawaa fi Itiyoo Elektiriik galgala sa’aatii 12tti nitaphatu. Magaalaan Dirree Dawaa qabxii 26n sadarkaa 14ffaa irratti argama. Itiyoo Elektiriik qabxii 29n sadarkaa 12ffaa irratti argama. Gareen lamaan yoo mo’atan yaaddoo gadi bu’uu jalaa niba’u. Taphoota oolmaa guyyaa sadaffaa torbee 25ffaa kaleessa dorgomameen Bunni Itiyoophiyaa Faasiil Kanamaa, Machaal Arbaa Minci qabxii walfakkaataa 1 fi 0n mo’ataniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Biqiltuun Sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabamu godina Wallagaa Bahaa fi Harargee Lixaatti qopheeffamaa jira
Apr 26, 2025 69
Ebla 18/2017 (TOI):-Naannoo Oromiyaa godina Wallagaa Bahaa fi Harargee Lixaatti biqiltuuwwan akaakuu garagaraa ganna dhufu Sagantaa ashaaraa Magariisaan dhaabamu qophaa’aa jiraachuu waajjiraalee qonnaa godinootaa beeksisaniiru. Akka itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa godina Wallagaa Bahaa Asfaaw Hambisaa ibsanitti, Sagantaa ashaaraa Magariisaa bara kanaatiin biqiltuu miiliyoona 544 ol godinicha keessatti dhaabuuf qophiin taasifamaa jira. Waggoota darbanitti biqiltuu dhaabame irraa hawaasni fayyadamoo ta’uu hubachiisuudhaan, bara kana kana caalaa hojjechuuf qophiin taasifamaa jira jedhan. Waajjirichatti gaggeessaan adeemsa hojii sululaa fi misooma bosonaa Obbo Dassaleny Bal’ataa, godinichatti sagantaa ganna bara kanaatiif biqiltuuwwan bosonaa, nyaata horii, fuduraalee fi biqiltoota biroo qophaa’uu ibsaniiru. Haaluma walfakkaatuun, Itti Gaafatamaan Garee Misooma Qabeenya Uumamaa Waajjira Qonnaa fi Misooma Qabeenya Uumamaa godina Harargee Lixaa obbo Waasee Baqqalaa Sagantaa ashaaraa Magariisaa bara kanaaf baroota darban caalaa haala fooyya’aa ta’een qophiin taasifamaa jira jedhan. Bara kanas biqiltuuwwan gosa adda addaa miiliyoona 413 ol godinicha keessatti dhaabuuf qopheeffamaa kan jiran yoo ta’u, kana keessaa miiliyoona 82 ol biqiltuu firii kan akka giishxaa, avokaadoo; maangoo akka ta’an ibsaniiru. Lakkoofsi gosoota muka firii bara kana dhaabuuf karoorfame kan bara darbee miiliyoona 20 ol ta’uu agarsiisaniiru. Biqiltuun firii waggaa waggaan godinicha keessatti dhaabamaa jiru galii qonnaan bulaa dabaluu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf gumaacha taasisaa jiraachuu ibsaniiru.
Naannoo Amaaraatti lafa heektaara kuma 207 irra biqiltuu dhaabuuf qophiin taasifamaa jira-biiroo qonnaa naannichaa
Apr 24, 2025 97
Ebla 16/2017(TOI)- Naannoo Amaaraatti sagantaa ashaaraa magariisaa ganna dhufu adeemsifamuuf lafa miidhame heektaara kuma 207 irra biqiltuu dhaabuuf qophiin taasifamaa jiraachuu biiroon qonnaa naannichaa beeksise. Lakkoofsa marsaa jalqabaa taasifameen biqiltuu ganna darbe naannichatti dhaabame biiliyoona 1 tuqaa 4 ol keessaa harki 85 qabateera jedhame. Biiroo qonnaa naannichaatti daarektarri eegumsaa fi itti fayyadama misooma qabenya uumamaa obbo Ismala’alam Mihirat ibsa TOI’f kennaniin, naannichatti lafa sababa namtolchee fi uumamaan miidhame bosona gochuuf hojjetamaa jira. Hojii amma ammaatti hojjetameen qophiin biqiltuu karaa mootummaan, dhuunfaa, waldaalee fi dhaabbileedhaan cimee itti fufuu himaniiru. Uwwisi bosonaa naannichaa amma jiru biqiltuu dhaabamuun harka 16 tuqaa 3 irraa gara harka 17 tuqaa 3tti guddisuuf kan yaadame ta’uu ibsaniiru.
Guyyoota itti aananitti naannawoota daangaa Itiyoophiyaa, Sudaan, fi Sudaan Kibbaatti qilleensi ho'aan ni eegama
Apr 22, 2025 173
Ebla 14/2017 (TOI)- Giddu-galli odeeffannoo haala qilleensaa Baha Afrikaa guyyoota itti aananitti naannawoota daangaa Itiyoophiyaa, Sudaan fi Sudaan Kibbaatti, akkasumas kaaba baha Keeniyaatti ho’i idilee ol akka galmaa’u beeksise. Akka odeeffannoon raaga qilleensaa ‘ICPAC’ ibsutti, guyyoota saddeet dhufan keessatti naannoolee Sudaan fi Itiyoophiyaa hedduu keessattuu naannoo Affaar keessatti ho’i ol’aanaan ni galmaa’a jedhamee eegama. Sudaan Kibbaa fi Eertiraa, akkasumas naannawoota kaaba, dhihaa, fi baha Itiyoophiyaa keessatti ho’i giddu galeessaa hanga ol’aanaa ni mudata. Jibuutii, Somaaliyaa, Yugaandaa, Keeniyaa fi Taanzaaniyaa keessatti ho’i giddu galeessaa hanga ol’aanaa galmaa’uu akka danda’u odeeffannoon raga qilleensaa ni mul’isa. Eertiraa, Jibuutii, Taanzaaniyaa, Itiyoophiyaa, Yugaandaa, dhiha Keeniyaa, akkasumas giddu-galeessa fi kaaba Somaaliyaa keessatti ho'i idilee ol ta'a jedhamee eegama. Roobni xiqqaan kutaalee dhiha Itiyoophiyaa, Ruwaandaa, Burundii, kaabaa fi kibba Taanzaaniyaa, dhiha Yugaandaa, fi naannoo qarqara galaanaa Keeniyaattis ni eegama. Tajaajilli Odeeffannoo Haala Qilleensaa Baha Afrikaa (ICPAC) haala qilleensaa fi taateewwan haala qilleensaa kanaan walqabatan biroo raaguun xiinxaluu, akkasumas ergaa akeekkachiisa dursaa waliif qooduun beekama.
Guyyoota 10 dhufan naannawoota qonna Arfaasaa raawwatanitti haalli meetirooloojii itti fufu-Inistiitiyuuticha
Apr 22, 2025 148
Ebla 14/2017(TOI)- Guyyoota 10 dhufan naannawoota qonna Arfaasaa raawwatan hedduutti haalli meetirooloojii itti fufu Inistiitiyuutiin mitiwoorooloojii Itiyoophiyaa beeksise. Inistiitiyuutichi ibsa TOI’f ergeen naannawoonni kibbaa, kibba lixaa, lixaa, bahaa akkasumas riifti vaalii bokkaa ni’argatu. Naannawoonni biyyattii kibbaa fi kibba lixaa rooba jiddugaleessaa akka argatan inistiitiyuutichi raageera. Naannawoota Arfaasaa qotaman dabalatee, kibba lixaa fi lixa akkasumas lixa Kaaba biyyattii rooba xiqqaa amma jiddugaleessaatti akka argatan injistiitiyuutichi ibseera. Rooba darbee darbee cimurraa ka’uun kibba, kibba bahaa fi kibba lixaa biyyattiitti sa’aatii 24 keessatti roobni cimaan miilii meetirii 30 ol akka argatan raagamuu beeksiseera. Humna aduu Epiriil guyyoota sadan kurnaniitti jiruun walqabatee keessumaa Gaambeellaa, Affaar, Somaalee, Beeniishaangul Gumuzii fi lixa amaaraatti hoo’inni olaanaan kn guyyaa digirii seelshiyeesii 35 akkasumas bakkeewwan muraasatti digirii seelshiyeesii 40 ol akka ta’u odeeffannoon raaga inistiitiyuutichaa nimul’isa.
Gabaasa addaa
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 2040
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.
Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qaqqabe daawwata.
Oct 22, 2024 2433
Onkoloolessa 12/2017(TOI) - Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qabeenyarra gahee bakkatti argamuun ilaalaniiru. Paartii Badhaadhinaatti hogganaan damee wajjira Finfinnee obbo Mogas Baalchaa wayita kana akka himanitti; gamoo balaan ibiddaa irratti mudatee qaama isaa gar tokko balaa kanarraa baraaruun danda'ameera. Kutaaleen hawaasaa fi qaamoleen nageenyaa karaa qindaa'een balaa kana to'achuu fi balaan kun gara biraatti akka hin babal'anneef hojii hojjetaniif galateeffataniiru. Bulchiinsi magaalichaa balaa ibiddaa mudate kanaan kanneen miidhaman deebisee dhaabuuf xiyyeeffannoon akka hojjetu obbo Mogos Baalchaa ibsuu isaanii Odeeffannoon Waajjira Kantiibaarra argame ni mul'isa.